Pirojektiin Albuudaa Laga Dambii gara omisha sookootti deebi’e

Adoolaa: Pirojektiin Albuudaa Laga Dambii miidhaa fayyaa hawaasaa dhaqqabsiisuun adda cite ture beenyaa kaffaluun gara omishaa sookoo(warqee)tti deebi’uu Waajjirri Misooma Albuudaa godina Gujii beeksise.

Ittigaafatamaan Waajjirichaa Obbo Mangistuu Waajii Wixata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Pirojektiin Albuudaa Laga Dambii Garee Invastimantii Meedrook jedhamu eeyyama mootummaan omisha Sookoo (warqii) irratti bobba’uun waggoota dheeraaf omishaa ture.

Haa ta’u malee, gahee itti gaafatamummaa hawaasummaasaa dagachuun miidhaa fayyaa hawaasaa dhaqqabsiiseen ummata biraa komiin ka’een omishasaa guutummaatti akka adda cituu taasisuu himanii; dhangala’aa keemikaalaa fayyaa hawaasaa hubu cinatti hawaasa naannawaa sanii carraa hojii qoqqobuunsa adda citiinsa hojii taasifameef ka’umsa ta’uus yaadachiisaniiru.

Akaakuu miidhaa fayyaa pirojektichi dhaqqabsiise qorannoon adda baasuu ibsanii; warra qaamnisaanii hir’ateefi miidhaawan biroo irra ga’e akkaataa miidhamasaanitti beenyaan akka kaffalamuuf erga murtaa’e booda gara hojiitti deebi’uu dubbataniiru. Pirojektichi daa’imma dhalaturratti miidhaa qaamaa dhaqqabsiisuun dabalata ulfa dubartootarraa baasaa turuus Obbo Mangistuun ibsaniiru. Kana malees, hawaasni naannichaa akka ogummaasaatti pirojekticha keessatti qacaramee haala hojjeturratti walii galamuus dubbataniiru.

Albuuda Sookoo(Warqee) dabalatee godinichi Misooma albuudaaf potenshaala guddaan jira kan jedhan Obbo Mangistuun; aanaalee godinichaa torba keessatti albuudni Warqee baal’inaan jiraachuu ibsaniiru.

Fayyadamummaa hawwaasa naannawichaarratti jijjirramni jiraatus sadarkaa eegamuurra waan hin jirreef fuuldurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu eeranii; hojii dhabdoota hojii albuudarratti gurmaa’an ogummaafi teknolojiidhaan deeggaruun barbaachisa ta’uu hubachiisaniiru.

Jijjiirrama dura hawwaasichaafis ta’eef biyyaaf faayidaa tokko osoo hin laatin Sookoon qotamee kontirobaandiidhaan biyyaa ba’aa turuu kaasanii; yeroo ammaa garuu hojmaata mootummaan fedaraalaa baaseen bu’aan argamaa jiraachuu himaniiru..

Alseerummaa albuudarratti mul’atu hir’isuuf Albuuda hundarratti hordoffii taasisaa jirra Kan jedhan Obbo Mangistuun akaakuu albuudaa keessaammoo salphaadhumatti iddoodhaa gara iddootti sochoosuun waan danda’amuuf too’annaan albuuda Sookoo daraan ulfaatadha jedhaniiru.

Kanamalees, garaagarummaan gatii albuuda Sookoo kan Baankii Biyyaalessaafi gabaa gurraachaa gidduu jiru baay’ee guddaa ta’uunsaa yeroo ammaa babal’ina kontirobaandiiif sababa ijoo ta’aa jiras jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Pirojektiin Albuudaa Laga Dambii gara omisha sookootti deebi’e”

  1. Pingback: videos

Comments are closed.