“Shawaa Bahaatti makaanaayzeeshiniin qonnaa % 85n waan guddateef qonnaan bultoonni 400 ol invastarummaatti ce’an” Obbo Masfin Tashoomaa

Oromoon erga warraaqsa siyaasaa olaantummaafi wareegama qaaliin injifatee as kallattii qabsoosaa gara dinagdeetti jijjiiruun inisheetiviiwwan misooma adda addaa babal’isuun wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbee qamadii alaa eeguurraa gara erguutti ce’eera. Injifannoon kun seenaa waggoota afurii as galmaa’e ta’uu eenyumaafuu ifaadha.

Kanaafis bu’uura kan buuse kutannaa siyaasaa mootummaan jijjiiramaa hiyyummaa seenaa gochuun biyya badhaate dhaloota egereef olkaa’uuf qabatee ka’e ta’uun ifa.

Kallattii warraaqsa dinagdee mootummaan qabatee ka’e milkeessuuf godinaalee kutannaafi cichoominaan hojjechuun fakkeenya gaarii ta’an keessaa godinni Shawaa Bahaa isa tokko.

Godinni Shawaa Bahaa jijjiiramaa as gama warraaqsa dinagdeen maalirra jira? isa jedhuuf Gaazexaan Bariisaas ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Masfin Tashoomaa waliin gaafdeebii kan taasise yoo ta’u, innis akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Jijjiirama dura haguuggiin ittifayyadama makaanaayzeeshinii qonnaa akka Godina Shawaa Bahaatti jiru maal fakkaata?

Obbo Masfin: Dhugaa dubbachuuf jijjiirama dura haguuggiin ittifayyadama makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa dhibbantaa 45 hincaalu ture.

Kanarraa kan ka’e qonnaan bulaan mala qonnaa duubatti hafaan biyyoo dhiibaa dhamaatee guddaaf saaxilamuurra darbee fayyadamummaansaas gadaanaa ture.

Omisha humna guddaa baasee dhama’ee argatu kanas gatii madaalawaan akka hingurguranne taasifamuun alkallattiin faayidaa faddaaltotaafi daldaltoota seeraan alaaf hojjetaa; qabeenyasaas saamamaa tureera jechuun danda’ama.

Bariisaa: Jijjiiramaa as ittifayyadamni makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa godina keessanii maal fakkaata?

Obbo Masfin: Jijjiiramaa as keessumaa tarsiimoofi warraaqsi dinagdee mootummaan qabatee hojiitti seene qonnaan bulaa keenya sirriitti jijjiireera jechuun danda’ama.

Dur sangaadhaan qotanii hangam argatanis eeggattummaa wabii midhaan nyaataatiif saaxilamaa kan turan alaa eeguurraa gara alatti erguutti akka jijjiiraman kan taasisedha.

Kanaafimmoo ittifayyadamni makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa keenyaa dachaan dabaluun sababa isa ijoodha jechuun nidanda’ama. Jijjiiramaa as ittifayyadamni makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa dachaan dabaluun gara dhibbantaa 85tti guddateera.

Mala qonna duubatti hafaatiin biyyee dhiibuun hafee ooyruun qonnaan bulaa raayyaawwan misoomaafi kombaayinaraa ammayyaatti fayyadamuun callaaansaanii dachaan akka dabalu taasiseera.

Duula qonnaafi sassaabbii omishaa makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa tiraaktaraafi kombaayinaraan gaggeeffamaa ture gaafa foddaa televizhiniin ilaalan urjii fakkaachuurra kan ka’e namoonni daran ajaa’ibsiifachaa turaniiru.

Kun dhugaa addababa’iitti mul’ate, dheebuun misooma lammiilee ittiin mirkanaa’aa jiru, tulluun hiyyummaafi eeggattummaan itti diigame, warraaqsa dinagdee naannoorraa ka’ee sadarkaa biyyaatti darbees sadarkaa Afrikaatti fakkeenyummaan kan ka’u ta’eera.

Bariisaa: Omishaafi omishtummaa dachaan dabaluuf hojiirra oolmaan makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa babal’achuun gaariidha. Haata’uutii qonnaan bulaan tiraaktara ykn kombaayinara bitatee akka fayyadamuuf malli dhahame jiraa? Akka rakkoo maallaqaatiin duubatti hinhafneef mala akkamiitu dhahame?

Obbo Masfin: Gaaffii sirriidha. Dhugaa dubbachuuf akka tiraaktaraafi kombaayinara bitataniif mallaqani isaan rakkisuu danda’a. Haatu’uutii garuu kallattii mootummaan jijjiiramaa kaa’een %30 qusatanii isa hafe ammoo deemsaan hojjetanii akka kaffalaniif haala mijeesseera.

