“Qilleen ayyaana abaarsi seexanaa dhala namaarra ture itticabeedha” – Luba Kitilaa Balaay Mokonnon

Ayyaanni Qillee bifa amantaanis aadaanis waggaa waggaan kan kabajamu yoo ta’u, guyyaa abaarsi uumamarra ture itti cabee walabummaan ittimirkanaa’e waan ta’eef waaqaaf galata, lafaaf nageenya gooftaan nuu dhalate ergaa jedhu kan of keessaa qabuudha jedhu Lubni Kitilaa Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa Balaay Mokonnon.

Lubni Kitilaa Balaay Mokonnon turtii addatti ayyaana Qillee ilaalchisuun Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin dhalli namaa gabrummaa abaarsa seexanaa jalaa bara kuma shanii ol jalaa dhalachuu Gooftaa Keenya Yesuus Kiristoosiin bilisa bahuu sababa godhachuun ayyaanichi bifa ho’aan waggaa waggaan kan kabajamuudha jedhu.

Qilleen ayyaana bilisummaati kan jedhan Lubni Balaay, aadaafi amantiin walkeessa kan jiru waan ta’eef bifa hafuurawaanis ta’e bifa aadaatiin ayyaanichi kabajamuu kaasu. Manneen amantaa alatti dargaggeessiifi gaheessi dirreetti bahanii tapha Qillee taphatu, yeroo tikseenillee burraaqanii ittitaphataniidha.

Dhalachuu Yesuus Kiristoos hordofee Gooftaan nuu dhalate, araarri nuu bu’e, gabrummaan cabe, tokkummaan nuu dhufe jechuun dhalli namaa kaaniifi tikseen waliin faarfataniiru kan jedhan Lubni Balaay, injifannoon hundaaf waan ta’eef dacheetu gammade jechuun ibsu.

Ayyaanichi ayyaana walabummaan uumamaa ittimirkanaa’e, addunyaaf ifni ittibahe waan ta’eef mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaafi kiristaanota biratti sirriitti kan kabajamu yoo ta’u, gama aadaanis bifuma walfakkaatuun sirritti kabajama.

Dhalachuu Yesuus Kiristoos hordofee ergamoonni Sabasagaloonni kennaa libaanata, karbeefaa qabatanii bakka Yesuus Kiristoositti dhalate dhaqaniiru, kunimmoo gammachuu argatan sana ittiin ibsachuuf kan yaadameedha.

Yoo gara aadaatti dhufnee ilaalles aadaafi amantaan walitti hidhamaadha kan jedhamus yoo kan walhinfallessine ta’eedha jedhanii, Qilleen karaa hafuuraa mana amantaa Kiristaanaa keessatti bifa aadaatiinimmoo haalota garagaraatiin kabajama.

Kanamalees ayyaanichi maqaalee gara garaan jechuunis Qillee,Jaarii Dallaafi kan biroon kan wamamu yoo ta’u gochoonniifi duudhaaleen ayyaanicharratti gaggeeffaman kan walfakkaataniidha.

Yesuus Kiristoos dallaa loonii keessatti dhalate jedha wangeelli. Haluma kanaan yoo gara aadaatti dhufnee ilaalles dallaa looniirra jiidhawwan gara garaa muranii ijaaruun, marqaa marqanii mijuu qabatanii tokkummaan dhandhamuun gammachuusaanii ibsatu.

Taateewwan aadaafi mana amantaa keessatti kabaja ayyaana Qillee sababeeffachuun gaggeeffaman kan walhidhan waan ta’aniif bakkeewwan lamaanittuu kabaja guddaa kan qabuudha.

Walabummaa addunyaan dhalachuu Yesuus Kiristoosiin argatte harqoota gabrummaa seexanni dhala namaarratti baroota dheeraaf fe’ee ture kan itti cabeedha. Kanaaf yeroo ifaa, jaalalaa, tokkummaafi dhiifamaati jedhan.

Manni amantaa Ortodoksii Itoophiyaas ta’e kan addunyaa ayyaanichaaf ulfina guddaa qabu kan jedhan Lubni Balaay, araara, walkabajuu, waljaalachuu kanamalees yeroo kennaawwan garagaraa waliif kennuun gammachuu waloo itti dhandhamaniidha jechuun ibsu.

