Fiigicha guddaa, seenaqabeessa Wancii

Wancii: Oromiyaatti dorgommiin fiigicha guddaa Ikoo Turizimii Wancii-Dandii jedhamuun moggaafame yeroo jalqabaatiif naannawa Haroo Wanciitti fageenya kiiloomeetira 10n adeemsifameera torban har’aa.

Milkaa’ina kanaafis Looreetiin Nagaa Addunyaa, Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad sagantaa Maaddiin Biyyaaf jedhuun pirojektota guguddoo seenaa biyya keenyaa keessatti adda ta’an hojiitti hiikuun damee turizimii utubaa dinagdee taasisuuf xiyyeeffannoo kennanii hojjechaa kan jiran yoo ta’u, Pirojektiin Wancii-Dandiis isa tokko.

Haalli kun walitti hidhamiinsa ispoortiifi turizimii biyya keenyaatti baratamaa waan hinturreef balbala kan baneedha. Kaayyoonsaa atileetota biyya keenya keessaafis ta’e alaatiif iddoowwan oolmaa ispoortii dargaggootaa sadarkaasaa eeggate akka jiraatu gochuu kan kaayyeffateedha.

Fiigichichis kan adeemsifame Amajjii 18 bara 2016 atileetonni beekamoo kilaboota ciccimoo biyya keenyaa, maanguddoota umurii ganna 50 oliifi 50 gadii, kana malees kanneen Ugaandaafi Keeniyaarraa dhufanis kan hirmaachise ture.

Dorgommicha atileetiin kilaba Shaggar Siitii Addisuu Nagaash tokkoffaa ba’uun mo’achuudhaan seenaa haaraa galmeesseera. Mogos Ammayyee Humna Elektirikiirraa lammaffaa, Eeliyaas Caannee Akkaadaamii Atileetiksii Xurunash Dibaabaarraa sadaffaa ta’uun meedaaliyaa warqii meetiifi nahaasaa, akkasumas qarshii kuma 150, kuma 90fi kuma 80 walduraa duubaan badhaafamaniiru.

Dubartootaan ammoo Atileet Geexee Alamaayyoo kilaba Konistiraakshinii Injinariingii Oromiyaarraa, Footoon Tasfaayee Baankii Daldalaa Itoophiyaarraa, Nuuriit Alamaayyoo dhuunfaadhaan tokkoffaadhaa hanga sadaffaa bahuun qarshii kuma 150, kuma 90fi kuma 80, akkasumas meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasaa walduraa duubaan badhaafamaniiru.

Akkasumas gareedhaan dubaraan Konistiraakshiniin Injinariingii Oromiyaa qabxii 17n, dhiiraan Humni Elektirikii qabxii 55n shaampiyoonaa fiigicha guddaa Wancii Dandii bara 2016 ta’aniiru.

Guyyaa sagantaan kun adeemsifametti Pirezidaantii Ittaanaan Dursaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Gazzaahany Abarraa Gaazexaa Bariisaaf akka ibsetti, mootummaan iddoowwan oolmaa ispoortii babal’isuuf kutannoonsaa olaanaa waan ta’eef jajamuu qaba.

Ispoortii fi Turizimiin, akkasumas ispoortiifi dargaggoonni addaan hinbahan. Kanaafuu iddoon bashannanaa kun asitti banamuun naannawa biroofis fakkeenyummaan kan eeramuudha jedha.

Bakkichi lafa olka’aadha. Atileetiksiin ammoo lafa olka’aarratti adeemsifama. Atileetiin asitti mo’ate eessattuu yoo dorgomu nimo’ata. Kanaafuu iddoon kun atileetiksiidhaaf bakka filatamaadha jechuun ibseera.

Nuyis abbootiin qabeenyaa Hoteela ijaaruuf malee iddoo oolmaa ispoortiitif yaada hinqabnu kan jedhe atileetichi, Doktar Abiyyi Ahmad garuu sammuu dargaggootaa ijaaruuf iddoowwan oolmaa ispoortii ijaaraa jiru. Abbootiin qabeenyaa wayita iddoo bashannanaa ijaaran ispoortiidhaaf bakka olaanaa kennuu qabu jechuun dhaameera.

Dargaggeesa qaama cimaa, sammuu ifaa, horataafi abdii boruu biyyaa akka ta’u beekuurra darbinee kunuunsinee yoo guddisne qofa dhaloota seenaa hojjetee seenaa dabarsuu danda’utu horatama.

Haaluma kanaan iddoowwan bashannanaafi oolmaa ispoortii babal’isuun barbaachisaa ta’uu kaaseera. Shaggar siitiirraa tokkoffaa ba’uun kan mo’ate Atileet Addisuu Nagaash, seenaa biyya keenyaa keessatti jalqabaaf iddoo hawwataa akkanaatti mo’achuu kootti gammadeera jedhe.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Fiigicha guddaa, seenaqabeessa Wancii”

  1. Pingback: Guns For Sale

Comments are closed.