Dhimmoota waloo biyyaalessaarratti waliin hojjechuu, yaadama haaraa cimee ittifufuu qabu

Ijaarsi Hidha Laga Abbayyaafi sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhimmoota waloo biyyaalessaa hirmaannaa ummata biyyattiin dhugoomaa jiran keessaa adda durummaan eeramu. Hojiilee waloon raawwataman faayidaa waloo ykn biyyaalessaa waan mirkaneessaniif hirmaannaa ummanni dhimmoota waloo biyyaalessaarratti gama hundaan taasisaa jiru yaadama haaraa daran cimee ittifufuu qabuudha.

Hojiin ijaarsa hidha Laga Abbayyaafi sagantaan Ashaaraa magariisaa erga jalqabee as hirmaannaan ummataa yeroo tokkollee addaan citee hinbeeku. Kun ammoo ummanni biyyattii dhimma waloofi biyyaalessaarratti ejjennoo tokko qabaachuusaa agarsiisa. Dhimma waloofi biyyaalessaarratti waliin hojjechuun aadaa ta’ees ittifufuu qaba.

Dhimma waloofi biyyaalessaarratti garaagarummaan siyaasaa, amantii, umurii, saalaafi sanyummaa hincalaqqisu. Hunduu akka nama mana tokko ijaaruutti tokkummaan waliin hojjeta. Faayidaan hojii waloon raawwatamurraa argamus kan walii waan ta’eef tokkummaafi hirmaannaa ummanni dhimma waloofi biyyaalessaarratti qabu daran cimee ittifufuu qaba.

Hoggantoonni paartiilee siyaasaa Itoophiyaa dhimma siyaasaarratti ejjennoowwan gara garaa qabaatanis sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf torban kana waliin bilqiltuu dhaabuun dhimma waloofi biyyaalessaarratti ejjennoo tokko kan qaban ta’uu hojiin mul’isaniiru.

Paartiileen siyaasaa biyyattii torbanuma kana keessa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad waliin dhimmoota tarsiimoo biyyaarratti erga mari’atanii booda qaama sagantaa ashaaraa magariisaa mataduree “Biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun jalqabame milkeessuuf biqiltuu dhaabaniiru. Kun paartiileen dhimma biyyaarratti ejjennoo walfakkaatu qabaachuusaanii agarsiisa.

Paartiileen siyaasaa garafuuldurattis sagantaalee misooma biyyaarratti qaamolee hunda waliin irratti kan hojjetan ta’uus mirkaneessaniiru. Dhimmoota waloo biyyaalessaarratti waliin hojjechuun yaadama haaraa cimee ittifufuu qabuudha.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You