Finfinnee: Nuti lammiileen Itoophiyaa sabboonummaa sabdaneessummaa cimsuun biyya hundaa taatu biyya jabduu ijaaruu qabna jedhan Doktar Birhaanuu Leenjisoo.
Yunivarsiitii Ambootti Hayyuu Sosholojii kan turaniifi yeroo ammaammoo Ministir De’eetaan Jallisiifi naannawawwan Gammoojjii Doktar Birhaanuu Leenjisoo yaada Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti sabboonummaan biyyaafi sabboonummaan sabaa waldhiita jedhamee seeneffama. Ta’us hiika sirrii kenninee lamaansaaniiyyuu qixa sirriin yoo ittifayyadamne biyya jabduu ittiin ijaaruu dandeenya.
Sabboonummaadhaan walqabatee Itoophiyaa keessatti ilaalchotni dogoggoraa jiraachuusaanii himanii, ilaalchotni tokko tokko Itoophiyaanummaanuu sabummaadha jedhanii amanu, tokko tokkommoo sabboonummaan Itoophiyummaa sabboonummaa hinhammatu jedhee amana jedhan.
Sabboonummaan mataasaatiin rakkoo ta’ee osoo hintaane Itoophiyaa keessatti hiika yaadrimee sabboonummaaf kennametu waldhiitee ijaarsa biyyaaf rakkoo uumaa jira kan jedhan Doktar Birhaanuun, sabboonummaan miira namni tokko miseensa saba tokkoo ta’uun qabaatuufi walitti hidhamiinsa yaadama siyaasaatiin namni sun sabasaa waliin qabu ta’uu eeraniiru.
Haala qabatamaa addunyaatiin yommuu ilaallu biyyoota addunyaa kanarra jiran keessaa sabboonummaan sabaa impaayera walqixxummaa sabootatti hinamanne diigee, biyyootni amma jiran akkaataa amma jiraniin akka ijaaraman gochuu keessatti shoora olaanaa taphachaa ture. Bara Koloniis sabboonummaan sabaa namootni walabummaasaaniitiif gurmaa’anii fincila farra kolonii gaggeessuun koloneeffattoota jalaa bilisa akka bahan taasiseera jedhan.
Waraana Addunyaa tokkoffaa gaggeessuun impaayerotni yeroo sana turan dhabamsiifamanii walqixxummaan saboota addunyaa akka dhufu gochuu keessattis gaheen sabboonummaa sabaa olaanaa ta’uu himanii waraanicha keessatti rasaasa jalqabaa kan dhukaase sabboonaa biyya Bosiniyaati jedhaniiru.
Sabboonummaan amalumasaatiin saba jabinaafi tokkummaa biyyaalessaa kan laaffisu osoo hintaane qaamni sabboonummaa saba tokkoo hin fudhanne yoo jiraate sabboonummaan qaamolee kunneen faana walitti bu’uu danda’a jechuun ibsan.
Akka ibsa Doktar Birhaanuutti, Itoophiyaa keessatti ilaalchota fiixee sabboonummaarratti jiran lameen hambisuun sabootni biyyattii waan dhuunfaasaanitiin qaban walii kabajuuni waan waliin qaban waliin dagaagsuun sabboonummaa sabdaneessaa hunda hammatu jajjabeessuun biyya jabduu ijaaruun dhimma filmaata hinqabneedha.
Marii Biyyaalessaa Itoophiyaan taasisuuf jirtu akka carraa gaariitti fayyadamuun hubannoo uumuun yaadota lamaan waldhahan kunneen walitti araarsuun sabboonummaa sabaafi sabboonummaa biyyaa walfaana adeemsisuun barbaachisaadha jedhan.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016