Kanarraa kan ka’e ittifayyadamni teknolojii qonnaa keenya ammayyaa’aa jira, omishaafi omishtummaanis dachaan dabalaa jira.

Bariisaa: Omishaafi omishtummaan argamaa jiru wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, gabaa tasgabbeessuufi sharafa alaa argamsiisuurratti bu’aa akkamii buuseera jettu?

Obbo Masfin: Dhugaa dubbachuuf warraaqsi dinagdee keenya dachaan dabalaa deemuurraa kan ka’e eeggattummaan qamadii alaa galuu akka hafu ta’eera.

Kutannaan hojjechuun omishaafi omishtummaa dachaan dabaluu keessattis wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbamee gabaa tasgabbeessuu keessattis shoora olaanaa taphateera.

Gama sharafa alaa argamsiisuunis fudhannee yoo ilaalle omishoonni gara garaa gabaa alergiif dhiyaatanii galii guddaa argamsiisaniiru. Achi keessatti qoodni godina Shawaa Bahaa olaanaadha.

Bariisaa: Jijjiirama dura qonnaan bulaan mala qonnaa duubatti hafaan biyyee dhiibee omisha muraasa argatullee caalaatti kan fayyadamu daldaltootaafi faddaaltota seeraan alaa darbees abbootii qabeenyaa qofa. Shirri kun amma hafeeraa?

Obbo Masfin: Dhugaa dubbachuuf warraaqsi qabsoo dinagdee akka godina keenyaatti jiru faayidaa qonnaan bulaa kan giddugaleeffate akka ta’uuf kutannoo mootummaan jijjiiramaa argamsiiseefi bu’aan galmaa’aa jiru ibsituusaati jechuun nidanda’ama.

Mootummaan ittifayyadama makaanaayzeeshi­nii qonna ammayyaa yoo babal’isu qonnaan bu­laan immoo ijaarama kilaastaraatiin gurmaa’ee hojjechuun abbaa dilbii ta’ee wabii midhaan nyaataatiin ofdanda’ee alergii keessatti akka hirmaatu ta’eera.

Kun injifannoo guddaa faayidaa qonnaan bulaa keenyaa kabachiise, omishtoonni callaasaanii gabaa addunyaaf akka dhiyeeffatan gidduseentummaan faddaaltotaafi abbootii qabeenyaa muraasaa akka dhaabatu kan taasiseedha.

Bariisaa: Akka Godina Shawaa Bahaatti qonnaan bulaa hammamtu gara invastimantiitti ce’e? Yeroo baay’ee invastaroonni misooma gara garaarratti hirmaatan lammiilee alaa waan ta’aniif.

Obbo Masfin: Akka godina keenyaatti qonnaan bulaan omishaa duwwaa akka hintaane invastimantiitti akka ce’aniif tattaaffii taasifameen qonnaan bultoonni 435 ol gara invastimantiitti ce’uun misoomaalee gara garaa keessatti qooda fudhataniiru, ammas kanaa ol hirmaachisuuf kutannaan hojjetamaa jira.

Bariisaa: Faayidaa qonnan bulaa kabachiisuuf alergii keessatti hirmaachisuun jajjabeessaa ta’us biyya keessatti gatii madaalawaan akka gurgurataniif; kana malees gidduseentummaan faddaaltotaafi daldaltoota seeraan alaa akka addaan cituuf malli taa’e yoo jiraate?

Obbo Masfin: Kilaastaraan ijaaramuun qonnaan bulaa omishaafi omishtummaasaa dachaan akka dabalu, ittifayyadamaa makaanaayzeeshinii qonna ammayyaas akka ta’u taasisuurra darbee gidduseentummaa daldaltoota seeraan alaa kutuun gatii madaalawaan omishasaa akka gurguratu haalli mijataan uumameera.

Saamichi gama kanaan omisha qonnaan bulaarratti jijjiirama dura qaqqabaa ture cabee bittoonniifi omishtoonni kallattiin walarguun gatii madaalawaan akka walargan ta’eera.

Keessumaa ijaaramni kilaastaraa babal’achuun saamichi akka hafu, qonnaan bultoonni omishasaanii kallattiifi gatii madaalawaan yuuniyeeniif akka dhiyeessan waan ta’eef saamichiifi shirri gatii omishaa gadi buusuu kanamalees omisha dhoksanii gabaa jeejessuu alseerotaan qaqqabaa ture akka hir’atu taasiseera.

