Yaa’iin 37ffaan hoggantoota Gamtaa Afrikaa har’aafi boru teessoo waajjirasaa kan taate, Finfinneetti taa’ama. Gaazexaan Bariisaas kanuma sababeeffachuun maxxansasaa kanaan duraatiin mataduree, “Itoophiyaan Gamtaa Afrikaatiif maal gumaachite” jedhuun waan Yunivarsiitii Ambootti Daarektara Giddugala Qo’annoofi Qorannoo Aadaa Looreet Tsaggaayee Gabramadin, Saamu’el Layikunirraa odeeffate dubbistootasaatiif dhiyeessee ture. Maxxansa kanaanis yaadachiisumaaf faayidaa faaruufi loogoon biyya tokkoof qaburraa ka’uun haala ittaanuun dhiyaateera.
Walaloo faaruu Gamtaa Afrikaafi qabiyyeessaa
Walaloo faaruu Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa kaleessaa (Gamtaa Afrikaa har’aa) kan barreesse ilma Oromoo, Looreet Tsaggaayee Gabramadini. Walaloon calluma jedhamee kan barreeffamu miti.
Walaloo barreessuu keessatti afaan, duudhaafi, falaasamni keessatti guddatte daran murteessaadha. Looreet Tsaggaayeenis walaloo kana akka barreessu kan isa taasise Oromummaasaati. Oromummaa keessa ammoo falaasamni, aadaan, siyaasni, afaaniifi duudhaan Oromoos nijira. Inni qabxiilee kanneen bu’uura godhachuuni walaloo faaruu Gamtaa Afrikaa kana kan barreesse.
‘Harki koo woo akka giimii gubaa’
Tsaggaayeen tiyaatirumasaa mataduree, “Atsee Tewodiroos” jechuun barreesse keessa waan “Ijjihin six alany faranji” (Faranjiin harka kennadhu naan jedha) jedhutu jira. Innis deebisee, ‘harka koo isa kamiin itti kenna, harki koo woo akka giimii ibiddaa gubaa’ jedhe. Kun paan Afrikaanistummaa Tsaggaayee kan agarsiisuudha. Tokko tokkoo hojiisaa gadifageessinee yoo ilaalle paan Afrikaanistummaasaa sirriitti hubanna.
Fakkeenyaaf walaloo faaruu Afrikaa sarara jalqabaa “Let us all unite and celebrate together” jedhu yoo ilaalle waa’ee tokkummaa kan faarsuudha. Akkuma waliigalaattuu walaloon faaruchaa kaayyoon Gamtaan Afrikaa dhaabateef shanan (amma gara 17tti guddateera) bu’uurarraa kaasee jiddugala kan godhateedha. Waa’ee tokkummaafi bilisummaas kan ibsuudha.
Sarara ittaanuunis tokkummaafi bilisummaan kan eegamu lafee dhiiga Afrikaanotaatiin ta’uu kan eeruudha “The victories won for our liberation”. Akkuma irranatti eerame waa’ee tokkummaati kan inni barreesse. Sararri sadaffaan “Let us dedicate ourselves to rise together” jedha. Kunis yaadama akka Afrikaatti waantota hundaaf waliin dhaabachuufi waliif dhaabachuun akka barbaachisu kan qabateedha.
Koottu dhufee
Akkuma duraan jedhame bu’uurri walalichaa Oromummaadha. Dhimmoota guguddoo Oromummaa wajjin ka’an keessaa tokko sirna Gadaati. Yaadamni ‘koottu dhufee’ Sirna Gadaa keessa ammoo walaloo kana keessatti sirnaan mul’ata. Koottu dhufeen walga’ii ykn ‘assemble’ kan dhimmoota adda addaatiif walittidhufaniin jechuudha.
Walga’ii (koottu dhufee) keessa abbaan barcumaa (chair person) hinjiru. Sababiinsaas yaadama koottu dhufee hunduu sagalee walqixxee qaba. Sirna koottu dhufee kanaan namoota 100tu walga’e yoo ta’e hunduu waliigalee bahuutu irra jiraata.
