“Alaabaan keenya Kiristoosi, isaaf hojjenna afaanuma beeknuun isa waaqeffanna”

– Hangafa Faarfattootaa Diyaaqoon Firaanol Moosisaa

 “Wayyaan cuuphaaf hintaane haaciccitu” jedhama, guyyichi guyyaa hafuuraan lammata dhalachuu, guyya qulqullaa’uu yoo ta’u, keessumattuu qeerroofi qarreef gama hafuuraanis ta’e aadaan guyyaa addaa nama bultiif ta’u itti kaadhimmatan waan ta’eef qopha’ummaan ayyaanichaaf gama dargaggootaan jiru daran olaanaadha.

Ayyaanni cuuphaa hordoftoota amantii Ortodoksii biratti waggaa waggaan bifa ho’aa ta’een kan kabajamu yoo ta’u, keessumattuu Itoophiyaa keessatti duudhaaleen kabaja ayyaanichaafi sirnoonni dargaggootaan raawwataman addunyaa kaanirraa adda isa taasisu.

Cuuphaan lammata dhalachuun kan walqabatu karaa hafuurawaas ta’e aadaan waggaa waggaan kan kabajamu keessumattuu dargaggootaaf immoo hiika guddaa kan qabudha jedha Hangafni Faarfattootaa Diyaaqoon Firaanol Moosisaa turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen.

Guyyichi guyyaa eebbifamaadha, hunduu bahee cuuphama, keessumatuu akka Itoophiyatti yoo ilaalle sirnoonni gara garaa ayyaanicharratti gaggeeffaman simboo addaa kan qabaniidha.

Dargaggummaan yeroo itti uumaa ofii yaadataniifi hafuuraan cimanii argaman yoo ta’u, gama aadaanis ayyanicharratti sirni walkaadhimmannaa Qeerroofi Qarree nigaggeeffama. Gama sagalee waaqayyoonis yoo ilaalle bakka namoonni baay’ee itti wal arganidha.

Kanarraa kan ka’e “Haadha manaa gabaa baay’ee keessaa ilaalii fuudhi” waan jedhuuf ayyaanichi dargaggootaaf ayyaana guddaa kan bu’uurri utubaa maatii itti hundaa’u waan ta’eef hawwii guddaan kan eegamu si’aayinaan ayyaana ayyaaneffatamudha.

Kanamalees ayyaanicharratti dargaggoonni daandii qulqulleessaa afataan miidhagsaa gabatee kakuu gara bakka qubannaatti gaggeessu, afaan beektan hundaan wangeela lallabaa akkuma jedhamu dargaggoonni keenyas afaansaaniin faarfachaa uumaasaanii galateeffachaa ayyaanicha dhandhaamu.

Aamantiifi aadaan walitti hidhaminsa qabu kanarraa kan ka’e dargaggoonni weedduu waaqaan ayyaanicha dabaalaa kaadhimaa bultiif taatus yeroo itti filatan waan ta’eef dargaggoota biratti ayyaana kabajamaafi bakka guddaa qabudha jedha Hangafni Faarfattootaa kun.

Akka ibsasaatti, bakka dhalootasaa Wallagga Lixaatti wayita ayyaana cuuphaa faarfannaa hafuuraan alatti dargaggoonni bifa aadaanis kabajaafi leellisa waaqayyoof qaban “Falaxaa ya shookkisii hingalla ya Goorgisii yeroon geesse yaa abbaatee nu eebbisi” jedhanii faarfachaa Waaqayyoof ulfina kennuudha.

Kanarra darbee amantii ofii afaan ofiin gaggeessuun karaa hafuuraa babal’ina wangeelaaf, gama aadaan guddina afaanii, aadaa, duudhaafi kanneen biroo keessatti shoora olaanaa kan taphatu waan ta’eef salphaatti hinilaalamu, isa kanaafimmoo itti gaafatamummaa guddaa kan qaban dargaggootadha.

Kiristoos bartootasaa gaafa gara namaatti erge gara handaara lafaa hunda deemaa mootummaa Waaqayyoos lallabaa jedhe, wangeela afaan hundaan waliin gahuun seera uumaati. Seera uumaa kana haquunis ta’e faallessuun hindanda’amu kanaafuu dhaloonni afaan beekan hundaan waaqeffachuun galateeffachuun murteessaadha. Kanarraa kan ka’e magaalaa Finfinnee keessatti dargaggoonni Oromoo dabalatee kanneen biroos afaan beekaniin uumaasaanii waaqeeffatu jechuudha.

