Gorgoraa: Mallattoo biyya harkaan ijaaruu

Dhiheenya kana eebba ikoo turiizimii Gorgoraarratti haasaa kan taasisan Ministirri Muummee Ahmad (PhD) Biyya ijaaruuf harka cimaa daaraafi wantoota adda addaa tuttuquuf hinbalfine, kanneen roobaan hinari’amneefi aduuf qorraaf hinjilbeeffanne gaafata malee, arraba gama yuutuubiitiin dheeressaniin biyyi ijaaramu akka hinjirre pirojektiin ikoo turiizimii Gorgoraa kun nu barsiisee darbeera” jedhan.

Akka ibsasaaniitti; biyya ijaaruufi biyya ijaaramte utubanii tursiisuuf kan barbaachisus arraboota fageenyarraa gama miidiyaalee hawaasaatiin hafarfaman osoo hintaane, harka cimaa hojiidhaaf qophaa’eeni.

Yeroo jalqabataatiif gara naannawa kanaa kanin dhufe ijaarsa pirojektii kanaa jalqabsiisuuf ture. Erga guyyaa jalqabaa sana dhufnee ijaarsasaa jalqabsiisnee boodas hanga yeroo 17 asitti deddeebi’ee ijaarsa pirojektichaa ilaalaafi hordofaan ture.

Kanaaf yeroo hunda kana keessatti Gorgoraan eessaa ka’ee garamitti imalaa akka jiru ilaaluuf carraa argadheera. Yeroowwan asitti deddeebi’ee ijaarsa Gorgoraa kana daawwadhaa ture keessaa inni ani yaadadhuufi muudannoo guddaa irraa qabu tokko isa yeroo waraana ‘TPLF’ waliin walwaraanaa turre sanitti namudateedha.

Yeroo waraanni kaabaa akka malee jabaatee waraanni ‘TPLF’ naannawa Shawaa dhaqqabee ture sanatti ani ijaarsa pirojektii ikoo turiizimii kana daaw’achuuf garana dhufeen ture. Wayita sana namootni waraanni kun isaan yaaddessu ‘TPLF’ osoo gara Shawaatti imaluu isin gara Gorgoraatti dhufuun kun hinulfaatuu?” jedhanii gaaffii naa dhiyeessaa turan.

Ani garuu kanin amanu; harka tokkoon waraana, harka kaaniin immoo misooma. Harka tokkoon qonna harka isa kaaniin misooma magaalaa, harka tokkoon ijaarsa hidhaa harka isa hafeen indaastirii hojjachuu malee dabaree dabareedhaan hojjachuun biyya ni jijjiira amantaa jedhu hinqabu.

Kanaaf asis taa’anii yookiin Finfinnees taa’anii waraana hogganuun waan danda’amuuf ijaarsi pirojektii kanaa yeruma tokkoofillee akka addaan hincitneef hojii kutannoo qabuun hogganaa turre.

Osoo silaa akkas ta’uu baatee jechuunis harka tokkoon waraana ‘TPLF’ qolachaa harka hafeen hojiiwwan misoomaa akka ijaarsa pirojektii Gorgoraa kana ittifufsiisuu baannee har’a akkanatti boonnee hineebbifnu ture.

Gorgoraan akkanumaan yemmuu ilaallu, sagaleedha, qubeedha, fakkiidhas jechuun ni danda’ama. Sababnisaas Gorgoraan qubee ta’ee seenaa barreesseera. Seenaan Gorgoraan qubee ta’ee barreesse kun immoo isa namni kamuu haquufi waakkachuu hindandeenyeedha. Gama biraatiin immoo Gorgoraan sagalee ta’ee sagalee keenya ol guddisee namoota fageenya dheeraarra jiraniif dhaggeessisuu danda’eera.

Pirojektii ikoo turiizimii Gorgoraa kana ilaalee namni abjuu keenya hinhubanne jiraachuu hindanda’u. Akkasumas Gorgoraan fakkiidha. Abjuufi yaada nuti biyyaaf qabnu ifatti ummataaf ibseera. Gorgoraan seenaa barreessee, abjuu hiikee, warreen yaada keenya hinhubanneef ibse kun waadaa kanaan dura gallee deebisaa abjuu gara fuula duraatiifis bu’ura walamantaa kan uumuudha jennee abdanna.

Pirojektii kanaaf immoo hawaasa naannawa kanaatiif warroota guyyaa eebbaa asitti argamtan qofaa osoo hintaane, dhalootni egereefi seenaan ragaa kana nuu bahan akka ta’an shakkii hinqabnu.

Haata’u malee kaayyoon nuti ummata biyya kanaa gara badhaadhinaatti ceesisuuf qabanne ijaarsa pirojektii Gorgoraa kana xumuruu qofaadhaan kan galma ga’uu miti.

Namni tokko maallaqa baasee tikeetii xayyaaraa bitatee Gorgoraa qofa ilaalee deebi’uu hinqabu. Kanaaf namni iddoo jirurraa ka’ee xiyyaaraan hanga Magaalaa Bahaar Daar dhufe tokko ikoo turiizimii Gorgoraa kanaan bishaanirra geejibee akka Bahaar Daar ga’uuf dooniiwwan lama bitamanii alaa galaa jiru.

Hojiin kun filannoowwan geejibaa jiran bal’isuu qofaa osoo hintaane, dargaggootaafis carraa hojii kan bal’isu waan ta’eef dhimma akka salphaatti ilaalamuu miti jedhan.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

 

Recommended For You