Ulaan galaanaa maali? Akkamitti argachuun danda’ama? Faayidaan ulaa galaanaa maali? Seerotni mootummoota gamtoomanii ulaa galaanaa ilaalchisee tumame maal jedha? Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf maal gochuu qabdi? Dhimma kana ilaalchisuun gaafdeebii Yunivarsitii Finfinneetti, Hoggansa Cancala Dhiyeessii Doktar Maatiwoos Hinsarmuu waliin taasifne akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.
Bariisaa: Ulaa galaanaa jechuun maal jechuudha?
Doktar Maatiwoos: Ulaa galaanaa jechuun ulaa tajaajilli daldala omishaaalee alergiifi alaa galchuu keessa darbee biyyi tokkotti ergamu ykn seenu jechuudha. Ulaan galaanaa bakka daldalli addunyaa dhibbantaa 80-90 ittigeggeeffamu jedhamees fudhatama.
Bariisaa: Biyyi tokko ulaa galaanaa akkamitti qabaachuu dandeessi?
Doktar Maatiwoos: Karaa ulaa galaanaa qabaachuun danda’amu inni jalqabaa umamaan qarqara galaanaatti argamuudha. Inni biraan biyyoota ulaa galaanaa qaban waliin waliigaltee umanii waliin misoomsuudhaan qabaachuun ni danda’ama.
Bariisaa: Waliigalteen ulaa galaanaa waliin misoomsuu maal maal ofkeessatti hammata?
Doktar Maatiwoos: Ulaa galaanaa misoomsuun waan salphaa miti, baasii guddaa gaafata. Bakka meeshaan ittife’amuufi bu’ee ittikuufamu, sirna pirotokolii gumurukiin guutuun bu’uuraalee misoomaa gara garaa ofkeessatti hammata. Kana guutuuf dinagdeen guddatee kaappitaalli guddaan jiraachuu qaba.
Bariisaa: Itoophiyaan akkamitti ulaa galaanaa dhabdee turte?
Doktar Maatiwoos: Itoophiyaan ulaa galaanaa qabdi ture. Haata’u garuu taateewwan jijjiirama sirnaan walqabatee bara 1987 irraa eegalee ulaa galaanaa dhabuun ulaa galaanaa Jibuutii fayyadamaa jirti. Hariiroo Jibuutiirratti hundaa’uun tajaajila ulaa galaanaa argachaa jirti. Ulaa galaanaa kana fayyadamuun omishaalee alergii kan akka bunaafi kanneen biroo dhibbantaa 95 alatti ergaafi galchaa jirti.
Bariisaa: Itoophiyaan akkamitti ulaa galaanaa argachuu dandeessi?
Doktar Maatiwoos: Ulaa galaanaa argachuun uumamaan walqabata. Biyyoonni qarqara galaanaa jiran ulaa galaanaa mataasanii fayyadamu. Warri akka Itoophiyaa qarqara galaanaarra hinjirre ammo biyyoota qarqara galaanaarra jiran waliin walittidhufeenya uumuudhaan ulaa galaanaatti fayyadamuu danda’u. Itoophiyaanis haaluma kanaan argachuu dandeessi.
Bariisaa: Fayyadamummaa ulaa galaanaa mirkaneeffachuun walqabatee bu’uurri seera addunyaa maal jedha?
Doktar Maatiwoos: Seerotni ulaa galaanaa mootummoota gamtoomaniin qophaa’an biyyi kamiyyuu mirga fayyadamummaa ulaa galaanaa argachuu akka qabdu ibsa. Biyyoonni qarqara galaanaa hinjirre karaa biyyoota qarqara galaanaa jiranii ulaa galaanaatti akka fayyadaman seerri taasisu tumameera. Seerri fayyadama mirga ulaa galaanaa (right to sea access) mootummoota gamtoomaniin ALA bara 1982 tumame.
Seerichi akka jedhutti, biyyi kamiyyuu karaa biyyoota ulaa galaanaa qabanii mirga ulaa galaanaa fayyadamuu qaba. Bu’uura seeraa kanaan Itoophiyaan ulaa galaanaa Jibuutii, Ertiriyaa, Sumaaleelaandi, Somaaliyaa, Keeniyaafi Poortii Sudaan fayyadamuuf mirga guutuu qabdi.
Ameerikaa, Faransaayiifi biyyoonni biroon bu’uura seeraa kanarratti hundaa’uun fayyadamummaa addunyaa taa’een karaa Jibuutii ulaa galaanaa Hindii fayyadamaa jiru. Itoophiyaanis haaluma kanaan filannoosheerratti hundaa’uun karaa biyyoota ollaashee ulaa galaanaa qabanii ulaa galaanaatti fayyadamuu dandeessi.
Biyyi ulaa galaanaa barbaaddu biyya ulaa galaanaa qabdu waliin waliigaltee raawwachuudhaan argachuu ni dandeessi. Bu’uura seeraa kanaan biyyi ulaa galaanaa qabdu biyyoota ulaa galaanaa hinqabnerratti gatii garmalee akka itti hindaballe, biyyi ulaa galaanaa fayyadamuuf gaafattus biyya sanarraan rakkoo biraa akka hingeenyeef waliigaltee biyyoota lamaaniirratti hundaa’uun ulaa galaanaatti waliin fayyadamuun nidanda’ama.
