Luusiiwwan har’a falmii maahessaa jalqabu

Finfinnee: Dubartonni umrii 20 gadii kan irratti hirmaatan Walmorkiin Waancaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Addunyaa 11ffaan Kolombiyaatti adeemsifamuuf ji’ota muraasatu hafa.

Walmorkii kanarraatti kanaan dura gareewwan kubbaa miilaa biyyoota 16 qofti hirmaachaa kan turan yoo ta’u, baranaa kaasee biyyoonni 24 ramaddii jahatti qoodamuun hirmaatu.

Walmorkii kanarraatti Afrikaa bakka bu’uuf biyyoonni 35 taphawwan gulaalaa taasifatanis sadarkaa sadarkaadhaan harca’uudhaan biyyoonni jaha qofti hafaniiru.

Itoophiyaafi Morookoo dabalate Seeneegaal, Gaanaa, Misirifi Kaameeruun har’arraa eegalanii walmorkii dhaqaaf deebii taasifachuun biyyoonni afran qabxii gaarii argatan Afrikaa bakka bu’uudhaan gara Kolombiyaatti qajeelu.

Gareen dubartoota Itoophiyaas (Luusiiwwan) tapha dhaqaaf deebii har’aa kaasee Morookoo wajjiin taasifachuuf tibbana magaalaa Raabaat galaniiru.

Taphatoota 22 of keessatti kan hammatu gareen dubartoota Itoophiyaa kun guyyoota 23 qofaaf qophii taasisuun gara Raabaatitti deemaniiru.

Haata’u malee, turtii isaa kana keessatti dirree kubbaa miilaa ganda 35fi Istaadiyoomii Finfinneetti shaakala cimaa taasifachusaa leenjisaan garichaa Fireew Hayila Gabreel tibbana ibsa gaazeexeessitootaaf kenneeniin mul’saniiru.

Taphattonni garee kubbaa miilaa dubartootaa Itoophiyaa kanaan dura gareewwan Ikuwaatoraal Giiniifi Maalii mo’achuudhaan tapha kanaaf qaqqabuusaanis leenjisaan kun addeessaniiru.

Qaama cimaa, sammu ifaafi onnee guutuudhaan taphachuuf gara Morookootti kan imale gareen kun waan isarraa eegamu maraa raawwachuun qabxii gaarii galmeessisee deebi’uf qophii olaanaa gochusaas ibsameera.

Taphattoota piroofeeshinaaloota kilaboota Awuroppaatiin kan ijaarame gareen kubbaa miilaa Morookoo cimaa ta’us Luusiwwan tapha dhaqaaf deebitti mo’achuun seenaa galmeesisuudhaan gara Kolombiyaatti qajeeluuf qophaa’usaaniis himaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “Luusiiwwan har’a falmii maahessaa jalqabu”

  1. Pingback: Study in Africa
  2. Pingback: fox888
  3. Pingback: Buy Guns Online

Comments are closed.