Carraan Luusiiwwanii dhiphateera

Finfinnee: Waancaa kubbaa miilaa Addunyaa kan dubartonni umrii 20 gadi ta’an irratti hirmaatan ALA bara 2002 Kaanaadaatti jalqabame.

Walmorkii kanarratti biyyoonni 12 ramaddii saditti qoodamuun kan hirmaatan yoo ta’u, Ameerikaan waancaa jalqabaa fudhachuun seenaa hinirraanfatamne hojjetteetti. Waancaa kanaaf biyyoonni hirmaatan dabalaa dhufuun Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa “FIFA”n gareewwan kubbaa miilaa dabaluun ammaan tana gara 24ti guddiseera. Biyyoonnis ramaddii sadirraa 6tti siqaniiru.

Walmorkii kanarratti Awurooppaafi Ameerikaa Kibbaarraa biyyoonni shan shan, Afrikaa, Eshiyaafi Ameerikaa Giddu Galeessarraa biyyonni afur afur, Oshiniyaarraa ammoo biyyoonni lama ni hirmaatu jedhameera. Waancaan Kubbaa Miilaa Dubartootaa Addunyaa umrii 20 gadii kun kanaan dura yeroo 10f kan adeemsifame yoo ta’u, Afrikaa bakka bu’uun Naayijeeriyaan yeroo kurnanuu hirmaateetti.

Naayijeeriyaan waancaa kubbaa miilaa dubartoota Afrikaa yeroo 11f shaampiyoona ta’uun fudhachusheetti Afrikaa bakka bu’uun kan addunyaa kanarratti hirmaachuuf carraa kan argatte. Waancaan Kubbaa Miilaa Dubartootaa addunyaa kun baranas ALA Hagayya 31 hanga Fulbaana 25 magaalaa guddoo Kolombiyaa Baagootti adeemsifama jedhamee eegama.

Biyyoota Afrikaa afran waancaa kanarratti hirmaachuuf carraa argatan addaan baasuuf jecha Sanbataafi Dilbata darbe biyyoota adda addaa gidduutti walmorkiin gulaalaa gareewwan saddeet jiddutti adeemsifameera. Haaluma kanaan Kaameerun Misir 4-2n, Naayijeeriyaan Burundii 1-0n, Morookoon Itoophiyaa,Gaanaan Seenegaal qabxii walfakkaatu 2-0n mo’ataniiru. Afrikaa bakka bu’uun waancaa dubartoota addunyaa kanarratti hirmaachuuf biyyoonni saddeetanuu fiixerra gahanis abdiin biyyoota mo’amtootaa waan dhiphatu fakkaata.

Haaluma kanaan tapha deebii kan har’aafi boru adeemsifamanitti Burundiin Naayijeeriyaa 2-0n, Itoophiyaafi Seeneegaal ammoo morkitootasaanii 3-0 olin mo’achutu isaanirraa eegama. Misir ammoo Naayijeriyaa 4-0n mo’achuu qabdi. Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa Luusiiwwan tapha deebii kana Morookoo wajjiin kan taasifatu boru waaree booddeedha.

Gareen kun sanbata darbe Morookoo wajiin taphachuuf gara magaalaa Raabaatitti kan qajeele yoo ta’u, leenjisaan garichaa hamma humnisaanii danda’etti falmii kan taasisan ta’uu eeree, taphattoonni Morookoo pirofeeshinaaloota kilaboota Awurooppaaf taphataniifi muuxannoo olaanaa qaban waan ta’aniif isaan injifachuu baannus dorgomtoota gaarii taane deebina jedhee ture.

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Carraan Luusiiwwanii dhiphateera”

  1. Pingback: dultogel 4d login

Comments are closed.