Waliigaltichi tumsa dameewwan dinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi loltummaa bal’aa kan hammateedha.
Somaalii Laandiin fedhii qircannaa kolonii Warra Lixaa hordofee, gita bittaa Ingilizii jala kan turte yammuu tahu, ALA tti Juun 26, bara 1960 biliisomte. Yeroo sana biyyoonni baay’een beekamtii kan kennaniif tahuunis ni yaadatama. Haa tahu malee, baruma sana guyyoota shaniin booda gita bittaa Xaaliyaanii jala turtee kan biliisomte Moqaadishootti fedhii isheetiin makamte. ALA Bara 1991 ammoo irra deebiin biliisummaa ishee labsattee waggoottan 30n darbaniif filannoo nagaatiin aangoo mootummaa waljijjiiraa demokraasii shaakalaa jirti.
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni adda addaa Argeessaatti waajjira Qoonsilaa banatanii socho’aa jiru. Haa tahu malee hanga ammaatti beekamtii guutuu hin arganne. Kanas tahee tajaajila Ulaa Galaanaafi misooma biroorratti biyyoota tokko tokko waliin waliigaltee mallatteessiteetti.
Yeroo ammaa kana biyyoonni biroonis adeemsa walfakkaatu hordofaa jiraachuun beekamaadha. Kun wayita tahu mormiis tahe komiin dhaga’ame hin turre. Waliigaltee argannaa tajaajila ulaa daldala galaanaafi dahoo qubannaa humna waraanaa Itoophiyaan qajeeltoo kennanii fudhachuufi kiraatiin mallatteessites sanarraa adda miti. Itoophiyaafi Somaalii Laandii gidduu waliigaltee waltumsaa bubbuletu ture.
Yaalii gareen lamaan hariiroo michummaa duraan qaban caalmaatti cimsuuf taasisaniin kan mallattaa’e waliigalteen waltumsaa miilanaa kun gaaffiiwwan seenaa qabeessa gama lamaanii kan deebisu, waltumsaafi deeggarsa ifa tahe, kan adda baheefi tarsiimo’aa itti fufiinsaan ijaaruuf kan dandeessisuudha. Gama Somaalii Laandiitiin gaaffiiwwan biyyi kamuu waan barbaadeef milkeessuu hin dandeenye kan deebisu yammuu tahu, tumsaafi shariikummaa biyya kamirraayyuu argachuu hin dandeenye kan gonfachiisuudha.
Fedhii biyya keenyaa ilaalchisee imaammata haajaa alaa keenyarratti ifatti haala ibsameen ollaa keenyaaf dursa kennina. Kanaafis rakkoo isaanii qooddannee fala isaatiif waliin hojjechuu, qabeenya keenya waliin misoomsuufi qooddachuudhaan mul’ataafi fedhii waltumsaan guddachuuf qabnu milkeeffachuuf nu dandeessisa. Carraa mirkaneeffannaa wabiifi faayidaa biyyaalessaa keenya eeggachuufi tarkaanfachiisuu nuuf uuma.
Biyyi keenya seenaa yeroo dheeraa, giddugaleessaafi dhiyoo keessatti qabeettii ulaa galaanaa turte. Shira dhiyoofi fagoorraa furgaafameen ulaa galaanaarraa dhiibamtee turuuf dirqamte. Boodarra deebitee ulaa galaanaa qabaatteetti. Boodana ammoo waggoottan kurnan sadan darbaniif gaaga’ama keessoofi shira alaatiin wal-waraansa waliinii keessa turte. Xumura waraansa waliinii kanaatti dogongora seenaafi seera duratti raawwatameen waggoottan soddomman darbaniif deebitee ulaan itti cufamte.
