Finfinnee: Seenessa walirraafagaate gara giddugaleessaatti fiduu keessatti hirmaannaan namoota dhiibbaa uumanii murteessaa ta’uu himu qooda fudhattootni marii ajandaa walittiqabuu dhiyeenya kana Finfinneetti adeemsifamerratti hirmaatan.
Marii ajandaa walittiqabuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhiyeenya kana Finfinneetti adeemsiserratti kan hirmaatan Obbo Ibsaa Nagawoo akka jedhanitti, seenessa walirraafagaate gara giddugaleessaatti fiduu keessatti hirmaannaan namoota dhiibbaa uumanii shoora olaanaa qaba. Kanaaf namoonni dhiibbaa uumuu danda’an amanamummaan maricharratti hirmaachuun yaada furmaataa maddisiisuu akka qaban yaadachiisu.
Rakkoon seenessa Itoophiyaa barootaaf walitti kuufamaa kan dhufe ta’uu himanii, seenessa walirraafagaate kana gara giddugaleessaatti fiduuf qoodafudhattootni marii biyyaalessaa komishinichi sadarkaa sadarkaan adeemsisuurratti amanamummaan hirmaachuun yaada furmaataa maddisiisuu akka qaban dhaamaniiru.
Marichi walmo’uuf osoo hintaane walhubachuun rakoo walxaxaa keessa jirru keessaa ba’uuf nu gargaara kan jedhan Obbo Ibsaan, milkaa’ina marichaaf qaamoleen hundi gahee isaanirraa eegamu sirnaan bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Obbo Taammiruu Waldagiyoorgis gamasaaniin akka jedhanitti, marichi seenessa moggaatti ba’anii madda walittibu’iinsaa ta’an adda baasuudhaan gara giddugaleessaatti fiduun waliigalteerra akka geenyu taasisuu keessatti shoora olaanaa qaba. Marichi seenessa madda walittibu’iinsaa ta’e mariin furuun nageenya biyyaa mirkaneessuufis kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Milkaa’ina marichaaf qooda fudhattootni hundi amanamummaafi quuqamaan yaada furmaataa maddisiisuufi hojiirra oolchuu qabu kan jedhan Obbo Taammiruun, bu’aa maricharraa eegamu dhugoomsuuf hunduu gahee irraa eegamu sirnaan bahachuu akka qabu yaadachiisu.
Komishinara Olaanaan komishinichaa Pirofeesar Masfin Arayaa akka jedhanitti, mariin biyyaalessaa waldhaggeeffachuufi walkabajuun madda rakkoo jiruuf furmaata kaa’uuf ulaa kan saaquudha. Milkaa’ina marichaaf hirmaannan namoota dhiibbaa uumanii murteessaa waan ta’eef gahee isaanirraa eegamu sirnaan bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016