Mana Murtii Aadaa: Sirna Oromoorra darbee saboota biroos hawwachaa jiru

Manneen murtii aadaa seera aadaatiin hojjatan akka hundaa’an kan tumame labsii lakkoofsa 240/2013 jalatti yemmuu ta’u, kunis qaama adeemsa duudhaa ganamaatti deebi’uuf sadarkaa Oromiyaatti taasifamaa jiruuti.

Bakka manneen murtii aadaa kunniin itti hundeeffamee tajaajilli itti kennamaa jiru keessao tokko kan taate magaalaa Shaashamanneetti, Pirezidantii Mana Murtii magaalattii Obbo Hirphoo Irreessoo, manneen murtii aadaa duudhaa ummata Oromoo amma dura dhimma itti bahaa ture bakkatti deebisuuf kan kaayyeeffate ta’uu ibsu.

Gama kaaniin hawaasni qe’eefi ollaasaatti baasii malee jaarsaafi aadaasaatiin jaarsummaan akka dubbii fixatu kan gargaaru yemmuu ta’u, sababni inni biraa ammoo dhiibbaa mana murtii idileerra jirus kan hir’isu waan ta’eef akka filannoo lammataa qofaatti osoo hintaane, akka caasaa barbaachisaa tokkootti kan fudhatamuudha.

Manneen murtii aadaa kunniin babal’achuun baasiifi yeroo qaamolee walhimatanii kan hir’isuufi dhaqqabamummaa haqaa iddoowwan hundatti mirkaneessuu keessattis shoora olaanaa kan qabuudha.

Gama biraatiin ragaa sobaa balleessuuf kan gargaaru yoo ta’u, jaarsi dhugaafi aadaadhaan kakachiisee dhimmasaa fixa. Oggaa araaraan fixatu keessa sobni hinjiru, sobni waan iddoo hinarganneef dhumarratti ni baddi.

Dhugaanillee yoosan irra baati. Mana murtiitti ragaadhaan walfalmanii walmo’atu. Kanaan ammoo jaarsaan taa’anii dhugaarratti hundaa’anii waan dubbataniif abbaa dhugaatii dhugaa kennanii isa balleesseef adaba kaa’an waan ta’eef murtiin boodas qaamota walhimatan lamaan garaarraa kan walitti fayyisu waan ta’eef sirna kenniinsa murtii daran barbaachisaa ta’eedha.

Akka uumee sirna Gadaatti jaarsolii aadaa, safuufi Afaan Oromoo beekan, akkasumas nama amma dura himatamee adabamee hinbeeknetu dhaddacha manneen murtii kanarratti abbaa murtii ta’a. Kana qofaas osoo hintaane nama jaarsummaan nama araarsuun beekamu, nama jaalatamaafi qabeenya qabu akka tahes labsiirratti taa’eera.

Kanneen dhaddacharra taa’anis namoota shanii gadi kan hintaane tahuu akka qabu yemmuu tahu, namoonni kunniinis kanneen hawaasaan filaman tahuu akka qabanis labsichi ifatte kaa’eera.

Caaseffamnisaas gandarraa ka’ee hanga sadarkaa olaanaa “Mana murtii ol dabarfataa” jedhamutti kan jiru tahuu walittiiqabaa Abbootii Gadaa Godina Arsii Lixaa, Abbaa Gadaa Nageessoo Gammachuu Nageessoo Gammachuu ni dubbatu.

“Jalqaba gandatti ilaalama, achirra yoo darbe ol dabarfataan aanaa dhufa. Yoo kanarra darbe ammoo Gadaan dhaddacha ofii qaba, dhaddacha ofiitti erga. Yoo dhaddachi dadhabe… Qaallichatti kennee, saddeeta ofii itti baasee yoo kanaan dadhabe, Dalloo erga – Dallootu murtii dhumaa kenna” jedhan.

Akka Abbaa Gadaa Nageessoon jedhanitti adeemsa sirna haqaa gama aadaatiin Oromoon qabu keessatti bakki Dalloo jedhamu kun gulantaa isa xumuraa tahuu himu. Oromoon Kaabaa-Kibbaa, Bahaa-Dhihaa ‘Abbawoo Dalloo’tti walitti qabamuun murtee dhumaa argata. Bakki kunis Baalee, Odaa Roobaa, Aanaa Gindhiritti argama.

Manni murtii aadaa kun dhimmoota maatii (siviilii) hunda ilaaluu danda’a. Keessumaa dhimmoota gaa’elaafi maatiif xiyyeeffannoo kennee hojjeta akka jirutu himama. “Maatiin mana murtii deemee yeroo waldiigaa oolantu jira. Sababa maatiin waldiiguun ammoo ijoolleensaanii karaarratti hafu. Kana hambisuuf manni murtii aadaa kun shoora olaanaa taphata.

Gama yakkaatiin ammoo dhimmoota ‘sasalphoo’ jedhamaniifi mootummaadhaan himannaan hindhiyaanne ilaaluun akka araarsuu danda’u labichaan aangoon kennameeraaf.

