Gareen dubartoota Itoophiyaa umrii 17 gadii har’a taphata

Finfinnee: Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa (“FIFA”)dhaan waggaa lamatti altokko kan qophaa’u Waancaan Kubbaa Miilaa Dubartoota Addunyaa umrii 17 gadii 8ffaan ALA Onkoloolessa 16 hanga Sadaasa 16 bara 2024tti Riippabliikii Dominiikaatti gaggeeffama.

Walmorkichaaf ardiiwwan jaharraa biyyoonni 16 ni hirmaatu. Afrikaa bakka bu’uun kan hirmaatan biyyoota sadii. Taphicharratti hirmaachuuf biyyoonni Afrikaa 35 ramaddiiwwan addaddaatti qoodamuudhaan tapha gulaallii adeemsisaa jiru.

Haaluma kanaan gareen Kubbaa Miilaa Dubartoota Itoophiyaa umrii 17 gadii torbee darbe Finfinnee, Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti gitasaa Afrikaa Kibbaa wajjin taphatee 3-0n mo’ateera.

Garichi tapha deebii har’a waaree booda adeemsifamurratti hirmaachuuf kaleessa gara Johaanisbargitti imaleera. Taphichaan yoo mo’ate gitasaa Keeniyaa waliin kan taphatu ta’a.

Gareen miseensota qabu kun qaamanis ta’e xiinsammuudhaan haala gaariirra jiraachuu Leenjistuu Raawudaa Alii ibsa dheengadda kenniteen eerteerti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Gareen dubartoota Itoophiyaa umrii 17 gadii har’a taphata”

Comments are closed.