Bariisaa: Gama gabaa tasgabbeessuufi inisheetiviiwwan gara garaa kanneen akka horsiisa lukkuufi buuphaan walqabatee bu’aan galmaa’aa jiru maal fakkaata?

Obbo Masfin: Gabaa tasgabbeessuun walqabatee misoomni qamadii bu’aa guddaa buuseera. Keessumaa rakkoo hongee akka biyyaatti numudatee ture tasgabbeessuu keessatti shoora guddaa taphateera.

Dabalataan misooma bu’aa lukkuu buuphaan walqabatee akka godinaatti hojii hojjetameen jijjiiramni guddaa argameera kanarraa kan ka’e gatiin buuphaa qarshii 15 ture gara qarshii torbaatti gadi bu’eera.

Har’a buuphaan dachaan omishamaa jira, qonnaan bulaan bitee nyaachuu keessaa bahee mana manasaatti horsiisuun of danda’aa jira. Gabaan jeejahaa tures tasgabbaa’eera. Kun ammas cimee ittifufa.

Bariisaa: Horsiisni lukkuu sadarkaa godinaarraa hanga gandaafi manaa manaatti babal’achuun gaarii ta’us nyaatasaaniin walqabatee rakkoon jiraachuu himamaatii kun hammam dhugaadha?

Obbo Masfin: Xiyyeeffannoon horsiisa lukkuuf kenname adda waan ta’eef misoomnisaaniis dachaan dabalaa jira. Kanamalees gatiin buuphaa gadi bu’uun gabaan akka tasgabbaa’uuf hojii cimaafi bu’aqabeessi hojjetameera.

Haata’u garuu lakkoofsaan dachaan dabalaa jiraachuusaaniirraa kan ka’e fedhiin nyaata lukkuu olka’uun; kana malees hanqinni mudachuufi gatiin nyaata lukkuu dabaluun sirriidha. Hudhaa gama nyaatasaaniin walqabatee jiruufi qaala’uu gatii nyaata lukkuu bifa ittifuruun danda’amurratti hojjetamaa jira.

Bariisaa: Akka godina keessaniitti inisheetiviiwwan mootummaan diriirse marti haalaan hojiirra oolaniiruu?

Obbo Masfin: Inisheetiviiwwan mootummaan diriirse marti haalaan hojiirra oolaa jiru. Qonnaan bultoonni keenyas irraa fayyadamaa jiru.

Akka fakkeenyaatti fudhannee yoo ilaalle inisheetiviiwwan haala gaariidhaan milkaa’aa jiran keessaa misooma qamadiin alatti horsiisa lukkuu, buuphaa, qurxummii, horsiisa horii aannanii, avokaadoo, muuzii paappaayaa, sangaa gabbisuu, misooma dammaafi kkf qe’eesaaniitti misoomsuun ilmaansaaniif nyaata madaalawaa kennuun ofirra darbanii gabaafillee oolchaa jiru.

Sochiin kun akka Godina Shawaa Bahaatti bu’aa guddaa buusaa kan jiru waan ta’eef tarsiimoon inisheetiviiwwan gara garaa babal’isuufi mooraa ofii keessatti waa hunda omishuu fayyadamuu cimaa jira.

Bariisaa: Qonnaan bultoonni horsiisa qurxummiin walqabatee qe’ee ofiitti akkamiin misoomsaa jiru? Bakka haroon, lagni hinjirretti bu’aqabeessa isaan taasisaa?

Obbo Masfin: Haala kanaan dura hinbaratamneen qe’ee ofii keessatti poondii bishaanii ammayyaa qopheessuun misoomni qurxummii nyaata maatiif ooluu danda’urra darbee gabaafillee oolaa jira. Kana qabatamaan qe’ee qonnaan bulaatti argaa waan jirruuf daran kan nama jajjabeessuudha.

Bariisaa: Misooma dammaatiin walqabatee waggaa afur duraafi booda kana hojii hojjetamaa tureefi bu’aasaa akkamiin madaaltu?

Obbo Masfin: Misooma dammaan walqabatee waggaa afur dura kan hojjetamee walitti cuunfameefi keessumaa kan bara kanaa qofa faana osoo walmadaalchisne walhingitu.

Barana qofa akka godinaatti gaagura ammayyaa kuma 10 ol waliingeenyeerra. Misoomni dammaa keenyas dachaan dabalaa jira. Kun fuuldurattis cimee ittifufa.

Bariisaa: Bu’aa gama misooma horii aannaniitiin galmaa’aa jiru hoo akkamiin ibsitu?

