Manneen barnootaa burqaa ispoorteessitootaati

Finfinnee: Guddina hawaas-dinagdee biyya tokkoof gummaachi ispoortiin qabu akka laayootti kan ilaalamuu miti. Ispoortiin jabina qaamaafi bilchina sammuu lammiileefis gumaacha olaanaa qabaata. Lammiin qaamaan cimaafi sammuun bilchaataa ta’e ammoo humna omishaa biyyaa isa guddaadha.

Gama hawaasummaatiinis ispoortiin faayidaa guddaa qaba. Ispoortiin walitti dhufeenya ummata judduu jirus cimsuu keessattis qooda olaanaa qaba. Sochiin ispoortii bakka, yeroofi umriin osoo hidaangeffamin adeemsifama.

Ispoortiin ammayyaa erga biyya keenya seenee jaarraa tokkoo ol lakkoofsiseera. Ispoortichi biyya keenyatti eenyuufi eessatti akka jalqabame sirriitti beekamuun rakkisaa ta’us dallaawwan manneen barnootaafi raayyaa ittisa biyyaatti kan eegalame ta’uutu himama.

Bu’uura ispoortii biyya keenyaa kan ta’e sochiin ispoortii manneen barnootaa kun altokko ho’aa yeroo biraa ammoo qabbanaa’aa tureera. Sochiin ispoortii manneen barnootaa kun akka biyyaattis ta’u naannoleetti waggoota muraasaaf inumaayyuu addaan citee tureera.

Yeroo ammaa xiyyeeffannaa mootummaan naannoo Oromiyaa kenneen barana sochiin ispoortii manneen barnootaa sadarkaa aanaatii kaasee hanga naannootti deebi’ee jalqabameera.

Shaampiyoonichi barana Guraandhala 17-29 bara 2016tti Magaalaa Baatuutti guyyoota 12f adeemsifameera. Shaampiyoonicharratti manneen barnootaa naannichaarraa akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin kan hirmaatan yoo ta’u, Bulchiinsi Magaalaa Shaggar atileetiksiidhaan olaantummaa argateera.

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa ammoo walmorkii kubbaa miilaa dubartootaatiin waancaa fudhateera. Gaazexaan Bariisaas shaampiyoonicharratti galcha eegduu garee kubbaa miilaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa haasofsiiseera.

Mana barumsaa Qiddista Maariyaam Wanjii Miishin jedhamutti kutaa 9ffaa kan barattu Qiddisti Mogas akka jettutti, ispoortii kan jalqabde mana barumsaatti. Shaampiyoonaan manneen barnootaa addaan citee turuusaatiin barana yeroo jalqabaatiif hirmaachuu dubbatti.

Shaampiyoonicharratti kubbaa miilaatiin galcha eegduu turte. Taphawwan torba adeemsifamanitti galchi tokkollee natti hingalle kan jettu Qiddisti, kanaafuu yeroo jalqabaaf godina kiyyaaf waancaa kana argamsiisuu kootti gammachuu guddaatu natti dhagahama jetti.

Ispoortiin keessumaa kubbaan miilaa dubartiif akka waan hineeyyamamnetti yaaduun dubartoonni carraa dhabaa turaniiru. Haata’u malee addunyaarratti dubartoonni waan hundaanuu dhiira qixa hojjechuu akka danda’an shaampiyoonaawwan adda addaarratti mirkaneessaa jiraachuu dorgommiiwwan irratti hirmaatan mararratti mirkanneessaa jiru. Olaantummaa atileetota keenyaa dabalatee dubartoonni dirreewwan Olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii addaddaarratti galmeessaa jiran kanaaf ragaadha.

Dubartoonni biyya keenyaa sadarkaa Afrikaatti kubbaa miilaan mul’achuu erga jalqabanii yeroon isaa dhihoo ta’us carraaqiin isaan taasisaa jiran akka laayyootti kan ilaalamu miti. Fakkeenyaaf Luusiiwwan, dubartoonni umrii 19fi guddattoonni umrii 17 gadii hirmaannaan isaan shaampiyoonaawwan kubbaa miilaa dubartoota Afrikaarratti taasisaa jiran nuyi warra guddachaa jiruuf galaa guddaa boruti jetti Qiddisti.

Shaampiyoonaan ispoortii manneen barnootaa keessatti adeemsifamu ammoo carraa hirmaannaa ispoortii guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eerteetti.

Barattuu kutaa 11ffaa kan taate Addis Kaasaa gamasheetiin akka jettutti, kanaan dura ispoortiin manneen barnootaa dhaabachusaatiin carraan barattoonni ispoortiirratti hirmaachuuf qaban hinturre. Shaampiyoonaan ispoortii manneen barnootaa kun jalqabamusaatiin anis carraa kubbaa miilaarratti hirmaachuu argadheera. Ani Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonicharratti galchoota lama kiyyoodhaan wal agarsiiseera. Waancaa fudhachuu keenyattis gammachuu guddaatu natti dhagahame.

Gara fuula duraatti shaampiyoonaan kana fakkaatu yoo ittifufe, hanga sadarkaa kolleejjiitti nan hirmaadha jedheen yaada kan jettu barattuun tun, ispoortiin manneen barnootaa addaan citee turuusaatiin carraan walmorkiiwwan biyya keessatti adeemsifamanirratti hirmaannaan shamarranii dhiphaa ture. Kanaafuu ispoortiin manneen barnootaa keessatti adeemsifamus ta’e shaampiyoonaan manneen barnootaa kun daran cimee akka ittifufuuf gaafatteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

Recommended For You