Finfinnee: Ayyaana Dhalachuu Gooftaa Yasuusiifi Cuuphaasaa sababeeffachuun beeyladootafi omishaaleen qonnaa gahaan akka dhiyaatan hojjechaa jiraachuu Biiroon Daldala Oromiyaa ibse. Giddu galli Misooma Beeyladaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnees gabaa ayyaanaa tasgabbeessuuf dhiyeessiirratti hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Ittigaafatamaa ittaanaan biirichaa Obbo Tasfaayee Gashoo Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, gabaa ayyaanaa tasgabbeessuuf dhiyeessii gahaa akka jiraatu gochuurratti hojii bal’aa hojjetaa jira. Daldala seeraan alaa ayyaanaan walqabatee uumamuu malurratti sirna to’annoo cimaa diriirsuun ala koree teknikii gabaa hundeesseera.
Haalatti daldaltoonni gatii madaalawaan omishaalee gabaaf dhiyeessaniifi tasgabbii gabaarratti qooda fudhattoota hunda waliin marii bal’aan taasifamuu ibsaniiru. Daldaltoota omishalee kuusaniifi galtee hinbarbaachisne makuun gabaaf dhiyeessuu yaalanirratti to’annaafi hordoffii jabaan ni taasifamas jedhaniiru.
Loon kuma 179fi 868, holaa kuma 186fi 149, Re’ee kuma 127fi 632 waliigala beeyilada qalmaa kuma 493fi 649 akkasumas midhaan callaa kuntaala kuma 493fi 649, kuduraafi muduraa kuntaala kuma 121fi 588, gabaaf akka dhiyaatan hojjetamaa jira. Shukkaara kuntaala kuma 26fi 134, zayita nyaataa liitira miliyoona tokkoofi kuma 558 ol, daakuu kuntaala kuma 28fi 987 mootummaan gabaaf akka dhiyaatus ibsaniiru.
Raawwachiisaa Hojii Olaanaan Giddugala Misooma Beeyladaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Taaddasaa Tasfaayee gamasaaniin, qaala’iinsa gatii tasagabbeessuuf beeyladoota gatii madaala’aan dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Giddugalichi erga hojii eegalee baatii shan lakkoofsisuu himanii; killee miliyoona 3.2, aannan liitira kuma 100fi loon qalmaa 321 gabaaf dhiyeessuu danda’eera.
Giddu galichi omishaaleesaa yuuniyeenii shamattootaa kutaa magaalaa Finfinnee 11 akkasumas hojjettoota mootummaafi hawaasaa naannawaatiif dhiyeessuun gabaa tasgabbeessuurratti argama jedhaniiru.
Obbo Taayyee Dhufeeraa Sheedii gurgurtaa giddugalichaatii wayita aannan bitatanii ba’an arginee akka nuuf ibsanitti, giddugalichi omishaalee qulqullina qaban dhiyeessuun dabalata gatiinsaas madaalawaadha jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016
5 Comments to “Gabaa ayyaanaatiif omishni gahaan dhiyaachuun ibsame”
Comments are closed.