“Caasaaleen mootummaa murteessoon magaalaa keenyatti diriiruu dhabuun kenna tajaajilaarratti gufuu guddaa uumeera”  – Obbo Dilboo Urgeessaa, Kantiibaa Magaalaa Maqii

Maqii: Magaalaan Maqii bara 1931 kan hundoofte yoo ta’u, beekamtii kan argatte ammoo bara 1958. Bara beekamtii argatterraa eegalee hojiilee manni qopheessaa tokko hojjechuu danda’u raawwachaa turte. Turtii yeroo dheeraa booda bara 2013 riiformii jala galtee magaalaa sadarkaa guddattuu argatte.

Bara 2014 booda seektaroonnishii gara 15tti guddatanis amma seektaroonni murteessoon akka mana marii, kominikeeshinii, dhimma dubartootaafi daa’immanii, dargaggoofi ispoortii, hojjetaafi hawaasummaafaan guutamuufii dhabuun akkasumas caasaaleen kaanis hanqina humna namaa olaanaa keessa akka jiran kantiibaan magaalattii ibsan.

Kantiibichi turtii Wixata darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, hanqinni caasaafi humna namaa hamaan waan jiruuf Maqiirraa tajaajila guutuu argachuun ulfaataa ta’a.

“Hanqina humna namaatiinis garmalee rakkachaa jirra. Caasaadhuma baname keessattiyyuu humna namaa harka 40 ta’u qofaan tajaajilli kennamaa jira. Rakkoon seektaroota guuttachuu dhabuu guddaatu jira. Rakkoon caasaadhuma jirurrattillee humna namaa guuttachuu dhabuus akkasuma. Sababa kanaan sektaroota tokko tokko keessatti namoota afur/shan qofatu tajaajila kenna. Kanaaf hawaasa kana akka barbaadnetti tajaajiluurratti daran rakkachaa jirra” jedhan.

Gama kaaniin kallattii mootummaan kaa’een torbanitti guyyoonni tajaajilaa abbaa dhimma sadii jiru. Inni kun harcaatiiwwan tokko tokko jiraatanis hamma danda’ametti hojiirra oolchaa jirra jechuu himu Kantiibaa Dilboon.

Hoggansi magaalattii kenna tajaajilaa kana maddiitti nageenyaan walqabatee hojii gandootatti marii gaggeessuufi hawaasa ijaaruus raawwachaa jira. “Iddoowwan tokko tokkotti hojiileen dirreerratti hojjetamanis jiru. Kanarraa kan ka’e hanqinni kenna tajaajilaa mudachuu mala” jedhu.

Caasaadhaan walqabatee deeggartoonni misoomaa tokko tokkos akka ulaagaatti waan gaafataniif seektaroonni Magaalaan Maqii hinqabne humna namaa wajjin dafanii guutamuun murteessaa ta’uu himanii, hojiin kenna tajaajilaa seektara qindaa’aa barbaada. Iddoo kun hinjirretti tajaajila guutuu kennuun waan ulfaatuuf carraa kanaan haala guddina saffisaa magaalattiin irra jirtuun mootummaan ilaalee akka sektaroota hafan nuu dabalu, humna namaas akka guuttannuuf nuu eeyyamamu nigaafanna jedhan.

Hojmaata dijitaalessuurrattis hojjetamaa jiraachuu kan eeran Obbo Dilboon, waajjiraaleen Galiiwwaniifi Daldalaa sirnicha keessa galanii abbaa dhimmaa si’aayinaan tajaajilaa jiraachuu himaniiru.

Sektaroota hanqinni meeshaalee mudates waljalaa furaafii deemna kan jedhan kantiibaan kun, “Dijitaalessuudhaan walqabatee Wiixata, Waxabajjii 3 bara 2016 irraa eegalee kaameeraa ‘CC’n manneen hojiitti galfamanii tajaajilli ogeessi kennu bakkuma tokko taa’amee akka hordofamu taasifamaa jira. Teknolojii kanaan nageenya magaalaa keenyaas hordofaa jirra” jedhan.

Nageenyaan walqabatee haala biyyaas ta’e magaalaa keenyaa yoo ilaalle, ammaan tana biyya rakkisaa kan jiru olola. Kanarraa kan ka’e tokko tokko otoo as hindhufiin odeeffannoowwan sobaafi olola miidiyaa hawaasaarratti gadidhiifamaniin burjaaja’uun nijira. Kanin carraa kanaan himuu barbaadu nageenyi Magaalaa Maqii sadarkaa fooyya’aarra jiraachuusaati. Isinis qaamaan argamtanii keessa deemtanii argitaniirtu. Magaalaa keenyatti namni kamuu akka barbaadetti socho’ee oolee bula, bahee gala. Kunis hojii akkasumaan dhufe otoo hintaane qindoomina hoggansaa, caasaa nageenyaa, gandaafi hirmaannaa ummataatiin kan dhufeedha.

Gandoota Aanaa Dugdaa muraasa rakkoon nageenyaa itti mudataa turettis mootummaan xiyyeeffannoon waan irratti hojjeteef rakkoon sun ammaan tana furameera. Magaalaan Maqii akka halaala taa’amee itti haasa’amuufi dhugaan lafa jiru gonkumaa adda adda ykn faallaadha.

Namuu rakkoo tokko malee tasgabbiidhaan hojiisaarratti bobba’ee hojjetaa jira. Kanaaf haalli nageenya Magaalaa Maqii daran fooyya’aafi iddooshii duriitti deebi’aa jiraachuu himu Kantiibaa Dilboon.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You