Inistitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Daraartuu Tulluu Sulultaatti

Finfinnee: Gootummaan kan argamu dirree waraanaa qofarratti miti. Eenyuyyuu taanaan bakka itti hiriirerratti biyyaaf, ummataafi lammiisaaf hojii bu’aaqabeessa yoo hojjete goota.

Itoophiyaan dirree waraana nagaa jedhamu ispoortiidhaan gootota biyya bira taranii addunyaarratti beekaman horachuudhaan kan beekamtuudha.

Akkuma Koloneel Abdiisaa Aagaa dirree waraanarratti sadarkaa addunyaatti gootummaan beekamu atileetonnis Irreessaa Abbabaa Biqilaarraa eegalee Itoophiyaa daran beeksisaniiru.

Mootummaan biyyattiis kanuma bu’ureeffachuudhaan gootota biyyasaanii bakka bu’uudhaan dirreewwan ispoortii olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii adda addaarratti hirmaachuudhaan injifannoo dachaa gonfachuun beekaman badhaasaa tureera.

Akkasumas badhaasa cinaatti muudamawwan adda addaa kenneera. Yaadannoosaaniifis maqaasaaniitiin addababa’ii soodduwwan fakkiisaanii muldhisan ijaaramaniiru. Manneen barnootaafi hospitaalli ijaaramuudhaan dhaloota dhufu biratti akka hindagatamne seenaasaanii kaa’eera.

Gootonni kunneen naannoowwan itti dhalatanitti iddoowwan oolmaa ispoortii, keessumaa atileetiksiifi kubbaa miilaa maqaasaaniitiin moggaafaman ijaaramuudhaan tajaajila kennaa jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas kanuma bu’uureffachuudhaan Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Sulultaatti Inistitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Ispoortii maqaa gootittii ispoortii Daraartuu Tulluutiin moggaafame kun dheengadda sirna ho’aadhaan eebbifameera.

Ijaarsisaa bara 2008 kan eegalame yoo ta’u, dheengadda bakka pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi hoggantoonni olaanaan biroo argamanitti eebbifameera.

Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaa mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo guddaa kennuun inistitiyuutiin akka biyyaatti guddaa ta’e kun akka xumuramuuf bajata ramadee hojicha fiixaan baasuu sirnicharratti himaniiru.

Inistitiyuutiin leenjiifi qorannoo ispoortii kun akka biyyaatti kan jalqabaa ta’uus eeranii, dirreewwan ispoortii gara garaa dabalatee iddoowwan leenjii ispoortiiwwan adda addaa akka qabus ibsaniiru.

Maqaa gootiitti Olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Komishinara Gargaartuu Atileet Daraartuu Tulluutiin kan moggaafame inistitiyuutichi, dirreewwan ispoortii 40 oli, mana yaalaa, mana barumsaa, bakka omisha meeshaalee ispoortii, mana jireenyaa leenjistootaafi leenjitootaa jimnaaziyemii, bishaan daakkii sadarkaasaa eeggate, akkasumas bakkeewwaan bashannanaaf oolan kan of keessatti qabate ta’ee akka biyyaatti giddugala ispoortii isa jalqabaati jedhan.

Kanaafis hojii leenjiifi qorannoo cinaatti galii maddisiisuudhaan ofirra darbee hojiilee misooma ispoortii akka naannootti qabamanii jiran tumsuu keessatti shoora olaanaa qabaachuus mul’isaniiru.

Inistitiyuutichi hojii idilee isaa jalqabbiif haaldureewwan jiru hunda xumuruus obbo Maatiyoos himanii, inistitiyuutichi dhaloota qaamaafi sammuu ifaa omishu horachuu cinaatti rakkina ispoortii akka biyyaatti numudate furuuf gahee olaanaa kan qabuufi imala badhaadhinaa biyyi keenya qabatte dhugoomsuu keessattis bakka bu’oota horachuurratti hojjachuun akka milkaa’uuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Dabalataanis utubaawwan dinagdee shanan keessaa tokko kan ta’e damee turiizimii ispoortii babal’isuun dinagdee biyya keenyaa keessatti shoora olaanaa akka taphatuuf xiyyeeffannaa kan kennu ta’uus himan.

Akkasumas hojii dippilomaasii ispoortii jabeessuun hariiroo biyyi keenya biyyoota biroo waliin qabdu guddisuu keessattis xiyyeeffannoo kennee kan hojjetu ta’uu Obbo Maatiyoos himaniiru.

Inistitiyuutiin guddina ispoortii biyya keenyaaf bu’uura ta’e kun tajaajila leenjiifi qorannoo sadarkaa addunyaatti qulqullina qabu akka kennuufi hojiilee hafan fiixaan baasuuf ciminaan kan hojjatamu ta’uu ibsan.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

 

Recommended For You