Alergii bunaarraa galiin doolaara biliyoona 1.2 argame

Finfinnee: Ji’oottan 11 darban keessatti buna gabaa alatti ergamerraa galiin doolaara Ameerikaa biliyoona 1.2 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee Federaalaa ibse. Hojii qulqullinaafi bal’isuu gabaa hojjetameen gatii bunaa Itoophiyaa %18 akka dabalu taasisuus ibseera.

Daarektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayee Federaalaa Doktar Addunyaa Dabalaa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti; alergii bunaa ji’oota 11 irraa galiin doolaara biliyoona 1.2 argameera. Biyyootni buna Itoophiyaa bitachuun beekaman Saa’ud Arabiyaa, Jaappaan Ameerikaa, Beeljiyeemiifi Jarmanidha.

Abbaan taayitichaa barana buna toonii kuma 300 alattii erguun galii doolaara biliyoona 1.7 argachuuf karoorfatee hojjechaa jira. Kanaafis qulqullina bunaafi gabaa babal’isuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Hojii hojjetameenis bara darbe raawwii fooyya’aa galmeessuun danda’ameera.

Ji’oottan 11 darbanitti buna toonii kuma 253 erguudhaan doolaara biliyoona 1.2 argachuun danda’ameera. Kaanis ji’a hafe keessatti xumuramuudhaan karooricha galmaan ga’uuf tattaaffiin ittifufeera.

Koonteenara ga’aa dhabuufi rakkoon nageenya galaana Diimaa rakkoo Abbaa Taayitichaa mudatan ta’uu himanii; rakkoo kana furuuf poolisii federaalaa waliin ta’uudhaan torbeetti konkolaataa 50-80n gara Jibuutiitti fe’ameen ji’a kudha tokkoffaa keessa toonii kuma 43 erguun galii doolaara miliyoona kuma 200 argamsiisuun danda’ameera. Ji’a tokko keessatti buna toonii 43 ergamuun seenaa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, biyyootni akka Chaayinaa, Imireetii Araba Gamtoomaniifi Kooriyaa Kibbaa buna Itoophiyaa baay’inaan bituudhaan lakkoofsa biyyoota buna Itoophiyaa bitanii kurnan keessa galaa jiru.

Barana qofa Saa’ud Araabiyaan buna toonii kuma 45 akka bitte yaadachiisanii; gabaa buna addunyaa %30 gad bu’e keessatti hojii qulqullinarratti hojjetameen kan Itoophiyaa %18 akka dabalu taasiseera.

Galii bunarraa argamu guddisuuf qulqullina bunaafi babal’ina gabaarratti keessumaa biyyoota Baha Fagoo akka Chaayinaa baay’inaan buna Itoophiyaa fudhachaa jiran dabalatee sadarkaa addunyaatti hojiin dhamdhama buna Itoophiyaa beeksisuu xiyyeeffannoodhaan hojjetama jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun baala shaayeen walqabatee omisha biyya keessaa argamu dhiyeessii biyya keessaaf oolaa jiraachuu himanii; waggaatti galii doolaara miliyoona sadii argamsiisa jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You