Irreen Qeerroo sirna kana dhale tikfachuufis hiriiruu qaba

Waggoota shan dura Itoophiyaan raafama siyaasaa, gaaga’ama dinagdee fi dachee waldhabdeen siyaasaa keessatti hammaate ta’uun qormaatni ulfaataan yeroo itti keessumeeffamedha.

Qormaata kanaaf ammoo sababa kan ta’e sirni angoorra ture maqaa federaalizimii sobaan ummata burjaajessuun saamicha, hanna, qonnaan bulaa buqqisuun, hiraarsuun hadhaa’ee ta’e ummata gaaga’ama hamaa keessa galchedha.

Hiraarsaan, hanni, saamichii fi dhiittaan mirgaa dhala namaarratti qaqqabaa ture cabuu diduusaan Qeerroon fincila dhoosee wareegama qaalii hanga aarsaa lubbuu gaafatu kaffaluun sirna hattuufi saamtuu hundeedhaan buqqisuun sirni badhaadhinaa walqixxummaa sabaafi sablammii mirkaneessuun federaalizimiifi diimokirasiin akka lafa qabatu bu’uura buuseera.

Bu’aa qabsoo hadhaa’aa dargaggootaa kan ta’e mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuu hordofee fayyadamummaan sabaaf sabalammii federaalizimiin sabdaneessaa lafa qabataa kan jiru yoo ta’u murnoonni Finxaaleyyii farra walqixxummaa ta’aniifi walqixxummaan gadaantummaa itti fakkaatu,o laantummaa saba tokkoo afaan tokkoo aadaa tokkoo deebisuuf yommuu wixxirfatan mul’atu.

Sirni mootummaa jijjiiramaa ilaalcha badaa akkasii kan hin keessummeessine waan ta’eef Finxalessummaan farra tokkummaa, walqixxummaafi diimokiraasiiti ejjennoo jedhuun diimokiraatawaa ta’uun dirqama ta’uusaa hubachiisaafi barsiisaa tureera.

Murnoota walqixxummaa diduun Itoophiyaa biyya amantaa tokkoo, afaan tokkoo, aadaa tokkoo gochuuf jeequuf yaalan irratti kabaachiisa olaaantummaa seeraa fudhachuun nageenya waaraa biyyaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.

Qeerroon kaleessa dheengadda qabsaa’ee sirna hattuu hundeedhaan buqqisee balleesse ilaalcha doofaa afaan tokko, aadaa tokko, amantaa tokko jedhu farra walqixxummaa fi tokkummaa waan ta’eef adda durummaan qabsaa’uun dirreerrattis hiriiruun gaachanummaasaa agarsiisuun irraa eegama.

Sirna mootummaa jijjiiramaa kana dhaaluuf wareegama qaalii hanga aarsaa lubbuu gaafatu kan kaffale Qeerroon tikfachuufis kallattii hundaan hiriiraa jira. Sirni kun kan kooti, natu lafeedhaa itti cabee fide,natu lubbuu itti dhabe jedhee caasaa nageenyaa, gaachana sirnaarraa hanga Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti hiriiruun nageenya biyyasaa kabachiisuun fayyadamummaasaas mirkaneeffaataa jira.

Dargaggummaan umrii biyya ofiif wabii itti ta’an, umrii walabummaa biyya ofii itti kabachiisan waan ta’eef waamicha jaalala biyyaaf tasifamu keessatti adda durummaan hirmaachuun aantummaasaanii agarsiisuu qabu.

Tibba kana kutaalee Oromiyaa, Amaaraa, Agaw ,Si daamaa,Walaayittaa,Affaar,Sumaalee,Beenishaan gul fi Ummattoota Kibbaa keessaa dargaggoonni baba’an sirni mootummaa jijjiiramaa bu’aa dhiigaaf lafee kootii tikfachuun qaba, dirqamni imaanaa biyyaa narra jira, ejjennoo jedhuun kabajamuu walabummaa biyyasaaniif waamicha mootummaan taasiseefiin fedhiin Raayyaa Ittisaa Biyyaatti makamaa jiru.

