“Mindeeffamee hojjechuu keessaa baheen warshaa guyyaatti kaalsii darzana 400-500tti omishu banadhe” – Shamarree Qaalkidaan Silashii

Akkuma, biiftuu jirtu suksuku jedhamu umriin dargaggummaa yeroo itti olii gadi fiiganii humnaafi beekumsa qabanitti fayyadamanii egeree ofiifis ta’e dhaloota dhufuuf waa itti olkeewwataniidha.

Shamarree Qaalkidaan Silashii dhalattee kan guddatte Magaalaa Adaamaatti. Akkuma barnootashii sadarkaa lammaffaa xumurteen Yunivarsitii Baahirdaaritti barnoota Injiinariingii tekistaayiliitiin digrii jalqabaatiin eebbifamtee mul’atashii gara hojii barbaaduutti naannessite.

Deemsa keessa akaakuu barnootaa itti leenjite injiinariingii tekistaayiliin Paarkii Indastirii Boolee Lammiitti mindeeffamtee hojjechuu eegaluu kaasti.

Imala jireenya injifachuuf taasisaa jirtuun Shamarree Qaalkidaan dinagdeen of danda’uu, eeggattummaa jalaa bahuufi oolmaa maatiishii barootaaf isheetti dadhabanii asiin ishee gahanii deebisuuf mul’ata keessashee bule milkeessuuf humnaafi beekumsashii osoo hinwaakkatiin hojjechaa turteetti.

Turtii Boolee Lammiitti dabarsite keessatti kutannaan hojjechuun carraa leenjii gabaabaa biyya Chaayinaatti kennamu dorgomtee naannawa waggaa tokkoof leenjii gahaafi dabalataa fudhatteetti. Turtii Chaayinaatti hanga waggaa tokkoo dabarsite keessatti ogummaa tekistaayilii (omisha huccuu)n barnoota dabalataafi muuxannoowwan adda addaa gonfachuu dandeesseetti.

Keessumaa akkuma gara Chaayinaa deemteen Yunivarsitii Joonguwaa keessatti dargaggoota biyyoota garagaraa 15 irraa dhufan waliin leenjiin dabalataa kennameef miira mindeeffamuu keessaa bahuun hojii uummachuun hojjechuu akka qabdu kutannaa ishee keessa bulcheera.

Biyya nagaa qabduufi qabeenya uumamaan badhaate qabna, muuxannoo ani horadhe kun na hojjisiisuu danda’a isa kanaaf immoo kallattii maallaqani itti argamu barbaadeen hojii dhuunfaakoo hojjechuun qaba kanaan alatti mindeeffamee bara lakkaa’uun jireenyakoos ta’e kan maatiikoo jijjiiruu hindanda’u jedhee pirooppoozaala (wixinee hojii) baafadhee turtii waggaa tokkoo booda gara Adaamatti deebi’e jechuun dubbatti.

Erga gara biyyaatti deebi’ee booda hojii dur hojjechaa ture ittifufuurra hojii dhuunfaa koo qabaachuu murteessee kallattii itti maallaqni argamuufi warshaa ofii koo itti dhuunfachuu qaburratti ogeessota mariisisee eeggattummaa seenaa gochuuf hojiitti seene jetti.

Ogummaa gahaa nan qaba. Muuxannoos horadheera; sanuu muuxannoon koo barnootaan kan deeggarameedha. Ammas imalakoo ittuma fufe kan jettu Shamarree Qaalkidaan, maallaqa dhibbantaa 20 deeggarsa maatiifi dhibbantaa 80 ammoo liqaa Liizfaayinaansii karaa Baankii Misooma Itoophiyaa naa mijateen mul’anni koo warshaa dhuunfaa koo qabaachuuf qabadhee ka’e bu’uura naa buuseera jechuun eerti.

Haaluma kanaan deeggarsa mootummaan taasiseefiin maashinoonni barbaachisoon karaa taaksiirraa bilisa ta’een akka galu waan ta’eef warshaa kaalsii mul’anni isaa keessashee bule alaa galfachuu akka dandeesse shamarreen kun ni himti.

Erga maashiniin barbaachisu bitamee bakki hojiis waan barbaachisuuf bulchiinsa magaalaa bira dhaqxee piroppoozaalashii itti agarsiisuun hojii mataashii uummachuuf kana malees dargaggoota biroofillee carraa hojii banuuf qophaa’uushii yoon beeksisu karoorichi faayidaa qabeessa waan ta’eef fudhatamummaa argateera jetti.

Akka ibsasheetti erga eeyyama barbaachisu baafattee booda bakka hojii mootummaa gaafachuun duubdeebii kennamuuf eegaa turte.

Haaluma kanaan Kantiibaan Magaalaa Adaamaa bakka hojii naa kennuun hojiikoo akkan hojjedhu haala mijataa naa uumaniiru kan jettu Qaalkidaan, qabsoon jireenya hadhaa’e kan jijjiiru akka ta’e ofirratti arguu kaasti.

Akkuma isheen kaastes eeggattummaan jireenya namaa rakkinaaf saaxila. Kanaaf biiftuu jirtu suksukuun ykn humna dargaggummaa ofiitiin hojjetanii of jijjiiruun murteessaa waan ta’eef qabsoo walirraa hincinne jireenyarratti taasisuun ofirra darbee nama biraafillee carraa hojii uumuu nan danda’a yaada jedhuun hojiin eegalte gara ija godhachuutti ce’eera.

Warshaan qarshiin hedduu itti baasii ta’e maqaa “Galiingan Gaarmenti” jedhamuufi abbummaansaa kan shamarree Qaalkidaan ta’e kun Magaalaa Adaamaa keessatti bakka hojii mijataa ta’e kennameef keessa dhaabachuun har’a omisha jalqabeera.

Warshaan kun ammaaf kaalsii omishaa kan jiru yoo ta’u, abdii kan namatti horu kutannaan jiraannaan waanti hindanda’amne kan hinjirre ta’uusaatiif agarsistuu guddadha.

Akka ibsa Shamarree Qaalkidaanitti yeroo ammaatti warshaanshee guyyaatti kaalsii darzana 400 hanga 500 sadarkaasaa eeggate omisha.

Galteewwan omisha kaalsiif oolan hedduunsaanii alaa kan galan yoo ta’u, yeroo ammaatti dhiyeessiin hundi yoo guutamaniif sa’aatii 24:00 kaalsiin kan omishamu ta’uu kaasteetti.

Shamarree Qaalkidaan ofii hojii dhuunfaashee uummachuurrayyuu dargaggoota akkashiitii hedduuf carraa hojii uumuun kan ishee gammachiisu yoo ta’u, marsaa jalqabaatti hojjettoota 50f carraa hojii dhaabbii banteetti.

Hojichi carraa hojii mindaan itti argamu qofa osoo hintaane muuxannoofi ogummaan itti qooddatamu waan ta’eef waan addaati kan jettu shamarree kun, ilaalcha gadiqabaa namoonni hojii ogummaaf qabanis kan fooyyessu ta’uu himti.

Durii kaasee teeknikaafi ogummaan gaarii ta’uu barsiisonni keenya nutti himaa turan. Ta’us namoonni ilaalchi damee teeknikaaf qaban gadaanaa waan ta’eef barattoonni hedduu hinbaratan ture.

Amma garuu itti dammaqamee teeknikaafi ogummaan namoota hedduuf karaa itti hiyyuma seenaa taasisaniifi dirree badhaadhinaatti bahaniin waan ta’eef filannooshee godhachuus ni kaasti.

