Finfinnee: Godina Jimmaatti barana lafa waloo hektaara kuma 445 qamadii bonee jal’isiin misoomuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Misooma qamadii kanaanis namoota kuma 32f carraan hojii uumamuu ibsameera.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Mahammadxahaa Abbaafiixaa ibsa torbee darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, barana lafa hektaara kuma 400 jallisii qamadii boneetiin misoomsuuf karoorfamee, karooraa ol lafa hektaara kuma 445 misoomsuun danda’ameera. Lafa misoome kanarraayis callaa kuntaalli miliyoona 16 ni argama jedhamee eegama.
Godinichatti misoomni qamadii bonee waggaadhaa gara waggaatti dabalaa jira jedhanii, bara 2012 aanaa godinichaa tokkotti lafa hektaara 50, bara 2013 aanaalee 20rratti hektaara kuma 30, bara 2014 hektaara kuma 65, bara darbe ammoo lafti hektaara kuma 317 qamadii jallisii boneetiin misoomuu ibsaniiru.
Milkaa’inoota baroota darbanii kaasee hanga baranaatti argamaniif qonnaan bulaa misooma dheebote, haala agro Ikolojii bal’aa misooma jallisii boneetiif mijataa qabaachuufi hojiileen deeggarsaa mootummaa naannichaa hanga gaggeessitootaafi dhaabbilee gandaatti jiranii sababoota ijoo ta’uu Obbo Mahammadxahaan eeraniiru.
Godinichi misooma qamadii jallisii boneetif poteenshaala guddaa qaba jedhanii, maddeen bishaanii jallisii aadaafi jallisii ammayyaatiif oolan, laggeen guguddoofi burqaawwan hedduun jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin makaanaayizeshinii qonnaa godinichatti hojjetamaa jirus milkaa’inichaaf shoora olaanaa taphachaa jiraachuu dubbatanii; tiraaktaroota 1,260 fayyadamuun karooricha milkeessuun kan danda’amu ta’uu ibsaniiru. Lafa misoome keessaayis %62 tiraaktaraan kan qotame ta’uu eeraniiru.
Dhiyeessii paampii bishaaniin walqabatee, kanaan dura paampiiwwan kuma 5,028 kan turan yommuu ta’u, barana paampiiwwan kuma 1,020 dabalataan dhiyeessuun walumaagalatti paampiiwwan kuma jahaa oliin hojiin misooma qamadiif oolaa jiraachuu dubbataniiru.
Qonnaan bultoota omishicharratti bobba’anif sanyii filatamaan kuntaala kuma 65 ol kan dhiyaate ta’uus Obbo Mahammadxahaan ibsaniiru. Ji’a kana keessaa hojiin omishicha kunuunsuufi keemikaala farra aramaa fayyadamaa jiraachuus ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016
7 Comments to “ Godina Jimmaatti qamadiin bonee lafa hektaara kuma 445 irratti misoomaa jira”
Comments are closed.