Ayyaanicha ilaalchisuun abbootii amantaarraa nagaa labsuu, dhaloota eebbisuu, kan wallole araarsuu, kanneen rakkatan gargaaruu, kanneen hidhaman gaafachuun dirqama manni amantaa isaanitti kenneedha.

Gammachuun ayyaana kanaa kan mana amantaa kiristaanaa qofa miti kan jedhan Lubni Balaay, kan uumama dachee hundaa guyyaa bilisummaansaanii ittimirkanaaheefi harqoonni gabrummaa seexanaa itti cabe waan ta’eef guyyaa addaati jechuun eeru.

Akkuma Sabnisagal dhalachuu gooftaa hordofanii kennaa fudhatanii deeman gama aadaanis ayaanichi maqaa garagaraa haaqabaatu malee duudhaa mana amantaa keessatti gaggeeffamuun garaagarummaa waan qabu miti.

Keessumaa Oromiyaa keessatti Qillee dabalatee ayyaanonni hedduun yeroorraa yerootti kan kabajaman yoo ta’u, Oromoon hundumaa keessaa kan qabu, hammataa, duudhaafi aadaa guddifachaanis amantaan lagaan osoo hinqoodiin mara simatee jiraachisaa jira.

Oromiyaan akka naannolee biroo dachee amantiin aadaafi ayyaanni muraasa garee tokko qofaaf agarsiistuu ta’ee tajaajilu osoo hintaane naannoo sabdaneessaa hordoftoonni amantiilee gara garaa keessa jiraatan waan taateef fakkeenya gaariidhaan kan kaatudha.

Abbootiin amantaa soogidda biyya lafaati nagaa labsu, araara, tokkummaa jaalala labsu kun ergama Waaqni tokkichi nutti kenne waan ta’eef gaarummaa jaalala labsuun barbaachisaadha.

Gabaabaatti ayyaana hordofanii kabajuu qofti gahaa waan hintaneef ajajoota kurnan hammachuun jaalala gammachuu, araara dhiifama labsuun afaaniin qofa osoo hintane gaarummaa qabatamaan hojiin agarsiisuun murteessaadha.

Hamma kana hintaanetti faallaa qajeelfama mana amantaa deemanii ajajawwan kurnan diiguun amantichaaf kabaja kennuu dhabuu ykn beekumsa hafuuraa gadi fagoo ta’e qabaachuu dhabuu agarsiisa.

Tibbana Phaaphaasiin tokko addababa’iitti bahee oggaa geggeessaa biyyaa, Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) abaaru, “Ajjeesaa, ganaa, didaa nurraa kaasaa” jedhee dubbatu dhagahameera. Warri akkasii abbaa amantaa osoo hintaane nama siyaasaati jechuun ibsan. Mana amantaa keessatti hojii hafuuraatu hojjetama jedhanii, walajjeesuu, waljifachuu walsakaaluu gorsuun hojii seexanaa ta’uu Lubni Balaay kaasaniiru.

Haata’uutii faallaa duudhaa mana amantaa deemanii abaarsa lallabuun sirrii miti ykn duudhaa ayyaana Qillee miti. Sagaleen Waaqayyoo nageenya malee hamaa hinlabsu. Abbootiin amantaa duudhaa amantii abboommii kurnan eeguufi eegsisuu, addunyaaf, mootummaaf, uumamaaf kadhachuudha malee mootummaa abaarsaan angoorraa buusuuf aboon hinkennmneef jedhan.

Mormitoota aangootti fiduufis mootummaa aangoorraa buusuunis hojii abbootii amantaa miti. Kanamalees gama aadaanis ta’e hafuuraatiin faallaa duudhaa amantaa kiristaanaati kan jedhan Lubni Balaay, gaheen abbootii amantaa kan dhibameef, kan dhukkubsateef, kan rakkateef, mootummaaf, fayyaaf, nageenya biyyaaf, kadhachuu amantoonnimmoo waan qabaniin walgargaaruun gammachuu waloosaanii guyyaa itti dhandhamaniidha malee kan itti wal abaaran miti jechuun ibsan.

Duudhaan amantii kiristaanaa siyaasa lallabuu osoo hintaane sagalee dhugaa lallabuudha mootummaa gadi xiqqeessuu, paartii morkataa siyaasaa aangessuuf yaaluu hinhammatus jedhan.

Abbootiin amantaa siyaasaafi wangeelli walkeessa jalaa ta’e dhaabatanii of ilaaluun, seera mana amantaaf abboomamuu, akkaataa gorsa mana amantaan hogganamuun fala ta’uus kaasanii jiru.

Kiristaanummaanis ta’e amantaan kamuu nagaa labsa. Ministirri Muummee keenyas guyyaa aangootti dhufanii kaasanii tokkummaafi jaalala araaraafi obbolummaaf kabaja kan kennan ta’uusaaniin Sinodosii bataskaana Ortodoksii biyya keessaafi ala jechuun lamatti walqoodamee ture akka walitti araaraman godhaniiru jechuun yaadachiisan.

Sinodosiin kunniin lamaan yeroo torba torba wal abaaranii yeroo dheeraaf adda bahanii turan kan jedhan Lubni Balaay, shoora dhiifamaafi araaraa isaan taphataniin araarri bu’uuraa, tokkummaan sinodosiis deebi’eera, isa kanaafimmoo abaarsa osoo hintaane kabajatu malaaf jechuun ibsan.

Sooma keessa taa’anii abaarsa hamaa akkasii maqaa amantaan raawwachuun duudhaafi aadaa amantichaan kan hindeeggaramne waan ta’eef amantaafi siyaasa gargar baasanii deemuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Dirreen siyaasaa qondaaltota siyaasaaf dirreen hafuuraammoo abbootii amantaafi hordoftootaaf kan baname waan ta’eef abaarsa jibbaa walajjeechaa dhiisnee jaalala tokkummaa araara labsuun dirqama jedhan.

Ayyaanni Qillee faajjii abaarsi dhalootarra ture kan itti cabe araaraafi jaalalli, ifniifi walabummaan addunyaaf kan itti mirkanaahe waan ta’eef waleebbisuun waliin gammaduun duudhaa ayyaanichaa ta’uu eeraniiru.

Humna nageenyaa jiruufi jireenyasaa dhiisee walabummaa biyyasaa kabachisuuf daangaarra dhaabate abaaruun naamusa kabaja mana amantaa dhiitu waan ta’eef haalichi balaaleffatamuu qaba jedhan.

Kanamalees paartii morkataa olkakaasuun eebbisanii mootummaa aangoorra jirurratti kakaasuun ajjeechaa, jibba, walwaraansa labsuun hojii seexanaa waan ta’eef warreen maqaa amantaatiin siyaasa baatanii deeman akkasii qalbiitti akka deebi’aniif kadhachuufiin barbaaachisaadha jedhan.

Walumaagalatti ayyaanni Qillee karaa mana amantaa kiristaanaas karaa aadaas haalota gara garaatiin kan kabajamu yoo ta’u, innis araara, tokkummaa, jaalala, waldanda’uu waliif yaaduu walgargaaruu kan dhukkubsateef araara, kan hidhameef dhiifamni mootummaafi biyyaaf nageenyi akka mirkanaa’u kadhachuufi hojii abaarsaa cabsuun kan gaaggeeffamudha jechuun eeran.

Abbootiin amantas kana beekanii kadhannaadhaan biyyasaaniif, lammiileesaaniif, addunyaaf akka araarri bu’u dura dhaabachuun ayyaana dhalachuu Gooftaa Keenya Yesuus Kiristoosiin injifannoon walabummaa argame akka cimu hojjechuun nurraa eegama jedhan.

Lubni Balaay ayyaanichi kan abaarsi itti cabu, araarri itti bu’u tokkummaafi jaalalli biyyaa ittimirkanaa’u akka ta’uuf hawwii qaban ibsataniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016

Recommended For You

7 Comments to “ “Qilleen ayyaana abaarsi seexanaa dhala namaarra ture itticabeedha” – Luba Kitilaa Balaay Mokonnon”

  1. Pingback: 토토싸이트

Comments are closed.