Haalli tajaajilli kun itti argamus filmaatawwan gara garaa kan qabu ta’uu kan himan Pirezidaantiin Mana Murtii Aadaa Magaalaa Shaashamannee Obbo Hirphoon, namni tokko himannaa yookaan komii yoo qabaate, jaarsoleen guyyaa gaaddisa jala taa’antu jira. Gaaddisa kanatti dhiyaatee iyyatasaa kan galmeessifatu yemmuu ta’u, namni himannaa dhiyeessuu yoo fedhe afaaniin, ykn barreeffamaan dhiyeessuu danda’a.

Gara caalus namni himatu afaaniin waan isarra gahe jaarsoliitti himachuun akka ilaalamuuf gaafata. Jaarroleenis nama himatame sana yaamanii fedhiisaa gaafatu. “Dhimmi kee jaarsolii araaraatiin akka sii xumuramu barbaaddaa?” jedhanii gaafatu.

Yoo waliigale, beellama qabatee dhiyaata. “Dhaddachatti dhiyaatee deebii kennee walfalmuu otoo hintaane, akka aadaatti koratu jira, jaarsa murtii kennutu jira. Kan waakkatus taanaan kakuun ykn dhugaadhaan ilaaluun, ollaa, gosaafi fira itti baasu.”

Akka abbaa Gadaa Nageessoon jedhanitti immoo; manni murtii aadaa kun murteewwan adabbiis dabarsuu danda’a. Yakka himatameef yoo adabe qarshiin adabuu danda’u. Irra lufanii hojii humnaa hojjisiisuu danda’u. Yookaan ammoo dhiifama akka gaafatu gochuu danda’u.

Isaan akka aadaa abboota isaaniirraa dhaalanitti duudhaa ganamaatiin lubbuu cooqa buute cooqaa kaasuu, kan wallole araarsuufi kan balleesse akka aadaatti sirreessuuf fedhii qabaatanillee caaseffamni mana murtii aadaa kun dhabamuusaatiin rakkoon gahaa ture salphaa miti.

Namoota wallolan araarsuuf, kan balleesse akka aadaatti adabuuf, dhiiga dhangala’e, lafee cabe akka dhugaansaa bahuuf bakki teenyee hojjennu rakkoo ture. Waggoota jijjiiramaa kana keessa dhimmi babal’ina manneen murtii aadaa kun hanga sadarkaa gandaatti akka gadi bu’u taasifamuusaatiin rakkoon kun furamaa jira.

Namni dur nama tokko himachuuf waraqaafi qalama baatee daandii dheeraa imalee manneen murtiitti galmee baay’isaa ture hunduu amma gandaafi aanaasaarratti waraqaafi qalama osoo hinbarbaanne afaan qofaan dhimmasaa iyyatee jaarsummaa aadaa kanaan akka isaaf ilaallamu taasifachuu danda’eera.

“Ebeluufi ebelu araaraman jechuu gaafa dhagahu namni baay’een himatasaa gara keenya fida. Namoonni baay’een ittigammadu. Dhugaa waggaa 20f dhokate baasaafii jirra. Warra nama walii ajjeesee walbaqatee jiraatu gumaa baasisnee araarsaa jirra” jedhan.

Warri mana walirraa biteefi gurguree walgane, kan konkolaataa gurguree walgane gara keenya dhufu. Warri sabummaa biraa qabanu amma baay’inaan dhimmasaanii nu bira fidatanii warri dhugaasaanii baasnee araarsine hedduudha.

Hundeeffama manneen murti aadaafi bu’aa waggaa muraasaa keessatti fide salphaa akka hintaane kan himan immoo Pirezidaantii Mana Murti Waliigala Oromiyaa Obbo Gazaalii Abbaasimali. Isaanis, erga manni murti aadaa hojii jalqabee dhimmootni gara manneen murti idilee dhufan hir’achuu dubbatu.

Akka yaadasaaniitti; ummanni lafuma jirutti osoo fagoo hindeemne manneen murtii aadaa kanneeniin dhimmasaa fixata. Inni biraan ragaan sobaa daran hir’ataa jira. Manni murti aadaa kun kakuunsaa cimaa waan ta’eef namni deemee sobaan hinkakatu.

Yeroo ammaa ummanni mana murtii idilee dhaquu mannaa gandumasaatti mana murtii aadaatiin furmaata argachuu filachaa jira. Manni Murtii Aadaa akka mana murti idilee mo’ataafi mo’atamaa osoo hintaane dhugaatu baha waan ta’eef jireenya hawaasummaatiifis qooda guddaa gumaacheera.

Bu’aa manneen murti aadaa sirna haqaa keessatti fidan kun akka biyyaatti muuxannoo gaarii waan ta’eefis naannoo Tigraayiin ala naannoleen biyyattii hundi muuxannoo naannoo Oromiyaa kana fudhachuun hojiitti hiikuuf aadeemsarra jiru. Oromiyaatti yeroo ammaa manneen murtii aadaa 2,600 ta’antu tajaajila seeraa karaa aadaa kennaa jiru.

Walumaagalatti; manneen murtii aadaa kunneen fudhatamni hawaasa keessatti argatan olaanaa waan ta’eef ummata Oromoo qofa osoo hintaane, saboonniifi sablammiin biyyattii kaanis sirna haqaa kanatti tajaajilamuuf fedhii guddaa agarsiisaa waan jiruuf dhimma daran cimee ittifufuu qabuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You