Finfinnee: Sababa waraanaa taasifamee tureen walqabatee rakkoon fayyaa hawaasaa naannoolee Tigraay, Amaaraafi Affaaritti hammaate deggersa taasisuuf akka tolutti sirriitti qoratamuu akka qabu kallattiin kaa’ame.
Wiixata darbe yaa’iin Rakkoo Quucaruu Daa’immaniifi Inshuraansii Fayyaa Hawaasaarratti xiyyeeffate wayita adeemsifametti, Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonnon rakkoo quucaruu daa’immanii sababa waraana tureen hammaateefi harkifannaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ilaalchisee deggersa barbaachisu taasisuun akka mijatutti rakkooleen kunneen gad fageenyaan qoratamuu akka qaban qajeelfama dabarsaniiru.
Sababa waraanaanis ta’e rakkoolee biroon walqabatee sirna nyaataa fooyyeessuu dadhabuun rakkoon quucaruu daa’immanii Itoophiyaa Kaabaatti calaqqisu rakkoo hamaa tarkaanfachuu dadhabame ta’uu eeranii, fala dha’uun akka mijatutti keessattuu waraana tureen walqabatee rakkoon fayyaa hawaasaa mudate atattamaan qoratamee dhiyaachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay Obbo Geetaachoo Raddaa gamasaaniin akka jedhanitti, waraanni Itoophiyaa Kaabaatti adeemsifame ture hongee amma mudateen walqabatee rakkoo quucaruu daa’immanii hammeesseera. Haaluma walfakkaatuu, ummatni naannichaa fedhii tajaajila inshuraansii fayyaa qabaatus qaqqabummaan jiru garuu gadaanaadha. Rakkoon fayyaa, hawaasummaafi dinagdee naannicha jiru haalaan ulfaataadha. Kanaafuu, ummata naannichaa baraaruuf deggersi addaa mootummaa federaalaafi hawaasa idil addunyaatiin taasifamuu qaba.
Yeroo ammaa ummatni naannichaa kaffalee wal’aanamuun haa hafuutii buusii inshuraansii fayyaa kaffaluufuu humna akka hinqabne himanii, rakkoo kanaaf xiyyeeffannoon adda kennamuu baannaan gaaga’amni caalu mudachuu akka danda’u sodaa qaban ibsaniiru.
Ministirri Fayyaa Doktar Liyaa Taaddasaa gamasaaniin, rakkoon Itoophiyaa Kaabaa jiru hamaa ta’uun hubatamee hanga humni eeyyamu deggersi barbaachisaan taasifamaa jiraachuufi fuuldurattis kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.
Gama Inshuraansii Fayyaa Hawaasaan hojii hojjetameen lammiilee miliyoona 55 ta’an fayyadamoo ta’uu eeranii, uwwisnisaa dhibbantaa 59 irra yommuu ga’u bara dhufu guutumaatti waliin ga’uuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Akkasaan jedhanitti, haala amma jiruun aanaaleen biyyattii kuma tokkoofi 20 fayyadamoo tajaajilichaa wayita ta’an qarshiin biliyoona 6.4 walitti qabameera. Tajaajila kennamuun yommuu wal bira qabamu buusiin miseensotarraa walitti qabamu dhibbantaa tokko kan hincaalledha. Dhibbantaan 31 arjoomtotarraa, harki caaluu jechuunis dhibbantaan 33 ol ammoo mootummaan kan ramadedha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016
3 Comments to “Hubaatiin fayyaa hawaasaa waraana Itoophiyaa kaabaatti adeemsifameen walqabatu qoratamuu qaba”
Comments are closed.