Sosochiichaan omisha haaraa sagal gara alaatti erguun danda’ameera

Finfinnee: Sosochii “Itoophiyaan haa omishtuu” tiin omishaalee haaraa sagal biyya keessatti omishuun gara alaatti erguun kan jalqabame ta’uu Ministeerri Industirii beeksise.

Ministirri ministeerichaa Obbo Malaakuu Allabal marii abbootii warshaalee waliin Roobii darbe taasisanirratti akka jedhanitti, kaayyoon sosochichaa inni guddaan misooma industiriitiif carraa gaarii biyyattiin qabdutti fayyadamuun omishuuf hudhaalee mudatan karaa qindoomina qabuun furuudha.

Jalqabuu sosochichaa sababa hudhaalee jiraniin rakkoo guddaan ture humnaa gadi omishuu industiriiwwaniti kan jedhan Obbo Malaakuun Itoophiyaan osuma waa hunda qabdu sababa akkaataa hojjechuu qabduun hojjechuu dhabuuutiin biyya iyyeettii taatedha jedhaniiru.

Akka haasaa Obbo Malaakuutti, misooma industiriif kan ta’u lafa bal’aa , humna namaa hedduu, yoo omishne bitee fayyadamuu kan danda’u uummata miliyoona 120, humna ibsaa gahaa, omisha omishames erguuf kan gargaaru buufata xiyyaaraa biyya hundatti imalu, Gabaa Afrikaa Bilisaa keessattis haalli sochii biyyattii milkaa’ina misooma industiriitif shoora olaanaa taphatu.

Hojii hojjetameenis bara bajataa 2016 ji’oottan saglan darban keessatti walumaagalatti omisha indastirii qarshii biliyoona 3.1tti tilmaamamu biyyattii keessatti omishameera. Omisha toonii kuma 107 ta’u gara alaatti erguun doolara miliyoona 202 argachuunis danda’ameera.

Barreessaa Olaanaan Mana Maree Gartuu Waldaalee Obbo Afrikaa Zallaqaa gamasaanitiin yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti indastiriiwwan carraa hojii uumuudhaan biyya keessatti qabeenya maddisiisuun, omishaalee bu’uuraa dhiyeessuun gahee guddaa taphachuurratti argamu.

Biyyoota hiyyeeyyii akka Itoophiyaa keessatti indastiriiwwan guddina dinadgeef qofa osoo hin taane tasgabbii hawaasummaafi siyaasaatif gaheen isaan qaban olaanaa ta’uu kaasanii qabduuwwan seeraa mijatoo uumaman gara hojiitti jijjiiruf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Indastiriiwwan karaa gurmaa’en gaaffii qaban mootummaaf dhiyeessuu akka danda’anif federeeshinii Indastiriiwwanii hundeessuuf ajandaan mana mare ministeerotaatif dhiyaata jajjabeeffamuu kan qabu ta’uu Obbo Afrikaan ibsaniiru.

Miseensi Mana Maree Daldala Magaalaa Finfinnee Obbo Yilmaa Lammaa gamasaanitiin akka jedhanitti, hudhaalee industirii furuuf hojiileen jalqabaman hojiilee jajjabeeffamuu qabaniidha. Haa ta’u malee, deeggarsa indastriiwwanif taasifamu keessatti akkuma indastriiwwan gurguddoo indastiriiwwan xixiqqaanis xiyyeeffannoo argachuu qabu.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You