Godinichatti lafti hektaarri kuma 54 sanyiidhaan uwwifame

Finfinnee: Naannoo Amaaraa, Godina Addaa Saba Oromootti qonna ganna baranaatiin lafa heektaara kuma 58.8 sanyii midhaanii akaakuuwwan garagaraatiin uwwisuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 54 sanyiidhaan uwwifamuu Qajeelchi Qonna Godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaa Ittaanaan qajeelchichaa Obbo Hasan Sayid ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, godinichi lafa makaanaayizeeshiniifi jalisiidhaan misoomee omishtummaa qonnaa dabaluuf ta’u bishaan gahaa waliin kan qabuudha.

Godinichatti caalaatti mishingaatu omishama kan jedhan Obbo Hasan; lafa sanyiin uwwifame kana keessaa hektaarri kuma 35 sanyii midhaan mishingaatiin omishamuu ibsaniiru.

Godinichatti sanyiin mishingaa naannoofi mishingaa sanyii filatamaa facaafamaa kan jiru ta’uu himanii; qajeelchichi omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluuf sanyii mishinga filatamaa haala qilleensaa waliin walsimu kuntaala kuma tokkoofi 600 baay’isuun qonnan bultootaaf rabsuusaa yaadachiisaniiru.

Eblaafi Caamsaa keessa sanyiin mishingaa naannawaa kan facaafame yoommuu ta’u, sanyiin filatamaan ammmoo ji’a Adoolessaa torbee jalqabaarraa eegalee hanga ammaatti facaafamaa jiraachuu dubbataniiru. Haaluma walfakkaatuun godinichatti xaafiin Waxabajjii jalqabaa kaasee hanga dhuma Adoolessatti ni facaafamas jedhaniiru.

Karoora omishaa kana milkeessuu keessatti dhiyeessiin galtee qonnaa murteessaadha kan jedhan Obbo Hasan; barana godinichaaf xaa’oo kuntaalli kuma 29 dhiyaateera. Xaa’oon barana dhiyaate kunis kan bara darbe dachaa sadiin akka caalus eeraniiru.

Rakkoon nageenyaa naannichatti mul’atu qonnaan bulaan yeroodhaan omisha akka hinomishneefi dhiyeessii barbaachisan yeroofi akkaataa karoorfameen akka hin dhiyaanne gochuun hojii qonna godinichaa kan gufachiise ta’uus Obbo Hasan ibsaniiru.

Ashaaraa Magariisaa faana walqabatee godinichatti barana biqiltuu miliyoona 14 dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuu miliyoona saddeet dhaabuun danda’ameera jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You