Dagatamuu ijaarsa istaadiyoomota sababa guyyaa sabootaatiin eegalamaniifi buleeyyii

Bu’uuraalee misoomaa ayyaanichaan dahachuun akka babal’atan taasifaman keessaa dirreewwan ispoortii ykn istaadiyoomni isa tokko. Sababuma ayyaanichaatiin istaadiyoomonni dullooman yoo haaromfaman, haaraanis akka ijaaraman akka jalqamana taasifamaniiru.

Istaadiyoomota guyyaa sababootaa sababeeffachuun eegalaman keessaa tokko kan ta’e Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Istaadiyoomiin Ahmad Naasir hojiin ijaarsaasaa Guraandhala 23 bara 2006 eegalame yoo ta’u, Onkoloolessa 2011 xumurama jedhamee karoorfamee ture.

Ijaarsi istaadiyoomichaa yeroo qabameef keessatti akka hinraawwatamneef rakkoon nageenyaa sababa ta’uu Komshinii Ispoortii Federaalaatti ittigaafatamaan dhimmoota kominikeeshinii, Obbo Naasir Laggasaa ni ibsu.

Ijaarsi istaadiyoomii biyyaalessaa Gaambeellaa Guraandhala 12 bara 2007 kan jalqabame yoo jalqabu hojiinsaa waggaa lama keessatti hanga bara 2009 ni xumurama jedhamee eegamaa ture. Istaadiyoomichi lafa hektaara 5.9 irratti kan ijaaramuaa jiru yoo ta’u daawataa kuma 30-40 ni keessummeessa jedhameeti eegama.

Ijaarsi istaadiyomichaa kontiraaktara Tsiyooniifi gorsummaa injinariingii “AMCh” jedhamuun geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, abbummaadhaan kan ijaarsisu Biiroo Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Gaambeellaati.

Ijaarsa Istaadiyomichaatiif qarshiin miiliyoona 648fi kuma 776fi 590 baasii kan ta’e yoo ta’u, hojiinsaa akka barbaadametti deemaa akka hinjirreedha kan ibsame. Kanaafis haalli nageenyaa naannichaafi hordoffiin laafuun sababa ta’uu Obbo Naasir ni dubbatu.

Isaadiyoomiin Samaraa Naannoo Affaaritti ijaaramaa jirus Adoolesaa 18 bara 2009 jalqabe. Waggoota sadii keessatti jechuunis bara 2012 xumurama jedhamee karoorfamee akka tures ittigaafatamtichi eeraniiru.

Ijaarsi istaadiyemichaa lafa hektaara 17 irra kan qubate yoo ta’u, oggaa ijaarsisaa xumuramutti daaw’ataa kuma 30 akka keessummeessu ibsaniiru.
Qarshii biliyoonni tokkoo ijaarsasaaf kan ramadame yoo ta’u, ijaarsisaa ammaan tana gara xumuraatti dhiyaatee daandiifi hojiileen biroo qofti akka hafan dubbatu.

Gama biraatiin istaadiyoomonni ijaarsiifi babal’isisaanii duraan jalqabaman kanneen akka istaadiyoomota Wallaggaa, Baahirdaar, Maqaleeffi Hawaasaa akkasumas Aday Ababayaa (Finfinnee) hanga ammaatti guutummaatti akka xumuramaniif qaama dhimmi ilaalamuun xiyyeeffannaa argachuu qabu.

Ayyaana sabootaatiin walqabachuu baatus xiyyeeffannaa babal’ina dirree ispoortiitiif kennameen Mootummaa Naannoo Oromiyaa Naqamtetti istaadiyoomii sadarkaasaa eeggate dhuma bara 2001 irraa eegalee ijaarsisaa jira.

Istaadiyoomichi lafa heektaara 7.5 irra kan qubate yoo ta’u, teessoo kuma 30 ol akka qabuufi walumaagalatti wayita dorgommiin gaggeeffamu daaw’atoota kuma 40tti shallagamu ni keessummeessa jedhamee eegama.
Ijaarsa Istaadiyomichaatiif dhibbantaa 60ni Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin, dhibbantaa 40n ammoo hirmaannaa ummata naannichaa, keessumaa godinaalee Wallaggaa afraniin kan aguugamuudha.

Haaluma kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa qarshii miliyoona 152, ummataan ammoo miliyoona 77 ol walitti qabuudhaan ijaarsatti kan galame yoo ta’u hanga ammaatti ijaarsisaa harka 97 irra akka gaheedha Komishinarri Ittaanaan Komishinii Ispoortii Oromiyaa, Obbo Fissahaa Gabramikaa’el kan ibsan.

Istaadiyomiin Wallaggaa kun tiraakii atileetiksii, dirreewwan kubbaa miilaa xixinnoo lamaafi gabateewwan bishaan daakaa, dirreewwan kubbaa harkaa, kubbaa saaphanaa, kubbaa kachoo, mana kitaabaa, kutaa keessummaan itti simatamu, kutaalee taphattoonni itti dhiqataniifi huccuu itti jijjiirratan of keessatti hammata.

