Kora 14fffaa qorannoo Oromoo seeneessa dabe sirreessuuf kaayyeeffate

Adaamaa: Seenaafi seeneessi dogongoraa biyya kana keessatti hundee gadi fageeffachuun seenaa dhugaa dhoksee sobammoo dhugaa fakkeessuun dhaloota barsiise. Dhalootni seenaaafi seeneessa sobaa kanaan guddatan immoo daandii dogongoraa kana qabatanii dhugaa jiru fudhachuuf rakkatan.

Adeemsi sabootni dhugaan jalaa dabde sirreefachuuf falmiii taasisan immoo warra seenaafi seeneessa dogongoraa dhugeeffateef heexoo caalaa itti hadhaa’a.

Kora seenaafi seeneessa dabde sirreessuudhaan duudhaan Oromoo akka ijaarsa biyyaatiif oolu irratti xiyyeeffate Magaalaa Adaamatti taa’ameera. Ammaan booda sodaafi sodaachisa kamiinuu seenaa dabe osoo arganii bira darbuun akka Irbuu nyaachuutti tumamee jala sararame.

Korri Qorannoo Oromoo marsaa 14ffaa kaleessaafi dheengadda mata duree “Duudhaa keenya ijaarsa biyya keenyaaf “jedhuun Magaalaa Adaamaatti adeemsifameera. Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti, Walittiqabaan Kilastara Hawaasummaa Obbo Abdulhakim Muluu haasaa waltajjicharratti taasisaniin akka jedhanitti, Inistitiyuutin Qorannoo Oromoo dhimma kana qorannoon deeggaruudhaaf hojii boonsaa ta’e hojjachaa jira.

Oromoon dhimma fedherratti qorannoo gageessuun dhugaa jalaa dabde barbaachuudhaaf yeroo mirga guutuu itti argate keessa jiraachuu himanii, Korri Qoranno Oromoo dhugaa saba guddaa dagatame barbaaduuf taasifamaa jiru kun immoo yeroo gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaan kaasaa turte itti deebii argattetti ta’uunsaa adda isa taasisa.

Gaaffiin waggoota dheeraa yeroo ammaa deebii argate kun immoo adeemsa dippilomaasii bilchaataafi dandeettii marii fudhatanii kennuurraa kan madde waan ta’eef duudhaa kanaan biyya ijaaruun akka danda’amus kan agarsiiseedha.

Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoo kun hundaa’uunsaa gaaffii waggoota dheeraa hayyootni dhimma Oromoorratti qoratan kaasaa turan kan deebise ta’uu kan himan immoo Daarikterri inistitiyuutichaa Obbo Dirribaa Tafarraati. Inistitiyuutichi turtii waggoota lamaa keessatti hojiilee qorannoo hedduu kan geggeesse ta’uus himaniiru.

Inistitiyuutichi bara jalqaba hundeeffame mata dureewwan garaagaraa 40 ta’anirratti hojiiwwan qorannoo kan gaggeesse ta’uu himanii, bara 2015 immoo matadureewwan gara garaa 60 ta’an irratti qorannoo gageessuu kan adeemsise ta’uus dubbataniiru.

Baranas qorannoowwan faayidaa sabaa gurguddaa qaban 62 ta’anirratti kan hojjatamu ta’uu himanii, korri akkanaa kun immoo hayyootaaf dirree kan banu waan ta’eef hirmaannaansaanii yeroo gara yerootti cimaa dhufuus eeraniiru.

“Gahee Oromoon Aartii biyyaa keessatti qabu, dhaloota duudhaa ganamaatti deebisuu, warraaqsa aadaa, aadaa mariifi naeenyaa” matadureewwan qorannoon itti dhihaatan keessaa isaan muraasa.

Bayyanaa Imrahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “Kora 14fffaa qorannoo Oromoo seeneessa dabe sirreessuuf kaayyeeffate”

Comments are closed.