Faallaa mootummaa jijjiiramaa kana kan deeman Finxaaleyyiifi fakkaattonnisaanii maqaa tokkummaan olaantummaa saba tokkoo, amantaa tokkoo barri itti dhume deebisuuf dhama’an bu’aa dhiigaaf lafee Qeerrootti baacuudha kan jedhan Dargaggoonni sadarkaa caasaalee nageenyaa gara garaa keessatti hirmaannaa taasisuun jaalala biyyasaaaniif qaban qabatamaan agarsiisaa jiru.

Jijjiiramichi kan kooti, ejjennoo jedhuun hedduun Raayyaa Ittisaa keessatti qooda fudhachuun qorra, rooba, baddaa gammoojii, beela’e dheebodhe jedhanii haalotaan osoo of hindaangessiin wareegama hadhaa’aa hanga lubbuusaanii qaalii dhabaniitti daangaa fi walabummaa biyyasaanii kabachiisaa kan jiran yoo ta’u kabajni guddaa kan maluufiidha.

Caasaaleen nageenyaa hirriba dhabanii lammiileen hirriba nagaa qabu akka rafan hojjetatanii akka of jijjiiran nagaan ba’anii nagaan akka galaniif dirqama jaalala biyyaa fi lammummaasaanii haalaan ba’ataa kan jiran yoo ta’u, ammas dhaloota itti aanu itti fufsiisuuf walabummaafi nageenya waaraa biyya ofii mirkaneessuuf ammas Rayyaa Ittisaa keessatti hiriiruun barbaachisaadha.

Waamicha Raayyaa Ittisaa keessatti makamaa jedhu gaaraa gad bu’e hordofee dargaggoonni hedduun galmaa’aa, leenji’aa jaalala biyyaaf dirqama lammummaasaanii ba’ataa kan jiran yoo ta’u ammas, sadarkaa biyyaatti haala ho’een itti fufaa jira.

Raayyaa Ittisaatti makamuun itti gaafatamummaa guddaafi imaanaa ulfaataa biyyi ofii namatti laatte eeguu, tiksuufi kunuunsuun dhaloota dhufutti dabarsuu yoo ta’u hirmannaan dargaggootaan taasifamaa jiru daran kana nama jajjabeessu, of caalaa jaalalala biyyaaf waardiyyaa kan dhaabatan hedduu ta’uu kan agarsiisudha.

Dargaggootaa sirnaa kana dhaluuf wareegamni qaalii hanga aarsaa lubbuu gaafatu kaffalamaa tureera, sirni kun bareedes fokkises bu’aa dhiiga obboleeyyan keenya kumaatamaa ta’uu dagatamuu hinqabu. Imala jijjiiramaa keessa rakkoon, hanqinni jirachuu danda’a. Qaawwa xixiqqaa mul’atan ilaallee bu’aa dhiiga obboleeyyan keenyaa gatii dhabsiisuun ykn ammoo dabarsinee laachuun bor seenaa keessatti nu gaafachiisa.

Sirna itti dhiignee lafeedhaa itti cabne, lubbuu keenya qaalii itti wareegnee finne kara deemaaf dabarsinee laachuun dhaloota guddinarra jiru gabrummaaf saaxiluu waan ta’eef sirna dhiignee finne hiriirree tiksuun fi diimokirasiin dhugaa, federaalizimiin sabdaneessaafi walqixxummaan sirrii akka lafa qabatu mootummaa wajjin dhaabanne kabachiisuun dirqama lammummaa keenyaa ba’achuu qabna.

Walumaagalatti Itoophiyaan biyya sabaaf sablammii, amantii, aadaa, afaan fi eenyummaa gara garaa qaban waldanda’anii keessa jiraatan yoo taatu walabummaanshee, daangaanshee kabajamee sodaatamee akka jiraatuuf hariiroon diippilomasii biyyoottan biroo waliin isheen qabdus akka cimuuf dargagoonni keenya har’as akkuma kaleessaa raayyaa ittisaa keessatti hiriiruun dirqama gaachanummaafi jaalala biyyaa qabnu bahachuun nurraa eegama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You