Shaampiyoonaan manneen Barnnoota Oromiyaa boru eegalama

Finfinnee: Shaampiyoonaan manneen barnnoota Oromiyaa bara 2016 borurraa eegalee Magaalaa Baatuutti akka adeemsifamu Biiroon Barnoota Oromiyaa ibse.

Hoggantuu Ittaantuun biirichaa Aadde Habiibaa Mahaammad ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, shaampiyoonichi yeroo shanaffaadhaaf godinaaleefi bulchiinsota magaalota Oromiyaa hirmaachuun gaggeeffama.

Godinaaleefi bulchiisonni magaalaa marti akka hirmaataniif waamichi taasifamuufis godinaaleen sagaliifi magaalonni akka qooda fudhatan eeranii, shaampiyoonichi akaakuuwwan ispoortii kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaafi atileetiksiidhaan korniyaawwan lameeniin ta’uu ibsaniiru. Barattoonni kutaa torbaffaafi saddeettaffaa baratan kuma tokkoofi 73 shaampiyoonicharratti ni hirmaatu jedhaniiru.

Kaayyoon shaampiyoonichi itti adeemsifamuuf ispoorteessitoota ciccimoo naannoo Oromiyaa bakka bu’uun taphawwan guutuu ispoortii manneen barnoota biyyaaleessaa irratti hirmaatan filachuuf ta’uus Aadde Habiibaan himaniru.

Kana malees gaaddisa ispoortii kana jalatti dargaggoota ispoorteessitoota Oromiyaa walitti fiduudhaan walbarsiisuu maddiitti jaalalliifi obbolummaan caalaatti jidduusaaniitti akka dagaaguuf ta’uu eeraniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Shaampiyoonaan manneen Barnnoota Oromiyaa boru eegalama”

  1. Pingback: steenslagfolie

Comments are closed.