Sochiin Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa keessa jiru abdachiisaadha

Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa torban har’aa qopheessummaa Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaatiin hoggantoota mootummaa naannichaa, abbootii qabeenyaafi keessummoota waamichi taasifameefiin daawwatameera. Daawwannichaan sochiin paarkicha keessa jiru abdachiisaa ta’uu odeeffanneerra.

Raawwachiistuu hojii olaantuun korporeeshinichaa Aadde Sannaayit Mabree haasaa saganticharratti taasisaniin akka jedhanitti, Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa dameewwan guguddoo biyya ceesisuu danda’an damee industiriifi qonnaa walitti hidhu of keessaa qaba.

Industiriiwwan paarkicha keessa jiran hundi galtee qonnaatti fayyadamu. Paarkichi garafuulduraatti iddoo hawwata turistii ta’ee tajaajiluu danda’a. Kanaafuu paarkichi damee industirii, qonnaafi turizimii ofkeessatti qabata.

Inisheetiivota qonnaa mootummaan hojiirra oolchaa jiruun keessumaa omishaafi omishtummaan qamadiifi avokaadoo daran dabalaa jira. Doolaarrri kanaan dura qamadii biyya alaatii bitanii galchuuf ba’aa ture biyyuma keessatti hafuurra darbee qamadii alatti erguun sharafa alaa galchuun danda’ameera. Omisha industiriitiin ammoo buskutii, juusiifi zayitii nyaataa biyya alaatii galu hambisuufi omishaalee kunneen alatti erguun galii sharafa alaa dabalataa argamsiisuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo kanneen akka daandii, ibsaafi kkf kan guutatte ta’uu himanii, kanneen hafanis yeroo ittaanutti kan guutaman ta’u dubbatu.

Yeroo ammaa abbootii qabeenyaa 42 kaappitaala biliyoona 276 galmeessisan paarkichatti simatamuufi isaan keessaa hanga torban darbeetti abbootii qabeenyaa 37 korporeeshinicha waliin waliigaltee kan mallatteessan ta’uufi yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa shan gara hojiitti seenuu beeksisaniiru.

Sheediiwwan ja’an mootummaan paarkichatti ijaare ja’an abbootii qabeenyaatiin qabamaniiru kan jedhan Aadde Sannaayit, abbootii qabeenyaa kunneen keessaa kaan gara omishaatti seenuufi gariin ammoo maashinoota dhaabaa jiru. Daawwannichi abbootii qabeenyaa gara hojiitti seenan jajjabeessuufi kanneen gara hojiitti hinseenne ammoo dadammaqsuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Paarkichi yeroo ammaa lafa hektaara 271 kan qabu yoo ta’u, gara fuulduraatti ammoo gara hektaara 1000’tti babal’isuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Giddugaloonni Ce’umsa Baadiyyaa ja’a paarkichaaf galtee dhiyeessan Maqii, Shaashamannee, Oolancitii, Baalee Roobee, Dodolaafi Itayyaatti ijaaramaniiru. Giddugaloonni kunneen yeroo booda paarkii of danda’an ta’uu malu. Paarkichi namoota kuma 16fi 100’f carraa hojii ni uuma jedhu.

Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa zoonii omishaa adda addaa ja’a kan qabu ta’uu himanii, yeroo ammaa omishaaleen gara garaa 11 paarkichatti omishamaa jiru. Paarkicha keessa pirojektotni 55 jiraachuufi kunneen keessaa warreen omisha jalqaban; maashinoota dhaabaa, sheedii ijaaraafi maashiinota alaa galchaa jiran jiraachuu dubbatu.

Afyaa’ii Ittaanaan Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Ummataa akka jedhanitti, inisheetiivota mootummaan hojiirra oolchaa jiruun har’a qamadii alaa galchuun hafee alatti erguun jalqabameera. Omishaaleen paarkichaaf galtee ta’anis bal’inaan omishamaa jiru. Omishaaleen qonnaa idustiriiwwan paarkichaatti qindaa’anis gabaa biyya keessaafi alaatiif kan oolan ta’uus eeraniiru.

Sochiin Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa keessa jiru abdachiisaa ta’uu himanii, paarkichi gara fuulduraatti walhanqachuu waan danda’uuf abbootiin qabeenyaa biroon dafanii carraa jirutti akka fayyadamaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Akka Naannoo Oromiyaattis ta’e biyyaatti hojiin omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuufi paarkiiwwan industirii babal’isuuf hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uu himanii, hojiin kun gara fuulduraattis cimee kan itti fufuu ta’uu ibsaniiru.

Ittigaafatamaa Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktar Abdulaaziiz Daawud akka jedhanitti, mootummaan naannoo Oromiyaa guddina dinagdee keessatti dameewwan shanirratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Dameewwan kuneen keessaa inni duraa qonna.

Qonnarratti inisheetiivota adda addaa hojiirra oolchuudhaan qonnaan bulaan omisha kanaan dura omishee hinbeekneefi biyya keenyatti hinbaratamne akka omishu taasifamaa jira. Omishni ruuzii kanaan dura biyya keenyatti beekamaa hinturre yeroo ammaa bal’inaan omishamaa jira.

Atarri gabbataan, suufiin, bakka kanaan dura omishni saliixii hinbaratamnettis saliixiin omishamaa jira. Omishaalee kunneen damee manifaakchariingiif galtee ta’aa jiru. Dameen manifaakchariingiis omishaalee qonnaatti sona dabaluudhaan gabaa biyya keessaafi alaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhu.

Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaatti warshaan atara gabbataarraa zayitii nyaataa omishuufi omisha dammaa qindeessu hojii jalqabuu himanii, jalqabbiin hojiin paarkicha keessatti adeemsifamaa jiru jajjabeessaa ta’uus nidubbatu.

Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo akka jedhanitti, mootummaan omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuufi omishaalee alatti ergaman ammoo baay’inaafi qulqullinaan omishuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Godinichis omishaalee industiriiwwaniif galtee ta’an baay’inaafi qulqullinaan omishuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Waggaa afuriin dura waggaatti qamadii kuntaala miliyoona 1.4’tu godinichatti omishamaa ture. Omisha qamadii galtee industirii ta’eefi alaa galaa ture omisha qonna gannaafi bonaatiin qamadii kuntaala miliyoona 16 omishamuu dubbatu.

Atara gabbataafi boloqqeen omisha godinichatti bal’inaan beekamu ta’uu himanii, omishaaleen kunneen waggaa darbe lafa hektaara 400 irratti omishamuufi ganna kana omishaalee lamaan hektaara kuma tokkoofi 800 irratti omishuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Omishaalee qonnaa Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaaf galtee ta’an bal’inaan godinicha keessatti omishamaa jira.

Paarkichi giddugala godinaaleetti waan ijaarameef omishaaleen godinaalee Shawaa Bahaa, Arsii, Arsii Lixaa, Baalee, Gujiifi godinaalee birootti omishaman paarkii industiriichaaf galtee kan dhiyeessan ta’uu himanii, paarkichi Finfinneetti dhiyoo waan ta’eef omishaalee paarkicha keessatti omishan gabaa biyya keessaafi biyya alaaf dhiyeessuun salphaa ta’uu dubbatu.

Godinichi qabeenya bishaanii humna namaa gahaafi lafa qonnaa bal’aa qabu walitti fiduudhaan omishaalee gahaa industiriiwwan gara garaaf adda durummaan dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu himanii, horsiisa beelladaan walqabatees omisha guddaa dhiyeessuuf hojii bal’aan raawwatamaa jira.

Godinichatti waldaan IMX tokko qofti guyyaatti hanga buuphaa kuma saddeetii gabaaf dhiyeessaa jira. Qonnaan bulaan guyyaa tokkotti aannan liitirii 740 gabaaf dhiyeessan godinicha keessa jiraachuus eeraniiru.

Rakkoo gabaa furuuf hojiin qonnaan bultoota industiriiwwaniin walitti hidhuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu himanii, qonnaan bultoonni omisha qulqullinaafi baay’ina qabu industiriiwwaniif akka dhiyeessaniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Abbootii qabeenyaa omisha aannaniifi bu’aasaarratti hirmaatan gad ba’anii loowwan 500-1,000tti horsiisuu danda’aniif naannawichatti lafa kan qopheessaniif ta’uu himaniiru.

Godinichi omisha paappaayyaafi avokaadootiinis beekamaadha kan jedhan Obbo Abbaabbuun, godinichi waggaatti yoo xiqqaate avokaadoo qulqullina qabu kuntaala kuma sagalii ol alatti ergaa jira. Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa godinichatti hundaa’uun omisha avokaadoo qindeessuun alatti erguufi qonnaan bultootaaf walitti hidhamiinsa gabaa kan uumu ta’uus eeraniiru. Ammaan booda avokaadoo dheedhii alatti erginee juusiisaa alaa galchuun akka hafus eeraniiru.

Paappaayyaan godinichatti bal’inaan omishamaa yeroon gabaa kan hinarganne ta’uufi gatii gaariitti gurguramaa kan hinjirre ta’uu himanii, qonnaan bulaan paappayyaa bal’inaan omishaa jiraatus kan irraa fayyadamaa jiru daldaalaadha jedhu.

Daldaaltonni gatii paappaayyaa akka barbaadanitti gad buusanii qonnaan bultootarraa bitaa jiru. Paappaayyaan waan dafee ga’uufi yoo hingurguramne ammoo dafee waan baduuf qonnaan bulaan gatii daldaltoonni jedhaniin omishicha gurgurachaa jiraachuufi rakkoo gabaa kana furuuf industiriiwwan waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Godinichatti omisha muuziis babal’isuuf hojjetamaa jiraachuus ibsanii, bara darbe biqilaan muuzii lafa hektaara 128 irra dhaabamuufi barana ammoo lafa hektaara 600 irra dhaabamaa jira jedhan. Yeroo ammaa irra jireessaan omishaalee industiriif galtee ta’an baay’inaafi qulqullinaan dhiyeessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Abbaa Qabeenyaafi Pirezidaantiin Warshaa ‘TK Group Manufacturing and Trade PLC’ Obbo Toofiiq Kadir akka jedhanitti, paarkichi bu’uraalee misoomaa kanneen akka ibsaa, daandii, bishaaniifi kkf mana jireenyaa guuttatee kan qabu ta’uu eeranii, bakki paarkichi itti ijaarames daran mijataadha jedhu. Industiriinsaanii paarkichatti ijaaramaa jiru warshaalee torba kan of keessaa qabu ta’uufi yeroo ammaa warshaan zayitii nyaataa omisha jalqabuus eeraniiru.

Galtee warshichaaf barbaachisu kallattiidhaan qonnaan bultootarraa kan argatan ta’uu himanii, warshichi yeroo ammaa namoota 150 oliif carraa hojii uumuusaafi gara fuulduraatti namoota kumaan lakkaa’amaniif carraa hojii akka uumu eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You