Shawaa Kaabaatti gandootni Shaneen keessa socho’aa ture hedduun bilisa ba’aniiru

Finfinnee: Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaatti gandootni Shaneen keessa socho’aa turan hedduu tarkaanfii qindaa’aa fudhatameen bilisa ba’uu Bulchiinsi godinichaa beeksise.

 

Bulchaan godinichaa Obbo Kifaloo Adaree Wiixata darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, waggoottan  sadan darbanitti humni Shanee namoota  ukkaamsuun maallaqa humnaa olii gaafachuun cinatti qabeenya saamuufi sochii ugguruurratti ummata hiraarsaa ture. Ta’us tarkaanfii qindaa’aa olaantummaa seeraa mirkaneessuuf fudhatameen gandootni hedduun bilisa ta’aniiru.

 

Humni ajandaa saamichaafi hiraarsa ummataa malee ajandaa siyaasaa hinqaban kan jedhan Obbo Kifaloon; kaayyoo nama ugguruu kana galmaan gahaachuuf qabsoo siyaasaa waan gaggeessu of fakkeessuufis namoota caasaa mootummaa keessatti gahee adda addaa qaban  irratti miidhaa suukaneessaa raawwata turuu yaadachiisaniiru.

 

Namootni tokko tokko Shaneetti makamuun nama ukkaamsanii galii argachuu akka filannoo madda galiitti ilaalaa jiraachuu ibsanii;; ta’uus yeroo ammaa hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu hojjetameen gandootni humna saamee bulaa kanaan dararamaa turan  bilisa ba’uufi ammas humni kun gandoota muraasa  naannawaa gammoojjii akka Mogoritt bittinnaa’ee akka jirus dubbataniiru.

 

Humna kanarratti tarkaanfii araara hin qabne fudhachuun aanaalee hedduu keessatti nageenya mirkaneessuun hojiileen misooma pirojeektota adda addaa hojjetamanii akka xumuuraman gochuun bara kana pirojeektota hedduu eebbaaf qopheessuun kan danda’ame ta’uus Obbo Kifaloon ibsaniiru.

 

Darara qaamni kun hawaasarratti raawwatu hamaadha  kan jedhan Obbo Kifaloon; hawaasnis qaamni kun diina Oromoo maraa ta’uu hubatee kallattii maraan qaama nageenya waliin hiriiruun deeggarsa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

 

Gama biroon Finxaaleyyiin  Faannoo daangaa ce’ee rakkoo nageenyaa uumaa jiraachuu himanii; kallattii  Darraa,  Shanoo, Abbichuu, Alaltuufi  Aanaa Giraarjaarsoo daangaa Oromiyaa seenee namoota nagayaa ajjeesuufi qabeenya saamee deemuuf sochii garaagaraa taasisaa turuu ibsaniiru. Kallattii humni kun itti  socho’aa jirutti ,keessattuu Aanaa Abbichuutti dargageessi Oromoo galaasaa guduunfatee leenjii fudhatee  humni kuni yeroo daangaa ce’e dhufu deebisaa jira jedhaniiru.

 

Shanees ta’ee Finxaaleyyiin Faannoo kaayyoonsaanii Oromoofi Amaaara walitti buusuun fedhasaanii galmaan ga’achuu akka ta’es dubbataniiru. Fedhii walitti bu’iinsa saba Oromoofi Amaaraa humnootni lamaan kunneen qaban fashaleessuuf godinichi godinoota Amaaraa waldaangessan waliin Obbolummaa saboota lamanii cimsuuf irra deddeebidhaan waltajjiwwan marii garaagaraa qopheessuu yaadachiisaniiru.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You