“Nageenya maatiitu babal’atee nageenya biyyaa ta’a” – Haadha Siinqee Saaraa Duubee

Miseensa Gumii Haadholii Siinqeefi Am­basaaddarr Aadaa Haadha Siinqee Saaraa Duubee Gaazexaa Bariisaatti akka himan­itti, Konfiraansiin Nageenyaa Liigii Dubar­toota Paartii Badhaadhinbaa Damee Oromi­yaa Wiixata darbe mata duree ‘Nageenya Itoophiyaa nan eegsisa, Ilmaakoo horata nan dhaalchisa’ jedhuun Magaalaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti adeemsifameera.

Konfiraansichi haala nageenyaa Oromi­yaafi biyyattiin keessa jirtu ilaacha keessa galchuun kan adeemsifame ta’uufi mariin nageenyaa kun sadarkaa gadiirra kaasee ir­ratti mari’atamaa turuufi akka waliigalaatti dubartoota godinaalee Oromiyaa hundarra walitti babba’aniifi Haadholii Siinqee hir­maachisuun sadarkaa naannootti kan adeem­sifame ta’uu himu.

Nageenyi bu’uura waan hundaati. Nagee­nyi nama dhuunfaarraa ka’a. Nama nagaan jiraatutu nageenya nama biraas eega. Ka­naafuu dura nageenya keessoo keenyaa ee­ggachuu qabna. Namni nageenya keessoo qabu sammuu ofiisaatiifis ta’e nama biraaf waan gaarii yaadu qaba. Nama keessas­aatti nagaa qabu maatiisaa jaalalaan bulcha. Namni maatiisaa jaallatu ollaasaa jaallata. Jaalalli olla babal’atee jaalala gandaa ta’a. Jaalalaafi nageenya maatiitu babal’atee na­geenya biyyaa ta’a jedhu Aadde Saaraan.

Oromoon ganama yeroo hirribaa ka’u ‘Waaqa nagaan nu bulchite, nagaan nu ool­chi! Nagaa bultanii? Aaga badhaadha bulta­nii? Sa’aa namni nagaa? ’ jedhee nagaa wal­gaafata. Kun nageenyi bu’uura waan hundaa ta’uu agarsiisa. Nageenyi bu’uura waan hun­daa ta’e kun akka nama dhuufaatti, maatiitti, ollaafi biyyaatti baay’ee nu barbaachisa. Yoo nageenyi jiraate waan hundumaa raawwa­chuu dandeenya. Kan karoorfannes hojjen­nee milkeeffachuu dandeenya. Nageenya nama dhuunfaa, maatiifi biyyaa akka nu fayyadu beeknee nageenya dhuunfaa, maati­ifi biyya keenyaa eeggachuu qabna jedhu.

Nageenyi maatii tokkoo boora’uun irra­jireessaan dubartiifi daa’imman miidhaaf saaxila kan jedhan Aadde Saaraan, akka aadaa Oromootti ammoo dubartiin haadha nagaati. Kanaafuu dubartiin bakka hundatti jaalala, araaraafi qabbana labsuu qabdi. Dubartiin mirgashee akka eeggattuuf Sirni Gadaa, seera Sirna Seenqee tumeeraaf. Dubartiin tokko yoo rakkoon irra gaheefi mirgishee sarbame seera sirna Siinqeetiin falmatti. Seera sirna Siinqee keessatti haad­holiin siinqee ililii tokkoon rakkoo walitti bu’iinsaafi waraanaa furuun nageenya buu­suu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uus eeraniiru.