Istaadiyomiin hunda hammataafi ammayyaa magaalota Sulultaafi Adaamaatti ijaaramaa jiru, akkaadaamiin leenjii kubbaa miilaa dargaggootaa magaalota Amboo, Boqojjiifi Asallaatti ijaaamanii tajaajila kennaa jiranis qaamuma xiyyeeffannoo babal’isa dirree ispoortiitiif kennameeti.

Istaadiyomiin Baahirdaaris guddina ispoortiifi dargaggoota naamusa ispoortiin bocee baasuuf akeekamee bara 2001 ijaarsatti kan galame yoo ta’u, ijaarsisaa xumuramuu baatus shaampiyoonaawwan biyyoolessaafi biyyaalessaa keessummeessaa jira.
Lafa hektaara 40 irra kan qubate Istaadiyoomiin biyyoolessaa Baahirdaar al tokkotti daaw’attoota kuma 50 ol teessoodhaan keessummeessuu dandaha. Hanga ammaattis qarshiin miliyoona 700tti shallagamu itti baheera.

Istaadiyoomichi sadarkaasaa kan eeggate yoo ta’u, dirreewwan kubbaan miilaa itti shaakalamu lama, gabateewwan bishaan daakkii, tiraakiiwwan fiigichaa, jenereetara ibsaa, boolla bishaaniifi manneen fincaaniif of keessatti hammata.

Istaadiyoomiin kun sadarkaa Olompikii, (”FIFA fiCAF”) kan guutuudha. Kana malees teessuma dabalate balbalawwa 13 kan qabuufi kaameeraa to’annoo sadarkaasaa eeggateen kan faayameedha.

Naannoo Ummattoota Kibbaa magaalaa Hawaasaatti kan argamu istaadiyoomiin Hawaasaas ijaarsisaa bara 2004 jalqabuun 2010tti xumuruuf akeekamus milkaahuu hindandeenye.
Istaadiyoomiin kun lafa heektaara 23.5 irra kan qubate yoo ta’u, al tokkotti daaw’attoota kuma 42 akka keessummeessu dubatama. Ijaarsasaatiif qarshiin miliyoona 661 ramadamee hojjetamaa jira.

Ijaarsi Istaadiyoomii Hawaasaa kun dhaabbilee dhunfaatiin kan raawwataa jiruufi yeroo ammaatti dhibbantaa 99 kan gahe yoo ta’u, abbummaadhaan kan to’atu Biiroo Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Ummattoota Naannoo Kibbaati.

Shaampiyoonaawwan biyyoolessaafi biyya keessaa kan keessummeessu istaadiyoomichi, sadarkaa Olompikii, (”FIFA”fi “CAF”) kan guutuudha. Istaadiyomichi balbalawwan shan kan qabu yoo ta’u, wayita shaampiyoonaawwan gaggeeffaman al tokkotti daaw’attoota kuma 25 teessoodhaan ni keessummeessaa.

Istaadiyoomiin Tigraay bara 1999 irraa eegalee Magaalaa Maqaleetti lafa heektaara 17 irratti hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, dirreewwan kubbaa miilaa sadarkaasaanii eeggatan lama ijaaramuudhaan tajaajila kennaa jiru.
Gara fuula duraattis gabateewwan bishaan daakaafi jimnaaziyemii guddaa sadarkaa biyyoolessaa qaban ijaaruuf karoorri qabamuusaas ibsawwan kanaan dura kennamanirraa hubachuun danda’ameera.

Istaadiyoomichi al tokkotti daaw’ataa kuma 45 akka qabatutti karoorfamee ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, ijaarsisaa bara 2012 ni xumurama jedhamee hojiitti seenamee ture.
Istaadiyoomiin Dirre Dawaa umrii dheeraa kan lakkoofsise yoo ta’u, yeroo ammaatti hojiin haaromsaa gageeffamaafii jira. Babal’ina isaa kanaaf qarshiin miiliyoona 163 ramadamee hojiin suphinsaa kan taasifamaafii jira.

Hojiin babal’ina istaadiyoomichaa bara 2008 kan jaqabame yoo ta’u, bara 2010 xumurama jedhamee eegamaa ture. Haata’u malee rakkinoota adda addaarraa kan ka’e ijaarsisaa duubatti hafeera. Ijaarsisaa xumuramee hojii yoo jalqabe daaw’ataa kuma 22 ni keessummeessa.

Istaadiyoomiin Abaadir Magaalaa Hararitti argamu ijaarsisaa bara 2008 jalqabame. Ijaarsi Istaadiyoomichaa hanga bara 2011tti hojiin isaa ni xumurama jedhamee eegamaa ture.Yeroosaa eeggatee akka xumuramuufis bara 2010 bajanni qarshii miliyoona 360 ramadamuunsaas ni yaadatama.

Gaazeexaa Bariisaa

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Dagatamuu ijaarsa istaadiyoomota sababa guyyaa sabootaatiin eegalamaniifi buleeyyii”

  1. Pingback: look here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *