Dorgommiin Qaxxaamura biyyoolessaa boru adeemsifama

Fifinnee: Dorgommiin Qaxxaamura Biyyoolessaa 41ffaan bor ganama sa’aatii 12:00 irraa kaasee Jaanmeedaatti akka adeemsifamu ibsame.

Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Yohaannis Ingidaa ibsa dheengada gaazexeessitoota ispoortiif kennaniin akka jedhanitti, dorgommii baranaa kanarraatti Itoophiyaa dabalatee biyyoonni ollaa Keeniyaa, Sudaaniifi Sudaan Kibbaa ni hirmaatu. Dorgommii qaxxaamura biyyooleessaa Jaanmeedaa kun akkuma kanaan duraa sadarkaa adda addaatiin kan adeemsifamu ta’uu himanii, atileetonni beektonni dhiiraafi dubaraan, dargaggoonni dhiiraafi dubaraa akkasumas atileetoonni hangafoonni umurii 50 gadifi 50 olii dorgommicharratti ni hirmaatu. Akkasumas naannooleen shan, bulchiinsa magaalaa tokko, kilabootaafi dhaabbilee 25 irraa walumaagalatti atileetonni 956 dorgommicharratti qooda kan fudhatan ta’uu eeraniiru.

Dorgommiin Qaxxaamura Biyyoolessaa Jaanmeedaa kun atileetota Itoophiyaa bakka bu’anii Dorgommii Qaxxaamura Biyyaa Afrikaa Guraandhala 25 bara 2024 Tuniiziyaa Magaalaa Tuniizitti adeemsifamuufi Dorgommii Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa kan Bitootessa 30 bara 2024 magaalaa guddoo Sarbiyaa, Beelaarusitti adeemsifamurratti hirmaatan filachuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Dorgommiin Qaxxaamura biyyoolessaa boru adeemsifama”

  1. Pingback: site web

Comments are closed.