Finfinnee: Haala kamuu keessatti ummattoota biyyattii biratti aadaan waldeeggaruufi miirri obbolummaa cimuu akka qabu Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa ibsan.
Obbo Qajeelaan Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, har’a shira siyaasaa xaxamuun waldhiibuu, walciiga’uun kan calaqqisu yoo ta’u, duudhaan waltumsuu waan haphate fakkaata.
Ta’us ummatni Itoophiyaa durii eegalee gammachuu keessatti daboo walii ba’uun, cidha walii bareechuu akkasumas rakkoo keessatti walhirphuufi aadaa wal jajjabeessuu cimaa qabaachuunsaa dagatamuu hin qabu.
Miidiyaalee hawaasaafi idileen ololli jibbiinsaafi waraanni labsamu taatee yeroo gabaabaa ta’uu ibsanii; ummatni garuu ummata waggoota dheeraa waliin jiraate waan hedduus waliin qooddate waan ta’eef salphaatti olola yerootiin diigumsatti kan affeeramu akka hin taane jala sararaniiru.
Namaaf namni qoricha ta’uunsaa aadaa keenya keessatti dhimma bakka guddaa qabudha kan jedhan Obbo Qajeelaan; ayyaana sababeeffachuun aadaan wal hiyyaafachuu, firooma cimsuufi harka qalleessa hirphuu akkuma jirutti ta’ee harka qalleessa waaraan hiyyummaa keessaa baasuuf karaa itti agarsiisuufi tumsuu barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.
Akka biyyaatti qaala’iinsa jireenyaa dabalaa dhufe mo’achuuf aadaa hojii halkaniifi guyyaa hojjechuu gabbifamuu akka qabus hubachiisaniiru.
Akka Ministeera Aadaafi Ispoortiittis tokkuummaa, Obbolummaafi walkabajuu ummattoota biyyattii dagaagsuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa turuu yaadachiisanii; tibba kanas namuu aadaa tokkummaa, kabajaafi jaalala waloo haala cimsaturratti guyyaan waloomaa dorgommii ispoortii dabalatee sagantaalee garagaraatiin kabajamuu dubbataniiru. Kana malees, cidha gaa’elaa kan namoota kuma tokko bakka tokkotti raawwachuun qaama sochii tokkummaafi obbolummaa cimsu akka ta’es ibsaniiru.
Biyya kanatti tokkummaa qofa osoo hintaane walkabajuun dhimma murteessaa ta’uu eeranii; wayita tokkummaafi obbolummaa keessatti walkabajuun dagaagu jibba, waldhiibuufi waltuffiin bakka dhabaa akka dhufu dubbataniiru.
Akka Obbo Qajeelaatti, hawaasni tokkoomeefi gamtoome yoomuu eessattuu dhageettii qabaachuu qofa osoo hintaane hawaasa barbaadamuudha.
Hawaasni waliigaluufi tokkummaa qabu sodaatamaafi kabajamaadha. Ummatni tokkoome waan hin yaadamneefi ulfaataa ta’e akka dalagu gaaffiin hulaa galaanaa tibbana deebii argate kaasuun ni danda’amas jedhaniiru.
Hulaan galaanaa Barbaraafi Zayilaan amma argaman kun Itoophiyaa waliin seenaa dheeraa qabaachuu yaadachiisanii; bara durii meeshaaleen naannoole Oromiyaa Kibbsa, Naannoo Kibbaafi Sumaalee kallattii kanaan alatti ergamuu qofa osoo hintaane alaa illee galaa turuu ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016
7 Comments to “ “Aadaan waldeeggaruufi miirri obbolummaa haala kamuu keessatti cimuu qaba” – Obbo Qajeelaa Mardaasaa”
Comments are closed.