Ispoortii aadaa marsaa 29ffaafi feestivaala  aadaa 19ffaa Ambotti

Amboo: Utuu ispoortiin ammayyaa biyya keenya hinseeniin dura baldhinaan adeemsifamaa kan turan ispoortiiwwan aadaati. Haata’u malee ispoortiin aadaa akkuma ispoortiiwwan ammayyaa bal’inaan adeemsisamuurra duubatti deebi’uudhaan quucaraa ture. Kanumarraa kan ka’e hirmaattonnisaas baay’ee xinnaachaa dhufuudhaan ispoorticharraa fagaatan.

Ispoortiin aadaa kan akka gulufa fardaa, tapha saddeeqqaa waldhaansoo, korboofi qilleefaan akka hinirraanfatamneefi ummatnis irratti akka hirmaatuuf Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa xiyyeeffannaan irratti hojjechaa jira.

Haaluma kanaan qopheessummaa Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaatiin waggaa waggaadhaan shaampiyoonaan ispoortii aadaafi feestivaaliin aadaa Oromiyaa godinaaleefi bulchiinsoota magaalota naannichaa jidduutti erga adeemsifamuu jalqabee bubbuleera.

Federeeshinichi ispoortiiwwan aadaa cimsuuf ispoorteessitoota muraasaan hirmaachaa turus ammaantana godinaaleefi bulchiinsonni magaalotaa baay’inaan dabalaa dhufuun miidhaginaan adeemsisamaa tureera.

Shaampiyoonaan ispoortii aadaa 29ffaafi feestivaaliin aadaa Oromiyaa 19ffaan baranaas Amajjii 18 bara 2016 haala hawwataadhaan magaalaa guddoo Godina Shawaa Lixaa, Ambotti jalqabameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaa Obbo Baqqalaa Iraasuu ibsa Magaalaa Ambootti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, ispoortiin aadaa Oromiyaa yeroodhaa gara yeroo guddachaa dhufuudhaan hirmaattonnis dabalamaa jiru jedhu.

Guddinaafi babal’ina ispoortii aadaa keenyaaf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaa guddaa kennuudhaan yeroo gabaabaa keessatti dargaggoonni keenya bal’naan akka irratti qooda fudhataniif ga’ee olaanaa taphachaa jiraachuu eeru.

Ispoortiin aadaa duudhaa abbootii keenyaati. Dargaggoonni keenyas ispoortii kanaaf xiyyeeffannaa kennanii irratti cichanii tursiisu qabu. Ispoortii aadaa kana babal’isuun ammoo guddina ispoortiiwwan godinaaleef bu’uura guddaa ta’a jedhan. Shaampiyoonaa baranaa kanarraatti godinaalee 20fi bulchiinsonni magaalaa 13 akaakuuwwan ispoortii 10n hirmaachaa jiru.

Hirmaattota kanneen keessaa bulchiinsota magaalaarraa dhiiraan 250, dubaraan 156 godinaaleerraa dhiirri 550, dubartoonni ammoo 505 walumaagalatti ispoorteessitoonni 1461 hirmaachaa jiru.

Yeroodhaa gara yerootti miidhagaa kan dhufe feestiivaalii aadaa Oromiyaaf ammoo walumaagalaatti dargaggoonni 461 waantota aadaa godinasaanii calaqqisiisan qabatanii hirmaachaa jiraachuu ittigaafatamtichi eeraniiru. Shaampiyoonichi hangaa Amajjii 30 bara 2016tti dirreewwan ispoortii adda addaafi galmootatti guyyaa guyyaadhaan adeemsifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Sababiin shaampiyoonaan kun adeemsisamuufis shaampiyoonaa aadaa 21ffaa biyyaalessaa barana Finfinneetti qophaa’urraatti ispoorteessitoota Oromiyaa bakka bu’uun hirmaatan filachuuf ta’uus Obbo Baqalaan addeessaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

6 Comments to “Ispoortii aadaa marsaa 29ffaafi feestivaala  aadaa 19ffaa Ambotti”

  1. Pingback: click reference
  2. Pingback: ผลบอล
  3. Pingback: 누누티비
  4. Pingback: sun win
  5. Pingback: Diyala Bauc14
  6. Pingback: car detailing

Comments are closed.