Buufanni xiyyaaraa idiladdunyaa Bishooftuutti ijaaramu Afrikaarraa isa jalqabaati

-Waggaatti imaltoota miliyoona 100 keessummeessa

Finfinnee: Ijaarsi pirojektii guddicha buufata xiyyaaraa Idilaaddunyaa Itoophiyaa haaraa Bishooftuutti ijaaramuuf jiru Afrikaarraa isa jalqabaa ta’uufi waggaatti imaltoota miliyoona 100 akka keessummeessu Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa beeksise.

Hojigaggeessaa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo waliigaltee ijaarsa buufata xiyyaaraa Itoophiyaafi dhaabbata ‘Zaha Hadiid Arkiteektiifi Dar’  jedhaman waliin kaleessa Finfinnee, Hoteela Iskaaylaayititti raawwataniiru.

Ijaarsi buufata xiyyaaraa haaraa kun waggoota shan keessatti kan xumuramu yoo ta’u, walta’insa Dhaabbata Ijaarsaa Dar akkasumas Zaha Hadiid Arkiteekti jedhamaniin hojjetama jedhameera.

Akka ibsasaaniitti buufatichi Afrikaarraa isa jalqabaa yoo ta’u, xiyyaarota 270 qubachiisuu danda’a. Buufanni Xiyyaara Boolee waggaatti imaltoota miliyoona 24 qofa kan keessummeessu yoo ta’u, haaraan ijaaramu waggaatti imaltoota miliyoona 100 akka keessummeessa.

Buufanni kun lafa iskuweer kaareemeetira kuma 35 ykn kiiloomeetira 35 kan haguuga yoo ta’u, ijaarsichi faayidaa qonnaan bultoota lafasaaniirraa misoomichaaf kaafamanii kan giddugaleeffatedhas jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni 2500 ta’an misoomichaaf yoo kaafaman faayidaansaanii sirriitti eegama jedhanii, qonnaan bultoota lafasaaniirraa kaafamaniif bu’uuraaleen misoomaa barbaachisoon kan ittiin ijaaraman doolaarri biliyoona 17 ramadamuus Obbo Masfin ibsaniiru.

Ijaarsi buufatichaa marsaawwan lamaan kan gaggeeffamu ta’uus eeranii, marsaan jalqabaa qarshii doolaara biliyoona jahaa ol akka gaafatuufi imaltoota miliyoona 60 kan hammatu ta’uu himaniiru.

Buufatichi oggaa ijaarsisaa guutummaatti xumurame waggaatti imaltoota miliyoona 100 keessummeessa jedhameera.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You