Oromiyaan qabeenya uumamaafi namtolchee hunda keenya gahuun kan badhaateedha.
Laftiifi qilleensi keenya hawwataafi mijataadha; waa lama qofa barbaada: walhubannoofi yaada galteewwan qabnu madaqsee qabeenya (‘wealth’) uumu maddisiisuufi hojiitti hiikuu.
Qabeenya kennaa Uumaa qabeenya dabalataa uumuuf nugargaaru keessaa inni guddaan dargaggeessa keenya. Gaachana birmadummaa biyyaa guyyaa aggaammiin biyyarratti taasifamu dursa hiriiru, gaafa duulaas nagaafi misooma ummataaf humnasaa hinqusanneefi hindhiboofneedha.
Dargaggoonni anniisaa murteessaa duudhaa gootummaa dhalootaa dhaalanii gootummaa biyyaalessummaa misoomaafi birmadummaa biyyaatiin dabaaluuf imaanaa fudhataniidha.
Sonni guddummaafi seenaan birmadummaa dargaggoonni kaleessarraa dhaalan akka biyya ijaaru, dabaafi aadaan siyaasaa badaafi boodatti hafaan kaleessarraa as dhufe ammoo hirmaannaa siyaas-dinagdeefi hawaasummaa dargaggootaarratti ashaaraa hi’intaa kahaniiru.
Kuufamni daba ilaalcha aadaa siyaasaa badaafi boodatti hafaa kuufamee har’a gahe saaxilamummaa dargaggoota har’aatiif gumaacheera.
Rakkoon nageenyaa naannoo keenyatti uumame kun gama tokkoon bu’aa dhiibbaa aadaa siyaasaa badaafi boodatti hafaa tahuun kan haalamu miti.
Har’a boqonnaa kuufama dhibee siyaasaa kaleessaarraa as dhufeen qoramnee baranne kanatti, ofis, walis gaafannee, mari’annee, qalbeeffannee gaaffiin deebisuu qabnu tokko nudura jira.
Innis, “Maraanmartoo aadaa siyaasaa badaafi boodatti hafaa kana keessaa bahuuf yeroo dabalataa nu barbaachisaa?” kan jedhuudha. Maraanmartoo gaabbii seenaa, gaaga’ama har’aafi ba’aa egeree malee sona kamuu hin idaane cabsuuf yeroo dabalataa nutti fudhachuu hinqabu.
Akkuma beekamu, mootummaan jijjiiramaa keenya aadaa siyaasaa badaa lafa qabatee ture kana buqqisuun sirna siyaasaa ammayya’aafi nagaqabeessaan bakka buusuuf of eeggannoofi obsa olaanaadhaan hojjachaa tureera; hojjechaa jiras; aarsaa guddaas ittikaffalaa jira.
Qaamolee hidhatanii waraana, jeequmsa, baqattummaa, saamichaafi mancaatii qabeenyaa, akkasumas ajjeechaa lammiilee keessatti osoo hinhafin qooda qabaniif waamicha nagaa walirraa hincinne taasisaa tureera; taasisaas jira.
Gama kanaan dargaggoonni yeroo adda addaatti waamicha nagaa mootummaa fudhachuun galan lakkoofsaan baay’eedha. Akkuma yaadatamu, kanaan dura shira qaamolee alaafi keessaa nageenyiifi tasgabbiin ummata keenyaa isaan yaaddessuun xaxamaa turerraa kan ka’e, fudhatamni waamicha nagaas ta’e, nageenyaafi tasgabbii naannoo keenyaa mirkaneessuun yeroo dheeraa akka fudhatu taasiseera.
Haata’u malee, yeroo ammaa kana hidhattoonni kumaatamaan lakkaa’aman waamicha nagaa mootummaa fudhachuun galaa jiraachuun isaanii, shira diinota keenyaatti dammaqaa dhufuu dargaggoota keenyaa kan agarsiisuudha.
Mootummaanis akka duudhaa keenyaatti dhiifamaafi gammachuu guddaan isaan simachaa jira. Warri hafanis, shirri diinota keenyaa kan ittifufu ta’uu hubatanii, waamicha nagaa kana fudhatanii, wareegama hinmalle kaffaluu jalaa akka of baasaniif waamicha irra deebii dhiyeessuun fedha.
Garaagarummaan siyaasaa kaleessas tureera; har’as nijira; borus nijiraata. Garuu, boqonnaa qabsoo garaagarummaan siyaasaa akka afaan qawweetiin furamuutti ittiyaadamu cufuun dirqama hundaa ta’uu qaba.
Walwaraanuu, walgufachiisuufi waldadhabsiisuun diinota keenya onnachiisa malee ummata keenya maalumaanuu hinhumneessu.
Boqonnaan garaagarummaa ilaalcha siyaasaa sibiilaan furuuf jecha dhaloota egeree sabichaa ta’e qisaasessuun dhaabachuu qaba. Maatiif gaaddidduu walii ta’uufi mararfannaa walii qabaachuutu aadaadha.
Mootummaan komii, gaaffiileefi dhimma jiruufi jireenya hidhattoota hiriira shiraa diiguun karaa nagaa galaa jiranii irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Sagantaalee garagaraa jiruufi jireenyasaanii deebisanii akka gadi dhaabbatan qofa osoo hintaane, qaama misoomaa taasisuun, tarkaanfii ummanni, naannoofi biyyi keenya gara fuulduraatti taasisaa jiran keessatti shoora murteessaa akka qabaatan isaan dandeessisan qopheessuun hojiirra oolchuun eegalameera.
Dhumarratti, milkaa’ina hanga ammaatti argameef, tumsi qaamolee hawaasaa garaagaraa hedduu murteessaa ta’uu yaadachiisaa, carraaqqii taasistaniifi taasisaa jirtaniif kabaja olaanaa akkan isiniif qabu ibsuun barbaada. Gara fuula duraattis, hirmaannaafi deeggarsi keessan akka nurraa adda hinbaane imaanaa sinitti kennuun barbaada.
Akkasumas, hidhattoota garaagarummaa jiru sibiilaan furuuf ifaajaniif, karri mootummaa marii nagaatiif banaa ta’uu irra deebiin mirkaneessaa, gadi teenyee mari’achuun imala dargaggeeyyiifi ummata keenyaa gara nagaa, tokkummaafi badhaadhinaatti akka taasisnu imaanaa jechuun barbaada.
Mariin Deebana!
Nageenyi Badhaadha!
Shimallis Abdiisaa pirezidaantii BMNO
BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016