Obbo Masfin: Horii aannanii sanyiinsaanii ‘AI’ jedhamuufi aannan gahaa kennan kuma 70n geenyeerra. Kun ammas cimee ittifufaa jira. Haaluma kanaan dura hinbaratamneen misoomni aannanii dachaan dabalaa deemuunsaa ilmaan keenya nyaata madaalawaa akka argataniif haaldureewwan mijataa jiraniifi bu’aan irraa argamaa jiruudha.

Bariisaa: Gara misooma booyyeettan isin deebisa. Misooma booyyeetiin walqabatee hubannaan hawaasa keessa jiru laafaadha. Kana malees hagas mara hinbaratamne. Akka godina keessaniitti sochii gama kanaan jiru akkamiin ibsitu mee?

Obbo Masfin: Misooma booyyeetiin walqabatee ilaalchi jiru gaarii hinturre. Haata’u garuu hojii hubannoo uumuu hojjetaa jirruun horsiisni booyyee dachaaan dabalaa jira. Qonnaan bulaan, hojjetaan mootummaafi dargaggoonni misooma booyyee kanarratti bobba’uun galii argataa jiru. Yeroo ammaattis namoonni dhuunfaa booyyee hanga 200fi isaa ol qaban jiru.

Bariisaa: Rakkoo ilaalchaa tureen fedhiin booyyee nyaataaf oolchuu gadi bu’aa akka ture rakkoon walitti hidhaminsa gabaallee akka ture himama. Akka godinichaatti ilaalchi gama kanaan jiru maal fakkaata? Walitti hidhaminsa gabaa uumuuf hoo furmaanni kaa’ame jiraa?

Obbo Masfin: Rakkoon ilaalchaa tureera. Kunis hubannaa dhabuurraa kan ka’e yoo ta’u, hojii hubannoo uumuu karaa hojjettoota misoomaa hojjetameen jijjiiramni guddaa argamuusaatiin fedhiin horsiisa booyyee dachaan dabaleera. Dhimma walitti hidhaminsa gabaatiin walqabatee komiin jiru dhugaa ta’us kunis rakkoo ilaalchaatiin kan walqabatu ture.

Haata’u garuu akka hoggansaatti hudhaa kana furuuf dhaabbileen gara garaa keessumaa kanneen hojiilee misoomaarratti bobbahan waliin marii taasisuun rakkoon kun akka furamu taasifamaa jira. Garuu gahaa waan hintaaneef ammas irratti hojjetamaa jira. Walitti hidhaminsa gabaan alatti nyaatasaaniin walqabatees qaala’aa waan ta’eef kanaafis xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jira.

Bariisaa: Omishaafi omishtumman keenya dachaan akka dabaluuf hojiirra oolmaa makanaayzeeshinii qonnaan alatti haala qilleensa naannawaa mijataa taasisuun isa birooti. Qophaa’umman misooma ashaaraa magariisaaf akka godinaatti jiru maal fakkaata?

Obbo Masfin: Qilleensa naaannawaa waaltessuufis ta’e omishaafi omishtummaa dachaan dabaluuf makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa babal’isuu cinatti misoomni ashaaraa magariisaa isa ijoodha.

Gama kanaan barana akka godina keenyaatti biqiltuun miliyoona 278ol qophaa’eera. Biqltuu dhaabbiif qophaahe kana keessaa miliyoonni 26 ol nyaataaf kan oolan kanneen akka avokaadoo, paappaayaa, maangoo, zayituunaafi kkf kan hammatudha.

Bariisaa: Haala kanaan dura hinbaratamneen biqiltuun addaa dhaabbiif qophaa’e jiraa?

Obbo Masfin: Dhugaa dubbachuuf biqiltuun addaa barana bifa haaraatiin dhaabamu yoo jiraate teemiriidha. Teemirri biyya keenyatti kan baratame miti. Haata’uutii dachee cirracharratti misoomee biyyoota Arabaatti milkaa’ina guddaan kan beekamu biyyee mijataa biyya keenyaa osoo argate akkam misooma laata mul’atni jedhu nukeessa bulee biqiltuusaa kumaatama ashaaraa magariisaa bara kanaa keessatti hammachiisneerra.

Kanamalees ijaarsaaleefi meeshaalee mana keessaafi faaya gara garaaf kan oolu leemmannis akka dhaabamuuf biqilaan gahaa ta’e qopaa’eera. Walumaagalatti duula ashaaraa magariisaa baranaaf qophaa’ummaa cimaan kan jiru yoo ta’u, kan adda isa taasisu yoo jiraate biqilaan kanaan dura biyya keenyatti hinbaratamne hammatamuusaaniiti.

