Kenni tajaajilaa Waajjira Galiiwwanii Magaalaa Maqii gara dijitaalawaatti ce’aa jira

Maqii: Wayita baatii Waxabajjii dhimma hojiitiif gara Maqii deemnetti kenni tajaajilaa Waajjira Galii Magaalattii maal akka fakkaatu mil’annee turre. Mil’annaan keenya kun yaada abbootiin dhimmaafi ibsa ittigaafatamaa kan of keessaa qabuudha.

Jiraataan magaalattii biroo Obbo Kadir Daddaffoo hojjetaa mootummaa, ogeessa bittaa meeshaa buufata fayyaa yommuu ta’an qarshii baankiitti galchanii nagayee fudhachuuf dhufuu eeranii; bu’aa ba’ii tokko malee saffisaan daqiiqaa muraasa keessatti keessummeeffamuu dubbataniiru.

Kanaan dura haala kanaan saffisaan keessummeeffamuun hinturre, abbaan dhimmaa dhimmasaa qabatee deddeebi’aa turuu yaadachiisanii; amma sun jijjiiramee tajaajila waajjirichaa saffisaafi ittiquufiinsa maamilaa kan mirkaneesse ta’uu himaniiru. Tajaajila kennamaa jirus osoo sirraa’ee jedhanii wanti akka hanqinaatti ka’u akka hinjirres ibsaniiru.

Maamilli Obbo Ingidaa Seefuu jedhamanis dhaabbata dhuunfaatti hojjetaa herregaa ta’uufi kaffaltii gibiraa raawwachuuf dhufuu eeranii; waajjirichatti waggaa kudhanii oliif tajaajilamaa turanis tajaajilli kennamu akka miilanaa saffisaafi si’ataa akka hinturre himaniiru.

Haalli hojii ammayyaan uumameera. Adeemsi hojii maanuwaalii ture gara sirna dijitaalawaatti jijjiirameera. Kun ammoo maamilaaf carraa guddaadha.Kunis haala qabiinsa dokimantootaa ni ammayyeessa, badee barbaachisaa nama hindhamaasu, salphumatti argamuu danda’a. Kaffaltii baay’eenis sirnuma dijitaalaa kanaan raawwatamaa jira. Hojmaanni dijitaalawaan kun keessumaa kaffalaa gibiraatiif carraa guddaadha jedhan.

Hojjettoonni waajjirichaa hundi haala gaariidhaan maamila keessummeessu Waajira kanatti yoo rakkoo networkii akkuma biyyaattuu mudateefi gama kaffalaa gibiraatiin waantota barbaachisan guuttachuu dhabuurraa ta’e malee as dhuftee sababiin daqiiqaafillee dhaabatamuuf hinjiru. Sababa waantonni hundi sirnaan gurmaa’aniif yeroo daran gabaabaa keessatti dhimma kee raawwatatta jechuun ibsan.

Garuu akka rakkootti kanin kaasu waa’ee dhiphina biirooti. Waajjirri kun guyyaa guyyaadhaan maamiloota danuu keessummeessaa oola. Iddoo maamiloonni ittikeessummeeffaman dhabuun waan akka qaawwaatti ka’u waan ta’eef kun otoo xiyyeeffannaa argatee sirraa’ee gaariidha jedhan.

Ittigaafatamaan Waajjira Galiiwwanii Magaalaa Maqii Obbo Kaawoo Shannee gamasaaniin akka jedhanitti, “Kenna tajaajilaatiin walqaatee maashinii Daataa Maanaajimanti Sistam jedhamuufi hojii waraqaa malee maamila keessummeessuu dandeessisu Oromiyaarraa gargaasaan arganneerra. Nutis ogeessa irratti ramaduun sirnaan itti tajaajilamaa jirra.

Sassaabbii gibiraa karaa telee birrii adeemsisaa jirra. Namni karaa telee birrii gibira hinkaffalle ykn hinsassaabu yoo ta’e akka kenna tajaajilaa duubatti deebisuutti ilaalama. Tajaajila kana kana darbe jalqabnee barana ammoo cimsinee itifufneerra.

Rakkoon mana keenyaa hojjetaanuu bakka taa’umsaa gahaa argachuu dhabuudha. Teessoo caccabaatti fayyadamaa jirra. Kanaaf hojjetaa kanaaf teessoo gaarii, bakka hojiis mijataa taasisnee abbaa dhimmaafis bakka mijeessuun karoora manaajimantii keenyaati.

Teessoo hojjetaatiin walqabatee abbaan qabeenyaafi diyaaspooraa Obbo Bushraa Jimaa jedhaman minjaalawwan 10 bitanii nuu galchaniiru. Kan nu hafu teessoo abbaa dhimmaa mijeessuufi teessoo hojjetaa keenyaa caalaatti fooyyessuudha. Bakka hojii mijataa gochuuf guddaarratti argamna. Sassaabbii galii qofa otoo hintaane kenna tajaajilaas fooyyessuu qabna jennee xiyyeeffannaan hojjechaa jirra.

Gama galii walittiqabuutiin karoorri waggaa qarshii miliyoona 238 sassaabuu abuu ture. Kana keessaa otoo kan ji’a Waxabajjii hindabalatiin qarshii miliyoona 171.28 raawwanneerra. Karoorri qabamee tures karoora daran hiixataadha. Kanaanis haaluma mootummaan barbaaduun bajata magaalaa keenyaa aguugnee naannoofillee dhangalaasnu turreerra.

Waajjira keenya hanqina humna namaa qaba. Magaalotuma qixxee keenya jira keessaa Matahaaraadhuma otoo fudhannee caasaansaanii gara namoota 40 qaba. Kan keenya ammoo namoota 18 qofa” jedhan.

Yaadni Bariisaan galmee yaadaa waajjirichaarraa argates kan maamiltoonni waajjirchaa irranatti kaasanirraa adda addummaa hinqabu. Yaadota arganne keessaa namni Seefuu Bagaashaawu jedhaman, “Yeroon dhufetti sirriitti keessummeeffameera, gammadeeras. Jijjiiramni jiru daran gaarii waan ta’eef cimee ittihaa fufu” jedhan.

Namni biraas, “Ani Obbo Abbuu Miidhagsoon jedhama. Waajjirri Galii hunda caalaa bakka hojiin ittibaay’atuudha. Garuu akkaataan isaan ittihojjetaniifi nama simatan baay’ee gaariidha” jechuun ibsan.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You