Sababiin kanaas tokkoffaa, walga’ii keessatti walamansiisuu danda’uutu sirraa eegama. Waanti irratti waliihingallee tokkoyyuu jiraachuu hinqabu jedhamee yaadama. Kanaaf ennuma taa’amullee walqixxee taa’ama. Barruu harkaafi teessoo lafa qabsiisuudhaan lafa taa’ama. Kunis hiikaafi duudhaa mataasaa qaba. Kunis uumaa faana hariiroo uumuudha. Yogguu teessus miilli tokko fuulduratti ba’ee kaan duubatti jedhamee hintaa’amu. Lamaanuu walqixxaatee taa’ama.
Tokko teessoorra taa’ee kaan lafa hintaa’u. Hunduu walqqixxee taa’a. Namni yaa’ichaa abbaa barcumaa ta’ee hogganus hinjiru. Akka walga’ii si’anaatti dura taa’aan sagalee qabatee seena. Sababiinsaas walittiqabichi yaa’icha gara barbaadetti luuccessuu danda’a. Koottu dhufee keessatti garuu waanti akkanaa hinhojjetu. Yaada dhiyaatetu mo’ata ykn mo’atama. Hunduu walqixxeedha. Yoo dandeesse ni amansiista, ta’uu baannaan amantee fudhatta jechuudha. Kanumaafi, Tsaggaayeen “Let us dedicate ourselves to rise together” jedhee kan barreesseef.
Sararri kun ergaa walitti cichuu, waliif cichuu; walfaana ammoo ol ka’uu jedhu of keessaa qaba. Sirna koottu dhufee keessatti kan qabatamee dhufamu waan tokkoofi tokko qofa. Innis dhugaafi dhugaa qofa. Dhugaarra dhaabatamee dhugaadhaaf dubbatama waan ta’eef. Tsaggaayeen adeemsa kanas sirriitti ibseera.
Tsaggaayeen Paan Afrikaanistiidha. Ka’umsi ykn bu’uurri walaloo kanaas sirna Gadaati. Waantonni achi keessatti calaqqisiifaman waantotuma sirnicha keessatti argamaniidha. Tsaggaayeen hariiroo Oromoon ibiddaafi Waaqa wajjin qabu sirriitti beeka. Hariiroo ummanni Oromoofi Odaan qabus akkasuma.
Sararri ittaanus (To defend our liberty and unity) waa’ee aarsaafi ijoollee Afrikaa haa kaasuyyuu malee waa’ee dhugaas of keessaa qaba. Asirratti kan Afrikaa qofa otoo hintaane kan warra kaaniis ni eera. Afrikaan teessoo ykn bu’uura dibaabee jireenya dhugaa ta’uushii kan agarsiisuudha. Kanas walalichi of keessatti hammateera.
Hojii Tsaggaayee baraa baratti ce’e u kanarraa dhaloonni ammaa maal hubata, barata? Namni kun qe’eesaa keessaa ka’ee akka addunyaatti (universal) yaade. Egaayyuu dhaloonni ammaas ta’e kaleessaa hubateeraafi hinhubannee gaaffii guddaadha. Namoonni baay’een nama kana sirritti hinhubanne.
Kan biraa dhiisii warrumti isa faana hojjetaniyyuu isa hinhubanne. Hojiin Tsaggaayee daran olka’aadha. Waanti nama ajaa’ibu walaloo ta’e yadaloon faaruchaa kanuma Tsaggaayee ta’uusaati. Hojiin kun yeroo Dhaabbanni Tokkummaa jiru hojjetame. Dhaloonni har’aa isa har’aa qofaaf otoo hintaane waan boruu biyyaafi addunyaaf ta’u hojjechuu Tsaggaayeerraa barachuu qaba.
Dizaayinii alaabaa gamtichaas Artisti Yaaddessaa Booji’aatu qopheesse. Kunis waan namatti agarsiisu qaba. Jarri kun waan dandeettii qabaniif hojjetan. Waan caalanii argamaniifi, kan isaan mo’atanii hojiinsaaniitti tajaajilamaa jirruuf.
Jiruu Qananiitiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016
4 Comments to “ Waa’ee walaloo faaruu Gamtaa Afrikaa kana beektuu?”
Comments are closed.