Haadholiin siinqee Siinqeesaanii qabata­nii yoo waraana adeemsifamaa jiru gidduu seenan waraanni sun ni dhaabbata kan jed­han Aadde Saaraan, uleen siinqee meeshaa waraanaa caalaa kan kabajamuufi sodaata­mu mallattoo nageenyaati. Haati Siinqee tokko Siinqeeshee qabattee yoo waraana gidduu seente waraanni sun ni dhaabbata. Sina Gadaafi Seera Siinqee akka addunyaatti beekamtiifi fudhatamummaa guddaa argate kanatti fayyadamaafi ittiin hojjechaa hinjir­ru. Duudhaafi aadaa keenya ganamaatiin bu­luu dhabuun keenya ammoo rakkoolee gara garaaf nu saaxilaa waan jiruufi Sirna Gadaafi Seera Siinqee kabajuun nageenya hawwinu deebifachuu qabna jedhu.

Rakkoo keessoo keenyaatiif Rabbiin kadha­chuu, rakkoo nu gidduutti uumamu ammoo seera Siinqeefi jaarsummaatiin araaraafi nageenya buusuu qabna kan jedhan Aadde Saaraan, Itoophiyaa biyya aadaa, safuuufi duudhaa jaarsummaafi araaraa gabbataa qabdu keessatti nageenyi dhabamuun nutti dhaga’amuu qaba.

Kanaafuu Abbootiin Gadaa, Haadholiin Si­inqee, jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantii nageenya Oromiyaas ta’e biyyaa mirkanees­suu keessatti gahee isaanirra eegamu baha­chuu qabu. Nageenya naannoo keenyaas ta’e biyya keenya mirkaneessuuf aadaafi duudhaa keenya ganamaatti deebi’uu qabna jedhu.

Oromoon “Araara sa’aa namaa, araara alaa manaa” jedha. Araarri sa’aa namaafi alaa manaa akka jiraatuuf Oromoon Waaqa kad­hata, dabaasaa qajeelfatee maatiidhaa kaasee hanga gosaatti aadaafi duudhaasaatiin wal­bulchaa ture. Aadaafi duudhaa keenya gan­amaatti yoo hindeebine, kan hangafti jedhu yoo hindhageenye, yoo nageenya maatiifi qe’ee keenyaa hinmirkaneessine nageenyi ollaafi biyyaa mirkaneessuu hindandeenyu waan ta’eef aadaafi duudhaa keenya gan­amaatti deebi’uu qabna. Nuti Haadholiin Siinqee seera Siinqee qabatamaan hojiirra oolchuudhaan ilmaan Oromoo gidduutti araaraafi nageenya buusuu qabna jedhu.

Dhimmoota walitti nu buusan beeknee dog­oggora walii sirreessinee, garaan guutuu waliif dhiifnee, Walutubnee Oromoon dhu­guma hammataa, nagaa kan labsu, seeraafi Sirna Gadaa ittiin bulu kan qabu ta’uu mir­kaneessuu qabna. Beekaan keenya hundi ummata Oromoo waliin waliigalee araara buusuu, rakkoo jirus mariidhaan furuudhaan rakkoo nageenyaa ummata Oromoo boosisaa jiru dhaabsisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Yoo rakkoo keessoo keenyaa furanne malee rakkoo alaa nutti dhufu ofirraa qolachuu hindandeenyu kan jedhan Haati Siinqee tun, hundi keenyayyuu ummata Oromoofi Oromiyaaf hojjenna ykn qabsoofna yoo ta’e waliigaluu qabna jechuun dubbatu. Rakkoo jiru mariidhaan furree nagaafi araara buu­suu qabna. Hanqinaalee jiran waliin furaa deemuu qabna. Dararaan ilmaan Oromoorra gahaa jirus dhaabbachuu qaba. Mariin rak­koo nageenya Oromiyaas ta’e biyyattii fu­ruuf sadarkaa gara garaatti adeemsifamaa jiru nageenya yaadame akka mirkaneessuuf hunduu gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu dhaamaniiru.

Injifannoon Adwaa mallattoo tokkum­maa sabootaafi sablammoota Itoophiyaati. Seenaafi hayyootarraa akka dhageenyutti ummanni Oromoo waraana Adwaarratti bal’inaan hirmaateera. Gootonniifi fardeen Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman dirree waraana Adwaarratti wareegamaniiru. Dur­sitoota Waraana Adwaarratti lolanii lolchi­isan 12n keessaa sagal Oromoo ta’uu see­naan ni mul’isa. Wellisaa Aartisti Haacaaluu Hundeessaas seenaan kun ifatti akka ba’uufi beekamu taasisuus eeraniiru.

