Ispoortiin waloo hojjettoota Oromiyaa cimee ittifufeera

Finfinnee: Ispoortiin Waloo hawaasa tokko keessatti jaalalaafi hariiroo gaariin akka uumamu, aadaan walkabajuu akka cimuufi sirnisaa akka dagaagu, akkasumas misoomaafi guddina isaa si’ataafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa akka taphatu amanama.

Haaluma kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa ispoortiin nageenyaaf, misoomaaf, guddinaafi badhaadhina biyyaatiif murteessaa ta’uu hubachuun sagantaa sochii ispoortii waloo gaggeessaa jira.

Sochii ispoortii, hawaasaa ispoortii nagaafi jaalala ta’e walbarsiisuun lammii fayyaqabeessa horachuuf ispoortiin hawaasaa barbaachisaa ta’uus hojjettoonni itti amanuudhaan akka hordofan taasisaa jiru.

Hogganaa ittaanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Obbo Dassaalany Xilaahun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti hojjettoota Oromiyaa baay’ee hirmaachisaa kan jiru sagantaan ispoortii waloo kun baranuma yeroo sadaffaaf kan adeemsifamuu ta’uu dubbatu.

Ispoortii waloon kun walta’iinsa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatiin adeemsifamuu eeranii, sagantaansaa hojjettoonni naannichaa bakka jiraatanitti, bakka hojjetaniifi oolanitti, sochii ispoortii gaggeessuun bu’aaqabeessa ta’uu hubachuun akka eegalame ibsaniiru.

Ispoortiin waloo kun yeroo jalqabaatiif qopheessummaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatiin, lammaffaan ammoo waltaasisummaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatiin qopheessummaa Biiroo Fayyaa Oromiyaatiin adeemsifamuu yaadachiisaniiru.

Sagantaan kun ittifufiinsa kan qabu yoo ta’u, torban lama lamaan kan adeemsifamudha. Sagantaan marsaa afraffaa Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii, marsaan shanaffaan Biiroo Carraa Hojiifi Ogummaa, marsaan jahaffaa ammoo Biiroo Geejibaafi Loojistiksii Oromiyaatiin akka gaggeeffamu hubachiisaniiru.

Saganticharratti waancaa abbaa dabarummaa kan fudhate Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa guyyaa Dubartoota Addunyaa (March 8) sababeeffachuun fudhateera.

Sochiin ispoortii waliigalaas dhawaataan jaalatamummaansaa dabalamaa dhufuus Obbo Dassaalany eeraniiru.

Hojjettoonni biiroolee kunneen sochii qaamaa qofaan osoo hintaane ispoortiiwwan adda addaatiinis akka waldorgomaniif hojjetamaa akka jirus ibsanii, kunis akaakuuwwan ispoortii shaniin torban dhufu adeemsifama jedhan.

Dorgommiin gaggeeffamus atileetiksii, kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaafi teenisa miinjaalaatiin ji’a tokkoof adeemsifama jedhanii, kanaafis sektaroonni 28 galmaa’anii yeroo dorgommii eeggachaa jiraachuu himaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Ispoortiin waloo hojjettoota Oromiyaa cimee ittifufeera”

Comments are closed.