“Hanga halkan sa’aatii 6:00tti hojjechuun tajaajila kaadaastaraa Asallaa si’eessaa jirra”  – Obbo Abbabaa Rattaa

Asallaa: Kenniinsa tajajilalaafi hojii kaadaastaraa si’eessuuf halkan hanga sa’aatii 6:00tti hojjetaa jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira Lafaa Magaalaa Asallaa ibsa.

Ittigaafatamtichi Obbo Abbabaa Rattaa tibba darbe turtii gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin, lafti lafee dugdaa dhala namaa ta’e to’annaafi sirna kaadaastaraan hogganamuu dhabuun alseerummaaf saaxilamaa turuu dubbatu. Magaalattiitti, kaartaarratti kaartaa dabalataa kennuun, hanni, saamichiifi hojmaatni badaan biroo bal’inaan raawwatamaa turaniiru.

Alseerummaafi deddeebii maamilaa hambisuun tajaajila si’ataafi qulqullina qabu waliingahuuf waajjira lafaatti kenniinsi tajaajilaa halkan keessaa hanga sa’aatii 6:00tti hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Kenniinsi tajaajilaa hanga halkan sa’aatii 6:00tti kennamuu eegaluusaatiin deddeebiin maamiltootaa hir’ataa jiraachuu kan ibsan Obbo Abbabaan; hojjettoonnis miira gammachuunfi kankooti jedhuun tajaajilaa jiraachuu dubbataniiru.

Waajjira lafaa wajjin walqabatee rakkoon hamaa akka turellee kaasanii keessumattuu lafa tokkorratti kaartaa hedduu laachuun burjaajiifi hanni uumamaa turuusaan waldhabdeen namoota gara garaa gidduutti uumamaa tureera.

Waldhabdeen kun akka itti hinfufneef abbaan lafaa lafasaarratti abbummaa akka qabaatuuf tajaajilli kenniinsa kaartaafikaadaasteraa karaa qulqullina qabuun akka gaggeeffamuuf kutannaan hojiitti seenameera.

Hojiin kaadaastaraa kun erga eegalamee waggaa sadii kan hinguunne yoo ta’u, teknolojiin deggaramee bakkeewwan kaartaarratti kaartaan dabalataa kenname seecca’uun hojmaata badaa adda baasuun alseerummaa qaabiyyee lafaarratti dhaqqabaa jiru maqsuuf hojiileen jajjabeessoo hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.

Alseerummaa qabiyyee lafarratti mudataa ture hordofuun ragaaleen qulqullina waan hinqabneef walitti bu’insa hammeessaa, hojiin bara dheeraa walirra tuulamaa dhufuun abbaan dhimmaa deddeebiifi baasii hinmalleef akka saaxilamu taasisaa tureera jedhu Obbo Abbabaan.

Hojjetaan dirqama hawaasa tajaajiluu isatti kenname tolaan kennuu mala jedhanii; sochii amma jalqabame kanaan hojmaata badaa qabiyyee lafaan walqabatee tureefi tuullaan hojii mana hojichaa salphataa dhufuus kaasaniiru.

Erga halkan tajaajila kennuun eegalamee ji’a tokko yoo ta’u, yeroo gabaabaa kana keessatti kaartaa hedduu laachuun akka danda’ameefi waggaa kana keessatti tajaajlli kaadaasteraa magaalaa Asallaa akka xumuramu yaadachiisaniiru. Hojii kanaan ijaarsi seeraan alaa,kaartaarratti kaartaa dabalataa laachuun waliindhahuun akka hafu himaniiru.

Hojjetaan mootummaas tajaajila qulqullina qabuufi si’ataa akka kennuuf itti fayyadamni teeknooloojii hojiirra oolaa jiraachuus ibsanii; komiin akka hin mudanneef kallattiin hordoffii diijitaalaa taasisaa akka jiran kaasaniiru.

Deddeebiin yeroo hedduu fudhatu mudataa kan ture yoo ta’u, tajaajila si’ataa hanga halkan keessaa sa’aa 6:00tti taasifamuun dhiibbaan hojii salpataa jiraachuu kaasaniiru.

Hudhaa kana matumaa furuuf itti fayyadamni teeknoloojii hojiirra oolaa jiraachuus yaadachiisaniiru. Tajaajilli waajjira lafaa keessatti hanga halkan keessaa sa’aa 6:00tti kennamuu eegaluunsaa tuullaa hojii barootaaf kuufame hir’isaa jiraachuu kan kaastummoo ogeettii waajira lafa magaalaa Asallaa kan taate Aadde Tsahaay Nagaashi.

Tajaajila guyyaa kennamuun walqabatee abbootiin dhimmaa deddeebiifi baasii humnaa oliif saaxilamaa turaniiru kan jettu Aadde Tsahaay yoo bay’ate namoota dhibba tokko qofa waan keessummeessinuuf komiin guddaa turuu dubbatu. Amma garuu galgala hanga sa’aa jahaatti hojjetamuu eegaluusaan hanga nama 150 olii keessummeessaa jirra jedhu.

Kanarraa kan ka’e itti quufinsi kenniinsa tajaajilaa waajaira lafaa Asallaa dabalaa jiraachuu yoo kaastu waggaa kana keessatti kaadaasteraafi kenniinsa kaartaa xumuruuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojjetaan mana hojichaas kaffaltii dabalataan alaafi mufii malee hanga halkan sa’aa jahaatti hawaasasaa tajaajiluunsaa aantummaa uummataaf qabu olaanaa ta’uu agarsiisa kan jette Aadde Tsahaay duudhaana kun dhaalamuu akka qabus dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You