Bariisaa: Misoomni leemmanaa haala qilleensa naannawaa kan giddugaleeffateedhaa? Akaakuuwwan gara garaa waan qabuuf maaltu yaadame?

Obbo Masfin: Misooma leemmanaan walqabatee akaakuuwwan gara garaa kan jiran yoo ta’u, kan baddaa, badda dareefi gammoojjii adda ba’uun qophaa’aniiru.

Misoomni kun akka biyyaattillee osoo babal’atee meeshaaleefi faayawwan adda addaa irraa hojjechuun galii argamsiisuu waan danda’uuf akka Godina Shawaa Bahaatti xiyyeeffannoon addaa kan kennameefiidha.

Bariisaa: Biqiltuulee nyaataafi alergiif oolan kan xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jiru kam fa’i?

Obbo Masfin: Fuduraalee akka avokaadoo, giishxaa, teemiraafaa eeruun nidanda’ama.

Bariisaa: Hariiroo obbolummaa godinaalee, naannoleefi biyyoota Afrikaa gidduu jiru cimsuuf kanamalees ilaalcha qe’eenkee qe’eekooti jedhuun biyya magariituu dhaloota dhufuuf dabarsuuf sochiin duula dhaabbii biqiltuu daangaa darbaaf qophaa’ummaan jiru maal fakkaata?

Obbo Masfin: Godinni keenya haaluma kanaan dura baratameen ofirra darbee godinaalee biraa, naannoleefi biyyoota Afrikaa Bahaatiif deggersa dhaabbii biqiltuu daangaa darbaa gaggeessuuf qophii gahaa taasiseera.

Kanaan dura naannoorra darbuun biyyoota akka Ertiraa, Jibuutii, Sumaaleef biqiltuulee gara garaa dhiyeessineerra baranas gahee nuu ramadame bahachuuf gamanumaa qophii xumurreerra.

Bariisaa: Omishaafi omishtummaan dachaan akka dabaluuf aadaan waggaatti lama omishuu akka godina keessaniitti jiru maal fakkaata?

Obbo Masfin: Omishaafi omishtummaa dachaan dabaluuf hirkattummaa rooba jalaa bahuun tarkaanfii ijoo ture. Bu’uuruma kanaan misoomni jallisii ykn aadaan waggaatti lama omishuu akka cimu ta’eera.

Akka fakkeenyaatti fudhannee yoo ilaalle qamadii alergiif dhiyaate keessaa misooma jallisiin kan argame olaanaadha. Aadaan waggaatti lama omishuu kun cimuun omishni keenya dachaan akka dabalu; nyaatarra darbees gabaa alergiif akka oolu ta’eera. Tarkaanfiin kun ammallee cimee ittifufa.

Bariisaa: Qonni ammayyaa’uun walqabatee fedhiin guddistuu callaafi galteewwan qonnaa dabalaa jira. Kanarraa kan ka’e akka hanqinni jiru komiin nika’a. Hudhaa kana furuuf furmaanni kaa’ame jiraa?

Obbo Masfin: Bu’aan omishaafi omishtummaan galmaa’aa jiru quufsaafi dabalanii akka misoomsaniif kan nama kakaasuudha, fedhiin galteewwan qonnaas kanarraa kan ka’e dabalaa waan jiruuf kan raabsame yeroodhaan qonnaan bulaa harka akka ga’u taasisneerra.

Bakkeewwan hanqinni itti mudatettimmoo mala aadaatiin kompostii qopheeffachuun fayyadamummaasaanii akka mirkaneeffatan taasisaa jirra. Gama kanaan hordoffiifi deggersa hojjetaan misoomaa keenya taasisaa jiru kan jajjabeeffamuu malu yoo ta’u, callaan gama kanaan argamus quufsaadha jechuun nidanda’ama.

Bariisaa: Akka godina keessaniitti jijjiirama omishaafi omishtummaa misooma qonnaarratti argamaa jirurraa maaltu baratama?

Obbo Masfin: Cichinee yoo hojjenne jijjiiramuun, dinagdeen ga’oomuun, wabii midhaan nyaataatiin of danda’uun, nyaata madaalawaan ijoollee ofii guddisuun kanamalees sharafa alaa argamsiisuun akka danda’amu qabatamaan argineerra. Kunimmoo ammas daddaballee yoo hojjenne dirree badhaadhinaatti akka baanu, biyya badhaates dhaloota dhufuuf dabarsuu akka dandeenyuuf agarsiistuu guddaadha.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif guddaa galatoomaa.

Obbo Masfin: Isinillee sochii qonnaan bulaan keenya itti jiru sakatta’uun ummata biraan nuu gahuu keessaniif galatoomaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

 

Recommended For You