Oromiyaatti beeyiladootni miliyoona 1.5 akka diqaaloman taasifameera

Finfinnee: Oromiyaatti bu’aa beeyiladootarraa argamu gabbisuuf beeyiladootni miliyoona 1.5 ta’an diqaalomsamuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.

Hogganaan Ittaanaa biirichaa Obbo Toleeraa Dabalaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatif kennaniin akka jedhanitti, bu’aa beeyiladootaa dabaluuf sanyii beeyiladoota fooyya’oo ta’an diqaalessuun baay’isuun murteessaadha.

Naannichatti hojiin sanyii beeyiladootaa fooyyessuu hojii yeroo dhiyoo as xiyyeeffannoo argateedha kan jedhan Obbo Toleeraan; hojicha galmaan ga’uuf mootummaan naannichaa giddugaloota horsiisa beeyiladaa hojiin babal’isuun hojjetamaa jira jedhaniiru.

Bu’aafi hojiin beeyiladoota diqaalomsuu yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira kan jedhan Obbo Toleeraan; baay’inni beeyiladoota barana qofa diqaalomfamanii baay’ina beeyiladoota kanaan dura waggaa shan keessatti diqaalomfamanii kan caalu ta’uu ibsaniiru.

Kanaan dura teknolojiitti fayyadamuun loowwan akka diqaaloman yoommuu taasifamu loowwan harka dhibba keessaa harka shantamaa gaditu rimaa qabata ture jedhanii; bara kana garuu giddugaleessaan dhibbantaa 68 rimaa qabachuu dubbataniiru.

Mala diqaalomsuu kanaanis jabbileen kuma 298 dhalataniiru kan jedhan Obbo Toleeraan; gahumsaafi baay’ina ogeessotaa dhiyeessiiwwan barbaachisan waliin dabaluun bu’aa abdachiisan argamaa akka jirus yaadachiisaniiru.

Naannichatti misooma beeyiladaatiin bu’aa abdachiisaan argamaa jira kan jedhan Obbo Toleeraan; gama misooma dammaatiinis waggaatti damma toonii kuma 113 oomishuuf karoorfamee hanga ji’a Caamsaatti toonii kuma 110 omishuun danda’ameeras jedhaniiru. Karoora misooma dammaa galmaan gahuufis barana gaagura ammayyaa miliyoona tokko raabsuuf karoorfamee hanga ammaatti gaagura kuma 930 ol raabsuun danda’ameera jedhaniiru.

Gama misooma qurxummiitinis kanaan dura waggaatti cuucii qurxummii kuma 100 hin caalletu rabsamaa ture. Ta’us bara kana cuucii kuma 500tu raabsame. Milkaa’ina kanaafis hojiin qo’annoofi qorannoo Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatiin hojjetame gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Biirichatti Daarektarri Eegumsa Fayyaa Beeyiladaa Doktar Abdii Asaffaa gabaasa hojii ji’oota 11 yoommuu dhiyeessan akka jedhanitti, dhibee beeyiladaa ittisuuf hojii hojjetameen talaalliin dhukkuboota gosa garaagaraa 16 ittisuuf gargaaru kennameera. Beeyiladoota dhukkubsatan yaaluufis ji’oota 11 keessatti qorichoota gosa garaagaraa doozii miliyoona 85 fayyadamuun danda’ameera.

Ittigaafatamaa Ittaanaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Awwal Kaalil gamasaanitiin akka jedhanitti, misooma beeyiladaatiin qofa osoo hintaane godinichi akaakuu misoomaa hundaan hojiilee jiruufi jireenya hawaasa godinichaa jijjiiran hojjechuurratti argama. Bu’aalee beeyiladaa omishamaa jiraniif hojiin walitti hidhamiinsa gabaa uumuu gara fuulduraatti hojii xiyyeeffannoo barbaadudha jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You