“Dinagdeen keenya qoramus ji’oota 11 keessatti galiin dhibbantaa 96 sassaabameera; ‘GDP’n biyyattiis dachaa shaniin guddateera” Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Biyya warraaqsa siyaasaan, hannaa, saamicha, ukkaamsaa gibiraafi taaks`iin dhidhima dinagdee keessa seente halkan tokkotti bayyanachiisuun kan hindanda’amne ta’us tarkaanfiilee jajjaboo mootummaaan haaromsaa gama maraan fudhateen bu’aalee jajjabeessoon galmaa’aniiru. Bu’aalee jajjabeessoon galmaa’anis biyyattiin balaa namtolcheefi uumamaatiin qormaata keessa turteetti.

Toora xiyyeeffannoo sadarkaa olaanaa hanga dakaatti kennamee hojiitti seenameen barana galii biliyoona 529 sassaabuuf karoorfame keessaa biliyoonni 466 ol ykn dhibbantaan 96 sassaabamuu Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad kaasaniiru.

Doktar Abiyyi Ahmed gaaffilee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa isaaniif dhiyaataniif deebii kan kennan yoo ta’u, dhimmi dinagdee isa ijoo ture.

Haaluma kanaan dinagdeen biyyattii rakkoolee namtolcheefi uumamaa ishee mudateen qoramaa turuu kaasanii, dabalataanis idaan achii as gangalachaa dhufes hudhaa dabalataa itti ta’eera.

Idaan liqaa biyya alaafi kan biyya keessaas walitti ida’amuun pirojektonni keenya qormaata keessa akka seenan kan taasisan ta’uullee kaasanii, biyyattii dandamachiisuuf tarkaanfiilee jajjjaboon dinagdee biyyattii humneessuuf gama qonnaatiin fudhatamaa jiran fakkeenyummaan kan ka’aniidha.

Keessumaa idaa mootummoota darbaniin gangalachaa as gahe dhibbantaa 17.5n gadi buusuun kan danda’ame yoo ta’u, kunis abdii kan namatti horuudha.

Tarkaanfii idaa bubbule deebisuurratti fudhatamaa jiru kana bara bajataa dhufutti gara dhibantaa 10tti gadibuusuuf humna guutuun hojjetamaa jira.

Liqaa biyyarra jiru kaffaluun pirojektonni keenya yeroo qabameef keessatti akka xumuraman baasii dabalataatiin akka hingufanne qulqullinaan galman ga’anii madda dinagdee ta’uu akka dandaa’aniif hojjechuun dirqama.

Idaan biyya keenayarra jiru biliyoona kudhani. Idaan kaleessaa gangalachaa dhaloota ammaatti darbe kun dhaloota dhufutti akka hindabarreef cichoominaan hojjechuun murteessaadha. Kanaafis qonna keenya ammayyeessuun omishaafi omishtummaa keenya dachaan dabaluun furmaata ijoodha.

Walwaraansi akka biyyatti Itoophiyaa qoraa ture gaaga’ama dinagdee qaqqabsiisuun gatii hinmalle nukaffalchiiseera. Kun dhaabachuu qaba. Ijaaruun ulfaataadha. Diiguun salphaadha. Kanaaf qabeenya qabnu haalaan fayyadamnee hojjennee biyya keenya badhaadhinatti baasuuf darbees dhaloonni egeree hiyyummaa akka hindhaalleef ittigaafatamummaa keenya bahachuun murteessaadha.

Gama biraan amanamummaan gibiraafi taaksii kaffalee biyyasaa ijaaraa kan deemu akkuma jiru alseerummaan daldala kontirobaandii, galii gibiraafi taaksii miliqsuus hudhaalee dinagdee biyya keenya booddeetti harkisaa jiran keessaa isaan biroodha.

Kan hojjetanii argatanirraa gibiraafi taaksii amanamummaan kaffaluun dirqama lammummaa yoo ta’u, miliqsuuf yaaliin taasifamu garuu hanna biyya duubatti deebisuufi dhabamsiifamuu qabuudha.

Bu’aalee misooma qonnaa alergiif oolan dachaan dabaluun qofti gahaa miti. Haaluma kanaan sona itti dabaluun sharafa alaa adda ta’e argamsiisuun dinagdee biyyaa olkaasuuf hojjechuun dhimma murteessaadha.

Lammiilee Itoophiyaa miliyoona dhibbaa ol keessaa dhibbantaan 70 dargaggootaan kan guutame yoo ta’u, humna dargaggootaa kana faayidaarra oolchuun dinagdeetti jijjiiruun dhimma filannoo hinqabnedha.

Akka biyyaatti rakkoo dinagdee Itoophiyaa gaaga’aa ture gara carraatti jijjiiruun miira ofitti amanamummaa dinagdeen of ijaaruu qamadii alaa galchuurraa gara alatti erguutti cehuun jijjiiramoota qormaata keessatti galmaa’anidha.

Tarkaanfiin gama qonnaatiin fudhatame daran jajjabeessaafi eeggattummaa maqsuu keessatti bakka olaanaa kan qabu ta’ee argamuusaan naannolee hunda keessatti hirkattummaa roobaa jalaa bahuun aadaan waggaatti lama omishuu akka gabbatu ta’eera.

