“Dubartoonni aadaa Oromoofi sirna Siinqee keessatti fakkeenya nagaafi araaraati”  – Aadde Mabraat Baacaa

Adaamaa: Konfiraansiin Nageenyaa Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Mataduree “Nageenya Itoophiyaa nan eegsisa, ilmaankoo horata nandhaalchisa” jedhuun Wiixata darbe Magaalaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti adeemsifameera. Dubartoonni godinaalee Oromiyaa hundarra walitti babba’aniifi haadholiin Siinqee uffannaafi faayaawwan aadaatiin miidhaganii konfiraansicharratti hirmaataniiru.

Ittigaafatamtuu Waajjira Liigii Dubartoota Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaa Dubree Saamiyaa Abdallaa haasaa baniinsa konfiraansicharratti taasisaniin akka jedhanitti, nageenya mirkaneessuun maatii keenyarra eegala. Dubartiin ammoo nageenya maatii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabdi. Nageenyi maatii babal’atee nageenya ollaafi biyyaa mirkaneessa waan ta’eef dura nageenya maatii keenyaa mirkaneessuurratti hojjechuu qabna. Ilmaan keenya daandii sirriifi nagaa qabatanii akka guddatan taasisuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.

Dubartoonni nageenya mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa waan qabaniif ambaasaaddara nageenyaati kan jedhan ittigaafatamtuun tun, kanaafuu dubartoonni nageenya Oromiyaa tasgabbeessuu keessatti gahee guddaa isaanirra eegamu bahachuuf yeroo kamuurra tokkummaasaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Walittiqabduu Koree Liigii Dubartoota Damee Oromiyaafi Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa akka jedhanitti, dubartoonni imala badhaadhinaa milkeessuu keessatti gahee bakka bu’ummaa hinqabne bahachaa jiru. Hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojiiwwan guguddoon kan raawwataman ta’us dhimma xiyyeeffannoo addaafi hirmaannaa qaamolee maraa barbaaduudha jedhu.

Dubartoonni dhaloota kabajaafi jaalala biyyasaa horatee lammii isaa qixaan tajaajilu omishuu keessatti gahee guddaa kan qaban ta’uu himanii, dubartoonni gahee ijaarsa biyyaa keessatti qaban sirnaan bahachuuf, hirmaannaafi bakka bu’iinsa siyaasaa biyyaa keessatti qaban guddisuufi humna murteessummaasaanii dabaluuf qabsoo hundagaleessaafi ittifufiinsa qabu taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Bakka Bu’aa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo akka jedhanitti, konfiraansichi ganda irraa jalqabee dhimma nageenyaafi misooma naannichaarratti mar’achaa turuun xumura irratti sadarkaa naannootti adeemsifameera. Dubartoonni injifannoowwan akka naannoottis ta’e biyyaatti galmaa’aa jiran keessatti qoodni isaanii olaanaadha. Hirmaannaa dubartootaatiin ala nageenyi, misoomniifi guddinni yaadamu milkaa’uu hindanda’u. Imala badhaadhinaa jalqabne milkeessuuf hirmaannaafi qabsoon dubartootaa baay’ee murteessaadha jedhan.

Hirmaannaa dubartoonni nageenya, misoomaafi guddina biyyaa keessatti qaban guddisuuf Paartiin Badhaadhinaa dubartoota baay’inaan gara hoggansaatti fiduun gahee isaan irra eegamu akka bahatan taasisaa jiraachuu himanii, dubartoonnis hojii itti kenname amanamummaan hojjechuun jijjiirama guddaa agarsiisaa jiru. Dubartoonnis hirmaannaa hoggansa keessatti qaban caalaatti guddisuuf barnootaan of cimsuufi dandeettiisaanii gabbifachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hirmaattonni konfiraansichaa akka jedhanitti, dubartoonni nageenya maatii, naannawaafi biyyaa eegsisuuf sadarkaa gandaarraa ka’anii gurmaa’anii ijaaramanii hojjechaa jiru. Nageenyi maatiirraa ka’a. Nageenya maatiifi gandaatu babal’atee nagaa biyyaa ta’a. Nageenyi Oromiyaa mirkanaa’uun nageenya biyyaaf bu’uura ta’a.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You