Finfinnee: Akkuma rakkoon Itoophiyaa bal’aa ta’e furmaannisaas hirmaannaa hawaasa bal’aa fedha. Hanguma hawaasni sadarkaan jiru qooda fudhatu rakkoonis furmaata argataa dhufa. Rakkoo waggoota hedduuf tuulame waggoota muraasa keessatti daguuganii keessaa ba’uun rakkisaa ta’us hirmaannaa hundaatiin ni salphata.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa haala milkaa’inaafi rakkoolee jiran ilaalchisee Kamisa darbe waltajjii marii hayyootaa mataduree, “Waliigalteefi marii biyyaalessaatiif qooda hayyootaa” jedhuun Yuunivarsiitii Finfinneetti gaggeesseera.
Komishinarri Olaantuu Ittaantuun Komishinichaa Hiruut Gabrasillaasee akka jedhanitti, qaamolee hawaasaa waldhabbiin yaadaa biratti mul’atu keessaa hayyootni hangafa. Milkaa’ina marichaafis qoodnisaanii olaanaadha. Rakkoowwan bu’uuraa furuuf marii hunda hirmaachise taasisuuf kutannoon hojjetamaa jira.
Biyyootni tokko tokko waldhabbii gidduusaanii jiru mariidhaan furachuuf yeroo hedduu walga’anii milkaa’uu dhabuurraa kan ka’e bittinnaa’aniiru. Itoophiyaan garuu ummata hubataa waan qabduuf utuma waldhabbiin bu’uuraa jiruu hanga har’aatti biyya taatee ittifufuu kan ibsan ammoo Pirezidaantii Eeggataa Yuunivarsiitii Finfinnee Doktar Saamu’eel Kifleeti.
Waldhabbii fuudhanii ce’uun balaa waan qabuuf har’a karaa dimokraatawaan barbaachisaa ta’uu himanii; yaada fooyya’aafi gara waliigalteetti geessu gumaachuu keessatti qoodni hayyootaa olaanaa ta’uun amanamee waltajjiin marii kun qophaa’uu dubbataniiru.
Baroota hedduuf yaalii waldhabbii Itoophiyaanota gidduu jiru humnaan furuuf taasifamaa ture olaantummaa gartuu tokkoo malee nageenya waaraa hinfidne kan jedhan waraqaa qorannoo haala qabatamaa Itoophiyaarratti kan dhiyeessan Obbo Ayyaaloo Zagayyeeti.
Akka isaan jedhanitti, rakkoon Itoophiyaa hirmaannaa qaama muraasaa qofa osoo hintaane kan qaama hundaa fedha. Rakkooleen muraasni tokko tokko imaammata jijjiiruufi murtoo siyaasaa fedhanis irrajireessisaanii hirmaannaafi murtoo ummata bal’aa fedhu.
Waldhabbiin sadarkaa hamaarra ga’uusaatiin barumsi seenaa dhaabbilee barnoota olaanaatti addaan citee ture marii bal’aa hayyootaafi Ministeera Barnootaatiin taasifameen bara 2015 irraa eegalee kennamuu jalqabuun agarsiistuu milkaa’ina marii biyyaalessaa keessaa tokko kan jedhan ammoo hayyuu biraa waraqaa qorannoo dhiyeessan Doktar Nigusuu Akliluuti.
Akka isaan jedhanitti, dhaabbilee amantaa biyyattii guguddoo lama gidduutti akkasumas paartilee morkattoota siyaasaa biyyattii gidduu waldhabbiin ture mariin goolabamuun milkaa’ina marii biyyaalessaatiif agarsiistuu birooti.
Haa ta’u malee, aadaa siyaasaa waldhaga’uu dhabuufi walshakkuun yeroo ammaa calaqqisu jijjiiramuu qaba. Jechaan walhaleeluun daran dabalaa jiraachuun ala guddatee gara haleellaa qaamaafi lubbuutti wayita ce’us hubatamaa jiraachuu Doktar Nugusuun qeeqaniiru.
Biyyootni akka Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Beeniin, Kolombiyaafaa rakkoo walxaxaa isaan sakaale keessaa kan ba’an marii hawaasa bal’aa hirmaachiseen ta’uu Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Doktar Yoonaas Adaayyee ibsaniiru. Biyyootni akka Sudaaniifi Yamanfaa kan marii biyyaalessaa sadarkaa guutummaatti jedhamuun mootummaan dhuunfatame gaaga’ama hamaaf saaxilamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Itoophiyaan garuu marii hunda hirmaachiseefi fakkeenyummaa qabu akka adeemsistu hubachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016
7 Comments to “Rakkoo Itoophiyaatiif mariin hunda hirmaachise furmaata”
Comments are closed.