Walmorkii mana keessaatiin Itoophiyaan mo’attummaaf kaadhimamte

Finfinnee: Akkaakuwwan walmorkii ispoortii atileetiksii Waldaa Atileetiksii Biyyooleessaatiin adeemsisaman keessaa tokko dorgommii Atileetiksii mana keessaati. Dorgommichi akka adeemsisamu bu’uuri kan kaa’ame ALA bara 1985 baatii Guraandhalaa keessa ture. Faransaayis koree waldorgommii hundeessuudhaan baruma eerame kana Guraandhalaa 18-19 dorgommicha keessummeesiteetti.

Korichis dorgommiin mana keessatti naamusa gaariidhaan jalqabamee xumuramuusaafi muuxannoo argameen shaampiyoonaan kun akkuma shaampiyoonaawwan atileetiksii biroo waggaa lamatti al tokko biyyoota addaddaatti akka adeemsisu murteesse.

Haaluma kanaan shaampiyoonaan atileetiksii Addunyaa mana keessaa inni jalqabaa ALA Bitootessa 7 bara 1987 Ameerikaa, magaalaa Indaamaapaalitti adeemsisame.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa mana keessatti adeemsisamu kun waggoota darban keessatti biyyoota miseensota waldichaa 208 hirmaachisaa tureera. Haata’u malee isaan keessaa gabatee meedaaliyaa keessa kan galan 79 qofa. Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 56 keessaa ammoo gabatee kana keessaa kan galan biyyoota 16 qofa.

Waggoota darban kanneenitti biyyoonni gabatee meedaaliyaa keessa galuuf carraa argatan meedaaliyaa warqii 608, meetii 520, nahaasa 525 walumaagalatti meedaaliyaawwan kuma tokkoofi 653 argataniiru.

Meedaaliyaawwan kanneen keessaa Ameerikaan warqii 113, meetii 82, nahasa 73n walumaagalatti meedaaliyaawwan 268 fudhachuudhaan addunyaarraa gabatee meedaaliyaa dursaa yoo jirtu, Rusiyaan ammoo warqii 52 meetii 48, nahaasa 45n dimshaashumatti meedaaliyaawwan 145n sadarkaa lammaffaarratti argamtti.

Shaampiyoonicharratti Itoophiyaan meedaaliyaawwan warqii 31n, meetii 13fi nahaasa 15n dimshaashumatti meedaaliyaawwan 59 fudhachuudhaan addunyaarraa sadarkaa sadaffaa, Afrikaarraa ammoo tokkoffaarratti argamti.

Kanaan dura dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaa Addunyaa, shaampiyoonaawwan atileetiksii addaddaafi taphawwan Olmpikiitti Afrikaarraa sadarkaa duraa kan qabatte Keeniyaan shaampiyoonaa mana keessaa kanarratti warqii 10n, meetii 15fi nahaasa 15 walumaa galatti meedaaliyaa 45niin Addunyaarra sadarkaa 12ffaa Afrikaarraa ammoo sadarkaa lammaffaarratti argamtti.

Shaampiyoonaan kun edda jalqabamee waggoota 37 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti biyyoota addaddaatti al 18f adeemsisameera. Barana ammoo yeroo 19ffaaf kaleessa Iskootilaandi, magaalaa Galaaskoo, Istaadiyooma Kooman weels Areenaatti eegalera.

Wal morkii baranaa kanarratti biyyoota 133irraa atileetonni 651 ta’an akkaakuuwwan ispoortii 26n kan hirmaatan yoo ta’u, boru xummurama argata jedhamee abdatama. Atileetota kanneen keessaayis 331 dubartoota yoo ta’an, 320 ammoo dhiirota.

Itoophiyaan akkaakuwwan naamusa ispoortii sadiin atileetoota 13n fiigicha meetira kuma tokkoofi 500fi kuma sadiin korniyaa lameeniinni, kan 800 dubara qofaan hirmaatti.

Shaampiyoonaan kun waggaa lama dura yeroo 18ffaaf Sarbiyaa, magaalaa Beelgireditti kan adeemsisame yoo ta’u, Itoophiyaan meedaaliyaa warqii afur, meetii sadiifi nahaasa lamaan dimshaashumatti meedaaliyaawwan sagal fudhachuudhaan Ameerikaafi Beeljiyeem of duba tareesuudhaan Addunyaarraa tokkoffaa ta’uunshee kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan walmorkii baranaarrats qophii gaarii waan goteef injiffannoo darbe ni dabalti jedhamee eegama.

Jilli atileetiksii Itoophiyaa kan komishinara gargaarraa Huseen Shibootiin dursamu Guraandhala 8 bara 2016 irraa kaasee teessoossaa Hoteela Silashii Sihin taasifachuun shaaka cimaa taasisuun kan yaadatamuudha.

Atileetonnis dorgommichaaf karaa maraanu qophaa’oota ta’udhaan akkuma kanaan duraa qabxii bonsaa galmeesuun milkiidhaan akka deebi’anis abdiisaanii muldhisaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You