Ijaarsawwan aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo dagaagsuuf Finfinneetti xiyyeeffannoon adeemsifamaa jiran

Sirnoota darban keessatti Oromoofi Finfinnee adda dhiibuudhaan aadaa, duudhaafi Afaan Oromoo Finfinnee keessatti akka hindagaagne taasifamaa tureera.

Magaalaa Finfinnee bakka sabaaf sablammoota biyya keenyaa bira darbee lammiileen biyyoota alaa kabajaan keessa jiraatanitti Oromoon osoo magaalicha marsee jiruu sabichi dhiibbaa irra ga’aa tureen eenyummaan isaa akka dagatamuufi lagatamu, gama kaaniin Oromummaan akka sodaatamuufi jibbamu taasifameera.

Ummanni Oromoos qe’ee isaarratti kabaja dhabee jiraachuu mormuun qabsoo yeroo dheeraaf taasisaa tureen jijjiirama fiduun Finfinneen magaalaa Oromoon keessatti dhiibamu osoo hintaanee magaalaa mirgi, eenyummaa, aadaafi afaan isaa keessatti kabajamu akka taatu taasisuu bira darbee magaalaa saboonni sablammoonniifi ummattoonni jaalalaafi obbolummaan keessa jiraatan akka taatuuf hojjetamaa jira.

Gama kanaan hojiin waggoota jijjiiramaa kana keessatti Oromoofi Finfinnee walitti araarsuufi walitti dhufeenya jidduu jiru cimsuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa turan qabsoo dhaloonni aarsaa itti kaffaleef gatii kennuu bira darbee dhaloota dhufuuf abdii kan ta’udha.

Keessumattuu, erga jijjiiramni dhufee asitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa, duudhaafi seenaa Oromoo ganamaa dhiibbaafi hacuuccaa sirnoota darbaanii dandamatee har’a ga’e gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaan utubee deebisee akka dagaagu taasisuu bira darbee kanaan booda karaa duubatti deebi’uu hin dandeenyeefi ummaticha ibsuun hojiilee guguddoo magaalaa Finfinnee keessatti hojjechaa jira.

Bu’uuruma kanaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti pirojektiileen aadaa, seenaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo mul’isan kaan xumuramuun hojii keessa kan jiran yoo ta’u, kanneen biroo ammoo ijaarsa irratti argamu.

Pirojektoonni hojjetamaa jiran Giddugala leenjii nyaataa aadaa Oromoo, giddugala qophii, agarsiisaafi gurgurtaa meeshaalee aadaa Oromoo, giddugala leenjii aartiifi kan biroof ijaaramaa kan jiran yoo ta’u pirojektoota ijaaramaa jiran keessaas ijaarsi isaanii xumuramuun tajaajilaaf kan qophaa’anii jiru; kanneen hafan ammoo ijaarsisaanii xumuramaa jiru.

Giddugaloonni kunneen bajata mootummaa miiliyoona hedduutti lakkaa’amuun ijaaramaa kan jiran yoo ta’an aadaa, seenaa, duudhaafi eenyummaan Oromoo daran babal’atee akka dagaagu gochuu keessatti qooda olaanaa kan qabanidha.

Walumaagalatti Finfinneen kanaan booda bakka ummanni Oromoo irraa dhiibamu, aadaa, duudhaa, afaaniifi eenyummaan isaa itti laafu osoo hintaane bakka deebi’ee itti dagaagu taasisuudhaaf hojiiwwan Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalaa Finfinneetti hojjetaa jiru abdii kan namatti horaniidha.

Ummanni Oromoos gama tokkoon magaalicha keessatti aadaa, duudhaafi seenaa isaa dagaagsaafi dinagdeen of cimsaa gama biraan sabaaf sablammoota biyyattii hunda waliin obbolummaa isaa cimsachaa Finfinneen magaalaa mallattoo obbolummaa, jaalalaafi nageenyaa akka taatu hojjechuun gaheesaa bahachuu qaba jedha odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

 

Recommended For You