Teeknikaafi ogummaan dhaba hinwayyu ykn namoonni barnoota kufan kan itti seenan osoo hintaane kan namoonni dinagdeen of jijjiiruu barbaadan filatan; dhaloota duuba jiruufillee bu’aa buusu ta’uusaatiif muuxannoon Qaalkidaan agarsiistuu guddaadha.

Yeroo gabaabaa ji’a lama hinguunne keessatti warshaan kun banamee namoota 50f carraan hojii uumameera. Guyyaatti kaalsii darzana dhibbaa afurii hanga dhibba shanii omishaa jira. Yoo dhiyeessiifi galteen hundi guutameef ammoo hojii sa’aatii 24:00 keessatti jijjiiramni guddaa akka argamu eenyumaafuu ifa.

Warshaan kun dhiyoo kan banameefi omisha kennuu jalqabe ta’uu hordofuun haalli walitti hidhamiinsa gabaa laafaadha. Ta’us daldaltoota keenya akka biyyaatti jiran deemsa keessa barsiisuun kan alaa galu hambisuun asumatti galii guddaa argachuuf qophiitti jirra jetti, Qaalkidaan.

Omisha kaalsii amma ammaatti jiruunis galii gaariin argamaa kan jiru yoo ta’u, fuuldurattis qulqullinaafi omishtummaa keenya dachaan dabaluun sharafa alaa argamsiisuuf hojiittan jira jetti.

Dargaggoonni hojii barbaaduu keessaa bahanii osoo xiqqaa guddaa hinjedhiin hojii mataasaanii uummatanii akka hojjetaniif tarsiimoo mootummaan baasee hojiitti jiru kan nama jajjabeessudha kan jette shamarreen kun, keessumaa jijjiiramaa as fayyadamummaan dargaggootaa mirkanaa’aa jiru kan nama onnachiisu ta’uu dubbatti.

Dargaggoonni keenya mindeeffamanii hojjechuurra hojii uummatanii hojjechuun bu’aa akka qabu qabatamaan agarsiisuutti jiru. Kunimmoo jajjabaatee dhaalamuu qaba jetti Qaalkidaan.

Keessumaa dargaggoonni dhaabbilee barnootaa mootummaafi mitmootummaa keessaa leenji’anii bahan aadaa hojii uummachuu gabbifachuun dirqama ta’uu yoo kaastu, miirri hojii tuffachuufi gadiqabaan ogummaawwan tokko tokkoof jiru fayyadamummaa dhalootaa kan miidhu waan ta’eef xiyyeffannaan irratti hojjetamuu qaba.

Namoonni bu’aalee yoo huccuu omishan, bu’aalee gogaa, bu’aalee sibiilaa ogummaa qabanitti fayyadamuun yoo miidhagsanii gabaaf dhiyeessan kan bitatee ittifayyadamu daran hedduudha. Kan maqaa hinmalle itti moggaasee gadi cabsuuf yaalus namuma. Kanaaf ilaalchi keenya qaramuufi qaroomuu qaba.

“Walumaagalatti har’a qabsoo ani jireenyakoo mo’achuuf taasisaa jiru deeggarsa mootummaan naa taasise waliin walitti ida’amee na jijjiiruurra darbee namoota shantamaa oliif carraa hojii uumuu danda’eera. Kun waan jajjabeeffamuu qabu yoo ta’u, dargaggoonni biroos humnaafi beekumsa qabdanitti fayyadamuun eeggattummaa jalaa bahuufis ta’e hiyyuma seenaa gochuuf biiftuu jiru tattaafachuun dirqama” jetti.

Erga biiftuun lixxee galgala keessa yeroo humnaafi beekumsi dhumutti hiyyummaan nyaatamuurra amma kutannaan hojjechuun ofis ta’e biyya ofii jijjiiruun waan danda’amuuf aadaa hojii tuffachuu keessaa baanee dinagdeenis ilaalchaanis of jijjiiruuf haa carraaqnuun ergaa keenya.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

Recommended For You