Siidaan dursitoota Waraana Adwaa kunneen Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa Magaalaa Finfinnee Birbirsa Gooroo (Pi­yaasaa)tti ijaaramee dhiyeenya kana eeb­bifame keessatti haala seenaasaanii ibsuufi madaaluun hojjetamuu himanii, waraana Adwaa irratti dubartoonni goototaaf gala qopheessuudhaan injifannoo Adwaa kees­satti gumaacha olaanaa taasisaniiru.

Naanna’ee naanna’ee injifannoon Adwaa kan saba tokkoo utuu hintaane kan sabootaafi sablammoota Itoophiyaa maraati. Injifan­noon Adwaa bu’aa tokkummaa keenyaan argame ta’uusaa beeknee har’as taanaan dhimma biyyaarratti ilaacha walfakkaatuufi tokkummaa qabaachuu akka qabnu gorsu.

Injifannoon Aduwaa bu’aa tokkummaa keenyaan argameedha. Seenaa kana dha­loota ittaanu hubachiisaa deemuu qabna. Tokkummaa qabaannaan seenaa kana caalu galmeessisuu ni dandeenya. Rabbi warra rakkoo mariin furatee jaalalaafi tokkum­maan waliin jiraatu nu haataasisu.

Mootummaa jijjiiramaa kanaa as hoggan­sarrattis ta’e siyaasarratti hirmaannaan dubartootaa gaariidha. Dubartoonnis itti­gaafatamummaa itti kenname ofitti amana­mummaafi kutannoodhaan hojjetanii qabata­maan milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiru. Dubartoota hoggantoota hojii itti kenname amanamummaafi kutannoon hojjetanii bu’aa olaanaa galmeessisaa jiran keessaa Kanti­ibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeefi Ministira Misooma Magaalaafi Manneenii Aadde Caaltuu Saanii akka fak­keenyaatti fudhachuu dandeenya.

Dubartoonni hoggansa sadarkaa gara ga­raa irra jiranis ofitti amanamummaafi ku­tannoo cimaadhaan hojjechaa jiraachuu himanii, amanamummaafi kotannoo dubar­toonni hojii itti kenname melkeessuurratti qaban hubachuun muutummaanis dubar­toota baay’inaan gara hoggansaatti fidaa jira. Kana jechuu ga’aadha jechuu miti.

Akkuma mucaa abshaalli kan kennaniif qa­batee isa hafeef boo’a jedhamu nuti dubar­toonni sadarkaa kanaa oliirra ga’uuf itti­gaafatamummaa haggansaa nutti kenname qabatamaan hojiidhaan agarsiisuun jijji­irama barbaadamu fiduu qabna. Kanaaf am­moo barumsaan of ga’oomsuufi hojii nutti kenname ofitti amanamummaafi hojii nutti kenname amanamummaafi kutannoon hojj­ennee ummata keenya fayyadamaa guchuun mul’achuu qabna jedhu.

Dubartoonni kootaan utuu hintaane hojii qabatamaa raawwataa jiraniin hirmaannaa hoggansaafi siyaasa keessatti qaban mirka­neessaa jiraachuu kan himan Haati Siiqqee kun, dubartoonni kaanis fakkeenya dubar­toota ciccimoo hoggansarra jiraniifi hojii kennameef amanamummaa, ofitti amana­mummaafi kutanoon hojjechaa jiranii hor­dofuudhaan hirmaannaa hoggansa keessatti qaban kootaadhaan utuu hintaane hojiidhaan mirkaneessuu akka qabaniif dhaamsa dabar­saniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ “Nageenya maatiitu babal’atee nageenya biyyaa ta’a” – Haadha Siinqee Saaraa Duubee”

  1. Pingback: nude women

Comments are closed.