Walmorkiin ispoortii manneen hojii mootummaa federaalaa eegalame

Finfinnee: Waggaa waggaan hojjettoota manneen hojii mootummaa federaalaa jidduutti kan adeemsifamu walmorkiin ispoortii adda addaa bara 2016 dheengadda Finfinnee, Akkaadaamii Ispoortii Dargaggootaatti eegalame.

Walmorkiin ispoortii hojjettoota manneen hojii mootummaa federaalaa gidduutti yeroo 17ffaaf adeemsifamaa jiru kun hanga Bitootessa 24 bara 2016tti tura. Walmorkichi manneen hojii mootummaa federaalaa 16 gidduutti adeemsifamaa jira.

Walmorkichi akaakuuwwan ispoortii kubbaa miilaa, kubbaa Saaphanaa, teenisii miinjaalaa, daartiifi cheeziidhaan dirreewwan addaddaafi galmoota keessatti koorniyaa lamaan jidduutti adeemsifama.

Ministirri De’eetaan Aadaafi Ispoortii Damee Ispoortii, Ambaasaaddar Masfin Charinnat Sirna baniinsa walmorkichaarratti akka jedhanitti, ispoortiin cimina qaamaa, fayyummaafi badhaadhina sammuuf gargaara. Walmorkiin ispoortii kun hojjetaa fayya buleessa, cimina qaamaafi badhaadhina sammuu qabu akka horannu taasisuurra darbee jaalalliifi obbolummaan jidduusaaniitti akka cimu gochuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Mootummaan federaalaa kana hubachuudhaan lammiilee fayya qabeessaa horachuuf waggaa waggaan hojjetootasaa jidduutti walmorkii ispoortii adda addaa adeemsisaa jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Walmorkiin ispoortii manneen hojii mootummaa federaalaa eegalame”

  1. Pingback: phb ethical beauty

Comments are closed.