Kaadaastara lafa magaalaa hojiirra oolchuun faayidaa akkamii qaba?

Adaamaa: Oromiyaatti kaadaastara lafa baadiyyaafi magaalaa hojiirra oolchuun erga jalqabamee waggaa afur lakkoofsiseera. Kaadaastarri lafa baadiyyaafi magaalaa kun sirna bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa ammayyeessuun rakkoolee lafaan walqabatan furuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru yommuu ta’u, magaalotni Adaamaafi Bishooftuu sirnaan kaadaastara lafa magaalaa hojiirra oolchuun moodelummaan kan eeraman ta’uu Biiroon Lafa Oromiyaa ibseera.

Biiroo Lafa Oromiyaatti Daarektarri Galmeessa Qabiyyee Lafaa Obbo Nugusee Baqqalaa akka jedhanitti, kaadaastara jechuun sirna odeeffannoo lafaa jechuu yoo ta’u, sirna bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa ammayyeessuuf kan gargaarudha.

Oromiyaatti kaadaastara lafa magaalaafi baadiyyaa hojiirra oolchuun erga jalqabee waggoota afur lakkoofsiseera. Kaadaastara lafaa hojiirra oolchuun rakkoolee bulchiinsaafi ittifayyadama lafaan walqabatan furuu, mirga abbaa qabiyyee lafaa dijitaalessuufi galii mootummaan lafarra argatu guddisuufis kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Kaadaastarri lafaa tokko tokkoon cittuu lafa magaalaa keessa jiru lakkaa’anii siistama teknolojiin deeggarameen bulchuuf kan gargaaru ta’uu himanii; hojiin kaadaastara lafa magaalaa kun magaalota Oromiyaa 39 keessatti hojiirra oolaa jiraachuufi magaalotni Adaamaafi Bishooftuu kaadaastaricha hojiirra oolchuun akka moodelaatti kan eeraman ta’uus ibsaniiru.

Kaadaastarri ragaa qabiyyee lafaa dijitaalessuun rakkoo faayila mana galmee keessaa dhabamuufi baduu kan hambisu ta’uu himanii; abbaan qabiyyee lafaa kaartaa dijitaalaa akka argatuufi moobaayilii harkasaarra jiru fayyadamoon karaa onlaayinii kaartaa qabiyyee lafaasaa akka ilaallatu kan taasisudha jedhaniiru.

Akka isaan jedhanitti, kaadaastara lafaa hojiirra oolchuun sirna ragaa lafaa ammayyaa’aa diriirsuu, mirga abbaa qabiyyummaa lafaa mirkaneessuu, kenniinsa tajaajila lafaa si’eessuu, alseerummaa, komiifi waldiddaa lafaan walqabatee mul’atu xiqqeessuu, galii mootummaan lafarraa argatu guddisuufi  magaalli pilaaniin akka hogganamu taasisuuf gargaara.

Hojiin sirna ammayyeessa ragaa lafaa kana milkeessuuf magaalonni biroon magaalota Adaamaafi Bishooftuurraa muuxannoo qooddachuu qabu. Abbootiin qabiyyee lafaa kaartaa dijjitaalaa qabiyyee lafaa hin fudhannes  ulaagaa barbaachisu guutuun dafanii fudhachuuf hirmaannaa ho’aa taasisuu qabu. Kantiibonni magaalotaafi ittigaafatamtoonni waajjiraalee lafa magaalotaas kaadaastara lafaa hojiirra oolchuurratti kutannoo cimaan hojjechuutu irraa eegama.

Ittigaafatamaan Waajjira Lafa Magaalaa Adaamaa Obbo Lijaalem Shuggux gamasaaniin akka jedhanitti, bulchiinsi Magaalaa Adaamaa rakkoolee walxaxoo lafaafi lafaan walqabatan furuuf heera biyyattii lakkoofsa 40/7 akkasumas labsii qabiyyee lafa magaalaa bulchuuf ba’e lakkoofsa 818/2006 bu’uura godhachuudhaan gara hojii kaadaastaraatti erga galee waggoota afur lakkoofsiseera.

Hojii kaadaastara lafaa kanaan  kaartaa mirga abbaa qabiyyee lafaa qabu  maanuwaalii gara dijitaalaatti jijjiiruun danda’ameera. Kaartaa qabiyyee lafaa dijitaalessuun rakkoo lafa tokko irratti kaartaa lamaafi sadii ba’aa tureefi waldhabdee daangaan walqabatee ka’aa ture kan fure ta’uus eeraniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa qabiyyee lafaa abbummaansaa mirkanaa’e kuma 92 gara kaadaastara lafaatti galchuuf karoorfatee hojjechaa turuu himanii; kana keessaa hanga torban darbeetti qabiyyee lafaa kuma 80 ol gara kaartaa dijjitaalaatti galeera. Hojiin kaadaastara lafaa dhimma tokkoon tokkoon cittuu lafaa magaalattii keessa jiru lakkaa’anii eessatti akka argamuufi faayidaa maaliif akka oolu adda baasanii dijitaalessuufi mirga abbaa qabiyyee lafaa gonfachiisuuti waan ta’eef hojii ulfaataafi dadhabsiisaa ta’uus eeraniiru.

Kaadaastara lafaa hojiirra oolchuun sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuun saamichaafi weerara lafaa ittisuuf, ijaarsa seeraan alaa hambisuuf, malaammaltummaa lafaan walqabatu hir’isuuf, galii mootummaan lafarraa argatu guddisuufi kenna tajaajila lafaa si’eessuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.

Hojii kaadaastara lafaa kanaan cittuun lafaa daangaa bulchiinsa Magaalaa Adaamaa keessatti argamu kamiyyuu galmaa’ee kan beekamu ta’uu himanii, ijaarsi qabiyyeen lafaa siistama keessa hinjirre kamiyyuu ijaarsa seeraan alaati. Tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaarratti fudhatamaa tures kan itti fufu ta’uus himaniiru.

Magaalaa Adaamaa, Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananii kan jiraatan  Obbo Baahiruu Alamuun akka jedhanitti, kaadaastarri lafaa magaalattii erga hojiirra oolee as kenna tajaajila lafaa si’eessuun deddeebii kanaan dura ture hambiseera. Kaadaastarri kaartaa qabiyyee lafa keenyaa dijitaalessuun koodii nuuf kenname itti galchuudhaan yeroo barbaadanitti mobaayila harkaa qabanirratti akka argataniif haala kan mijeesseef ta’uu himaniiru.

Kaartaan qabiyyee lafa keenyaa dijitaala’uun mirga abbaa qabiyyummaa keenyas mirkaneesseera kan jedhan Obbo Alamuun, kaartaan dijitaalawaan kun gibira mootummaa haqaan akka kaffalaniifi kaarticha qabsiisuun yeroo barbaadanitti baankiirraa qarshii akka liqeeffataniif haala gaarii kan uumeef ta’uus himaniiru.

Gareen gaazexeessitootaa hoggantoota Biiroo Lafa Oromiyaan durfamu torban darbe hojiirra oolmaan kaadaastara lafa Magaalaa Adaamaafi Magaalaa Bishooftuu maal akka fakkaatu waajjiraalee lafa magaalota lamaaniitti argamuun daawwateera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You