Bariisaa: Itoophiyaan ulaa galaanaa kamfaa fayyadamuu dandeessi?
Doktar Maatiwoos: Itoophiyaan hanga dinagdeenshee eyyameefitti ulaa galaanaa garagaraatti fayyadamuu dandeessi. Jijjiirama haala qilleensaan walqabatee daandiin Itoophiyaafi Jibuutii gidduu jiru utuu sababa balaa lolaatiin danqame alergiifi alaa galchiirratti dhiibbaa guddaa uuma. Akkasumas naannawaa Galaana Diimaatti rakkoo walfakkaatu uumamuu danda’a. Filmaata ulaa galaanaa gara garaa qabaachuun danqama alergiif alaa galchii xiqqeessuuf gargaara.
Dabalataanis, biyyooti ulaa galaanaa qaban lakkoofsa fayyadamtoota ulaa galaanaasaanii dabaluuf tajaajila qulqullinaafi fooyya’aa kennuudhaan dorgommii keessa jiru. Ulaa Galaanaa qabaachuun baasii doonii ulaa galaanaarraafi tajaajiloota kennamaniif ba’u hir’isuu keessatti gumaacha olaanaan qaba. Si’aayina tajaajila kennamuu, qulqullinaafi gatii fooyya’aa qabutti fayyadamuuf ulaa galaanaa garagaraa fayyadamuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabdee turte akkamitti argachuu dandeessi?
Doktar Maatiwoos: Sirna argama siyaasaa ‘Geopolitics’ bu’uura godhachuun Itoophiyaan ulaa galanaa qabdi turte. Yeroo Ertiraan qaama Itoophiyaa turte Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa fayyadamaa turte. Sababa waldhabdee daangaa Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti mudatee tureen Ertiriyaan biyya of dandeesse taatee Itoophiyaarraa adda baatee. Isa booda Itoophiyaan ulaa galaana dhabde.
Biyyoonni ulaa galaanaa qaban mirga ulaa galaanaa dhoowwachuu hinqaban. Itoophiyaan bu’uura seera taa’een ulaa galaanaa naannawaa jiran kan barbaaddetti fayyadamuuf mirga guutuu qabdi. Biyyoonni ulaa galaanaa qabanis tajaajila kennaniif gatii hanganaa kaffalta jechuu malee asiin fayyadamuu hindandeessu jechuuf mirga hinqaban. Kun yoo ta’e seera addunyaatu caba. Seerichi waliigaltee biyyoota lamaaniirraatti hundaa’uu qaba waan jedhuuf humnaan fudhachuus ta’e dhowwachuun hindanda’amu.
Itoophiyaan seericha hordofuun tattaaffii eegalte ittifufsiisuu qabdi. Dinagdeen biyyattiis guddachaa deemuu qaba. Dinagdeen Itoophiyaa guddachaa yoo deemu faayidaa biyyoonni ulaa galaanaa Itoophiyaaf kireessaniis niguddata. Guddinni dinagdee Jibuutii guddina dinagdee Itoophiyaan walqabata. Kanarraa ka’uun Jibuutiin Itoophiyaaf ulaa galaanaa baay’ee ijaarte keessaa ulaa galaana Taajuraa, terminaala koonteenaraa, zoonii dinagdee bilisaa, bakka kuusaa boba’aa ijaaraman akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Ijaarsi geggeeffames koriidarii guddina dinagdee biyoota lameenii keessatti gumaacha olaanaa qaba.
Ulaa galaanaa tooftaa sadiin waliin fayyadamuuun ni danda’ama. Inni jalqabaa bittaafi gurgurtaa lafa ulaa galaanaati. Inni lammaffaan waliin misoomsanii waliin fayyadamuufi lafa kennaniin fudhachuudhaan waliin fayyadamuudha.
Itoophiyaan haala qilleensaa omisha bunaaf mijataa ta’e qabdi. Kun biyyootni buna argachuu barbaadan Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii akka qabaatan taasisa. Biyyootni akka Itoophiyaa kompiiyutara, konkolaataafi teknolojiiwwan adda addaa gara biyyasaaniitti galchuu waan barbaadaniif ulaan galaanaa waliin fayyadamuun dirqama itti ta’a.
Dinagdeen Itoophiyaa akkuma guddachaa deemu dhageettiin biyyattiis dabalaa deema. Dinagdee biyyattii caalaatti guddisuuf keessumaa omishaalee alergii guddisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Ulaa galanaa argachuunis guddina dinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee guddaa qaba.
Bariisaa: Tattaaffii Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf taasisaa jirtu akkamitti ilaaltu?
Doktar Maatiwoos: Itoophiyaan bu’uura seeraa mootummoota gamtoomaniin ulaa galaanaa biyyoota ollaashee filattetti fayyadamuu dandeessi. Tattaaffii Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf taasisaa jirtu haala amma eegalameen xiyyeffannaan hojjettamnaan ni milkaa’a.
Bariisaa: Ibsa bal’aa nuuf kennitaniif galatoomaa.
Doktar Maatiwoos: Isinis galatoomaa.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016