Aadaan kun gabbataa deemuun omishaafi omishtummaa keenyarraa galiin waggaan eegamu dachaan akka dabalu kan taasisu yoo ta’u, wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbuun gabaa tasgabbeessuu, sharafa alaa argamsiisuufis bu’aa kan buusuudha.

Qaala’insa gatii gabaa biyya keenya raasaa ture tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhatameen dhibbantaa 30 irraa gara 25tti gadi buusuun kan danda’ame yoo ta’u, dhiyeessii barbaachisaan gidduseentummaa daldaltoota seeraan alaarraa bilisa gochuun gabaa tasgabbeessuun danda’ameera.

Itoophiyaan qabeenya uumamaa gahaa qabdi. Kana teknolojiin deeggaramtee yoo misoomsite galiishii olguddisuun dargaggootaafillee carraa hojii uumuun nidanda’ama. Dinagdeen biyyaa fooyya’uun lammiileen jiruufi jireenyaan akka humnaa’an kan taasisu yoo ta’u, turtii waggoota shanii as dinagdeen Itoophiyaa dachaa shaniin guddateera.

Akka Afrikaa Bahaatti yoo fudhannee ilaalle galii ‘GDP’ alergii omisha biyya keessaarraa argamuun kan biyyoota shanii ida’amee kan Itoophiyaa hingitu. Imalli jijjiiramaa biyyattii qormaata mudatan qolachaa injifannoo guguddaa galmeessisaa jiraachuusaaf agarsiistuu guddaadha.

Jijjiirama dinagdee galmaa’aa jiru hordofuun lakkoofsi baankiilee Itoophiyaa 17 irraa gara 32tti guddachuu danda’eera. Dameeleen baankii 5400 turanis gara 12800tti kan guddatan yoo ta’u, aadaan qusannaa gabbatee ammaan tana barruun qusannaa miliyoona 38 ture gara miliyoona 100tti guddateera.

Aadaan qusannaa gabbate jechuun kan argatanirraa olkeewwachaa deemuun dinagdeen ofiifi biyyaa akka humnaa’u eeggattummaan akka hir’atu taasisuurra darbee imala badhaadhinaa biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf qabatamee ka’e milkeessuu keessatti bakka olaanaa kan qabudha.

Kana cinaatti bu’aaleen qormaata keessa ta’amee galmaahaa jiran akkuma jiranitti ta’ee baasii Itoophiyaan qabdu fudhannee yoo ilaalle boba’aaf biliyoona 4, bittaa xaa’oof doolaara biliyoona 1, kaffaltii liqaaaf doolaara biliyoona lama. Gama galii alergiin fudhannee yoo ilaalle kan waggaa darberra guddina dhibbantaa afurii galmeessisuun danda’ameera.

Galii remitaansiirraa doolaarri biliyoona 6.5 kan argame yoo ta’u, akkaataa barbaadameen galiin akka hinsassaabamne maniin jijjiirama dinagdee akka gufatu hudhaalee taasisan keessaa kontirobaandiin, gibira taaksiifi galii milqsuun, daldala waliin dhahuun kanneen ijoofi irratti hojjetamuu qabaniidha.

Lammiileen Itoophiyaa ammaan kana naannawaa miliyoona 120 kan qaqqaban yoo ta’u, fedhii lammiilee kanneenii guutuuf namoota dhuunfaafi dhaabbilee garagaraa kuma 64 irraa gibira sassaabnee hojjetaa jirra.

Kun waan ta’eef gibiraafi taaksii osoo waliin hindhahiin amanamummaan kaffaluun dinagdee lammiilee keenyaafi kan biyyaa fooyyeessuu waan ta’eef xiyyeeffannoon kennamuufii qaba.

Haalota namtolcheefi uumamaa dinagdeen addunyaa ittiqoramaa ture keessatti taateewwan kanneeniif osoo hinjilbeeffatiin Itoophiyaan xiyyeeffannoo kennitee hojjechuusheen jijjiiramniifi guddinni dinagdee galmaa’e ajaa’ibsiisaadha.

Haaluma kanaan imala Itoophiyaa badhaate ijaaruuf eegalame keessatti GDP biyya keessaa dachaan dabaluuf warraaqsi dinagdee misooma qonnaatiin eegalame cimuu akka qabu hirkattummaa roobaa jalaa bahuun aadaan waggaatti al lama oomishuu akka gabbatu, hojii barbaaduurra aadaan hojii uummachuu akka gabbatu taasisuun furtuulee murteessoodha.

Haaluma kanaan bara bajataa 2017f bajanni biyyattii qarshii biliyoona 971.2 ta’ee kan ragga’e yoo ta’u, qisaasa’ama tokko malee ergama ramadameef haaalaan ooluun biyya badhaate biyya hiyyumni itti seenaa ta’e dhaloota dhufuuf dabarsuuf hunduu hojjechuu qaba.

Walumaagalatti Itoophiyaan qormaatilee namtolcheefi uumamaa dinagdee addunyaa qoraniin qoramaa haalotaafi gufuuwwan mudataniin osoo duubatti hindeebi’iin idaa kaffalaa, pirojektoota eegalaman xumuraa, magaaloota Ismaartii ta’an ijaaraa, GDP ishii guddisaa imala gaariirra biyya jirtu waan taateef dhaabbileen, abbootiin qabeenyaas invastimantii gara garaa babal’isuun biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf tumsuun irraa eegama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

 

Recommended For You