Alaabaan keenya kan nuti ayyaana kanarratti lallabnu kiristoos fayyisaa keenyadha kan jedhe Hangafni Faarfattootaa kun, dargaggoonni siyaasarraa bilisa ta’anii ayyaanicha dabaaluu qabu jedha.

“Namni waa of harkaa qabu miira keessa hingalu” kanaaf ayyaanichi kan keenya waan ta’eef naasuufi ilaalcha biraarra bilisa ta’uun keessumattuu dargaggoonni keenya naamusa kiristaanummaan dhaabachuun nageenya waloosaanii eeggachaa ayyaaneffachuu akka qaban dhaameera.

Afaan ofiin faarfachuun wangeelatu ajaja mirgadhas kanaaf ilaalcha dullooma yeroon itti darbeen sirna hafuurawaafi siyaasaa walmakuuf yaaliin taasifamu gama amantiinis aadaanis fudhatama wan hinqabneef hafuuraan guutamnee hafuuraan ijaaramnee miidhagnee baanee galuun barbaachisaadha. Akka magaalaa Finfinneetti fudhannee yoo ilaalle afaan Oromoon faarfachuu mitiitii magaalittii keessatti odeessuunuu saalfatamaa ture sun hundi seenaa ta’ee darbeera.

Wanjoon salphinaa dhalachuu gooftaa Yesuusiin cabeera bilisa baaneerra afaan keenyaan faarfachuun hanga handaara lafaatti deemnee wangeela lallabuun mirga uumaan nuuf kenne kan seeranis deggaramu waan ta’eef saalfiin nurra ture cabeera, uffata aadaan miidhagnee waloon baanee ayyaanessaa jirra ammas bifa addaan itti qophoofneerra jedheera.

Ilaalchi finxaalessummaa ‘namalee’ jedhu karaa hafuuraas karaa seeraas fudhatamummaa kan hinqabne waan ta’eef ayyaanichi miidhagee eegalamee miidhagee xumuramee nagaafi eebbaan akka goolabamuuf dargaggoonni itti gaafatamummaa isanirraa barbaadamu bahachuu, seera kabajanii kabachiisuun isaanirraa eegama.

Walumaagalatti ayyaanichi ayyaana sadarkaa addunyaatti kabajamu waan ta’eef hunduu baga ittiin sin gahe jechaa ayyaana biyyi keenya akkasumas addunyaan itti eebbifamtu, ayyaana nagaa waldhabdeen keenya kan ittihiikamu, kan tokkummaa akka ta’uuf hawwii qabu ibseera.

Ayyaanni kun qalbii addunyaallee kan hawwatu hawwata turistiillee ta’ee waan jiruuf miira kiristaanummaan guutamnee ofis keessummaa keenyas gammachiisnee kan halaalaa dhufes kabajnee gaggeessuu keessatti shoorri dargaggootaa olaanaa ta’uu dagatamuu hinqabu.

Barri dargaggummaa bara uumaa ofii itti yaadatanidha, afaan aadaafi simboo kiristaanummaan guutamnee ayyaanichi karaa nagaan akka gaggeeffamuuf deggarsi barbaachisaa kanaan dura taasifamaa ture daran cimsuun miidhagina ayyaanichaa olkaasuun murteessadha kan jedhe Hangafni Faarfattotaa kun, duudhaan amantii keenyaas ta’e aadaan itti guddanne kan nama dirqisiisu ta’uullee eeree jira.

Qaamonni ergama siyaasaa golgaa amantiin baatanii deeman dargaggoota meeshaa godhachuu kan barbaadan waan ta’eef nuyi ijoollee Kiristoos warra nagaa labsu waan taaneef siyaasa maqaa amantiin dhufu kamiifuu bakka laachuun sirrii miti jedha.

Uffata aadaa keenyaan miidhagnee ayyaanaa keenya dabaaluun afaan keenyaan uumaa keenya galateeffachuun ayyaana lammata dhalachuu kana kabajaan jalqabsiisuurra darbee xumursiisuu keessatti itti gaafatamummaan dargaggoota keenyarra jiru olaanaa ta’uu dagatamuu hinqabu.