Mootummaan jijjiiramaa waggoottan shanan darban waraanaan osoo hin taane qajeeltoo kennanii fudhachuutiin cabiinsa seenaafi gaabbii dhalootaa sirreessuuf filannoo ulaa galaanaa dhaabbiifi guddina biyya keenyaa waliin wal madaaluufi amansiisaa tahe barbaacharrati cichee hojjechaa tureera. Yaadni kun calqaba bara kanaa irraa eegalee gabbachuudhaan Itoophiyaanotaafi hawaasa idil addunyaaf ifoomuuf gaheera. Mootummaan biyya kamuu waliin waraanatti kan hin senneefi filannoowwan qaama hunda fayyadamtoota taasisan jiraachuu kan amanu tahuu ejjennoo qabachuun, Itoophiyaanis qajeeltoo kennanii fudhachuutiin qabeenyashee kan qooddu tahuu ibsaa tureera.
Haaluma kanaan gurra kennuufi dhaga’uuf kan fedhaniif ammas ejjennoon kun kan hojjetu tahuu ibsa.
Dhimmoota faayidaa waloorratti Somaalii Laandii waliin mariin bilchinaafi tasgabbii qabu ji’oottaniif godhameera. Kanaafis waliigalteen qaamolee lamaan fayyadamoo taasisu mallattaa’eera. Sanada kanaan Itoophiyaan odola galaanaa Eden irratti carraa tajaajila daldala ulaa galaanaafi dahoo qubannaa humna waraanaa ittiin argattu uuma. Akkaatuma ejjennoo mootummaan dursee ibseetiin Somaalii Laandiin Daandii Xayyaaraa Itoophiyaarraa qooda liizicha keessaa tilmaamamu akka qabaattu godha.
Yaalii Somaalii Laandiin beekamtii argachuuf taasiftu keessatti mootummaan Itoophiyaa gadi fageenyaan xiinxalee ejjennoo qabatus ni dabalata.
Qabeenyi uumamaa Uumaan qaxanicha badhaase hunda keenyaafuu gahaadha. Diddaan waltumsaa sodaanis tahe shiraan aguugame gadi aantummaa umrii gadadoo ummattootarratti dheeressuun alatti egeree caalu kan uumu miti. Waliigalteen Somaalii Laandii waliin raawwatame fedhii Itoophiyaan qajeeltoo kennanii fudhachuufi waltumsaatiin biyyoota ollaa waliin misoomuuf agarsiiste qabatamaan kan mirkaneesseedha. Carraan kun hundaafuu banaa kan tureefi ammas kan itti fufuudha.
Waliigaltichi carraa gadadoofi gaabbii barootaa Itoophiyaanotaa yaaluu kan uumeedha. Kanaafis taatee seenaa qabeessa Itoophiyaanota hunda gammachiisuudha. Itoophiyaanonniifi michuuwwan ishee, hawaasni idil addunyaa nagaa qaxanichaaf yaadaniifi hawwan hundi gammaduu qabu.
Biyyis tahe qaamni waliigaltee kanaan miidhamu tokkollee hin jiru. Seerri cabeefi amantaan dabes hin jiru. Haqni kun akka eegametti tahee, qaamni dhimmichi karaa nagaa xumuramuun aarse, naasiseefi haalicha booressuuf dhama’u hin jiraatu hin jedhamu.
Waan taheefis, Itoophiyaanonni biyyi keenya qaxanichatti hanga isheef maluufi madaaluun, ardii keenyaafi addunyaarratti iddoo isheef malu wayita argattu, gahee ijaaraa wayita bahattu, faayidaa ishee wayita kabachiifattu qofa kan waliin kabajamnu tahuu amanuudhaan, kan yeroo kamiiyyuu caalaa garaagartummaa keenya waldandeessisnee harka walqabchuun akka mul’annuuf mootummaan RDFI waamicha dhiyeessa.
Kun cehumsa seenaa baroota keessatti yeroo tokko uumamu waan taheef carraa kanatti fayyadamnee biyya keenya haa baraarru. Qeeqa seenaa baroottaniin booda dhufu ooluuf wal abaaruufi wal sakaaluu keessaa baanee boqonnaa mul’ina Itoophiyaa tokkummaan itti labsinu haa godhannu!!
Muddee 2016
Finfinnee
Tajaajila Koomunikeeshinii Mootummaa
BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016
5 Comments to “ Mootummaa RDFIfi Somaalii Laandii gidduutti waliigalteen waltumsaafi waldeeggarsaa mallattaa’eera”
Comments are closed.