Sirnootaafi ayyaanota gara garaa akka biyyaattiifi hanga caasaa gadiitti gaggeeffamu keessatti nageenyi tokkummaan waldandahuun miidhagina addaa akka inni qabu eenyuufuu ifaadha, haata’uutii ayyaana eebbifamaa Cuuphaa dura keenya jiru kanas Kataraarraa kaasee hanga Cuuphaatti dargaggoonni adda durummaan humna beekumsaafi qabeenya keenya osoo hinqusatiin waardiyyaa dhaabachuun nagaan goolabuun barbaachisaadha.

Cuuphaan yeroo itti qulqullaa’anidha. Faallaa kanaammoo dargaggoota meeshaa godhachuun ergama siyaasaa dhokataa galmaan gahachuuf kanneen hojjetan kan jiran yoo ta’u, isaanis alaabaa siyaasaa mana amantii keessatti olkaasuuf kan carraaqanidha.

Manni amantiifi ayyaanonni amantii garagaraa keessatti kabajaman siyaasarraa bilisa kanamalees, alaabaansaanii Kiristoos isa dhalate isa fannifame isa du’ee du’a mo’ee ka’e ta’uu dagatamuu hinqabu.

Kun bakka ta’ee jirutti maqaa amantiin ergama siyaasaa harka dargaggootaan milkeeffachuuf yaalamu keessumattuu mana amantiifi ayyaanotasaaniirratti kan taasifamu fudhatamummaa kan hinqabne waan ta’eef kanneen fedhii siyaasaaf kaatan harkasaanii kaasuu qabu jedheera Hangafni Faraafattootaa kun.

Dargaggummaan yeroo itti Waaqayyoof hojjetan hafuuraanis jabaatan kanamalees dinagdeen itti of ijaaranidha malee akka namoonni dheebuu aangoofi siyaasaaf itti fayyadamuuf yaalan miti.

Kanneen golgaa amantiin dargaggoota siyaasaaf kaasan cuuphamanii fayyuu qabu, ilmaansanii olguddatoof ilaalchaa hafuurawaa gaarummaa, waldanda’uu, walgargaaruufi tokkummaa dhaalsisuun isaanirraa eegama malee mana amantii dirree siyaasaa fakkeessuuf yaaluun naamusa mana amantii faalleessuudha.

Kana waan ta’eef dargaggoonni keenya yaada hafuura qulqulluun hogganamaa kiristoos fayyisaa biyya lafaa du’a nu oolchuuf dhalate, cuuphamee lammata akka dhalannu nugodhe kanamalees isa du’ee du’a nu oolche alaabaa godhannee afaan beeknuun isa faarfachuun barbaachisaadha.

“Hamma handaara lafaatti deemaa wangeelakoo labsaa jedha sagaleen Waaqayyo” kan jedhe Hangafni Faarfattootaa kun, afaan hundi afaan sagaleen Waaqayyoo itti lallabamu, itti faarfatamu itti baratamu waan ta’eef nus ergama kana qabannee afaan beeknuun cuuphaa kanarratti Waaqayyoon faarsina, lallabna, Wangeela barsiisna jechuudha.

Dargaggummaa ofiitti Waaqayyoon lallabuun gaarummaa hojjechuun guddina hafuuraan akka cimnu galgala keenyaafis gaarummaa Waaqayyo nurraa barbaadu waan ta’eef lapheen keenya bakka bultii dubbii Waaqayyooti malee kan seexanaa ta’uu hinqabu.

Finxalessummaan biyya lafaa golga amantiin dargaggoota meeshaa godhachuun ergama siyaasaaf kakaasu amantaanis gama kamiinuu kan hinkeessummoofne waan ta’eef dargaggoonni ayyaana kabajamaa lammata dhalachuu kadhannaaf faarfannaan dabaallee Waaqayyoon olkaasuun dirqama wangeelli nuti laate ta’uu dagatamuu hinqabu.

Waasihun Takileetiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016

Recommended For You

5 Comments to “ “Alaabaan keenya Kiristoosi, isaaf hojjenna afaanuma beeknuun isa waaqeffanna””

  1. Pingback: blog
  2. Pingback: rca77
  3. Pingback: cam tokens

Comments are closed.