Mee isaan haa yaadannu

Gaazexeessaafi Barreessaa Tamasgeen Gammadaa jedhama. Akka moggaasa yeroo sanaatti kutaa Biyya Wallaggaa, magaalaa Naqamteetti, abbaasaa, Abbaa Wangeelaa Gammadaa Goobanaafi Harmeesaa Aadde Moositee Guutaarraa bara 1937 dhalate.

Obbo Tamasgeen yeroo umriinsaa barumsaaf ga’u, achuma magaalaa Naqamtee kan ture, bara sana mana barumsaa Ergamoota Wangeelaa Siwidiin jedhamee beekamutti hamma kutaa 6ffaatti barate.

Barumsasaa kutaa 7ffaafi 8ffaa, dur mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Qadaamaawii Hayilasillaasee jedhamutti barate. Barumsasaa kutaa 9ffaa-12ffaa ammoo, Kolleejjii Wangeelaa Bishooftuutti barate.

Barumsasaa olaanaa ammoo Yunivarsitii Qadaamaawii Hayilasillaasee duriitti, Kolleejjii Ijaaraa (“Building College”) seenee utuu barataa jiruu, akkuma waggaa sadaffaa xumureen gidduutti kutee Raadiyoonii Waldaa Kiristaanota Lutiranii Addunyaatiin geggeeffamu, Raadiyoonii Bisiraat Wangeel jedhamutti teknishaanummaan mindeeffame.

Utuma haala kanaan hojjechaa jiruu mootummaan Hayilasillaasee Magaalaa Hararirraa kan darbu sagantaa raadiyoonii Afaan Oromoo jalqabuuf qopheessitoota sagantaa waan isa barbaachiseef, Obbo Tamasgeen Gammadaa, Raadiyoonii Bisiraat Wangeelirraa, Obbo Kumaa Eda’ee Ministeera Eegumsa Fayyaarraa, akkasumas Obbo Huseen Adam Tajaajila Oduu Itoophiyaa, Magaalaa Finfinneerraa, waamicha taasifameefiin Onkoloolessa 21 bara 1965 sadii ta’anii sagantaa tamsaasuu akka jalqaban taasise .

Sadii ta’anii seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif akkuma Afaan Oromootiin raadiyoonii Harar waggoota lamaaf tajaajilaniin mootummaan Hayilasillaasee kufee yeroo mootummaan Dargii aangoo qabatu raadiyoonii Itoophiyaarraa sagantaan Afaan Oromoo Finfinneerraa akka darbu murtii dabarseen, Mudde 18 bara 1967 jalqabsiisuuf Tamasgeen Gammadaafi Kumaa Eda’ee raadiyoonii Hararirraa, Kiflee Jootee Gammachuu ammoo achuma raadiyoonii Itoophiyaa, kutaa oduu keessaa walitti fiduudhaan, sadii ta’anii sagantaa Afaan Oromoo dabarsuu jalqaban.

Yeroo sagantaa kana jalqaban Kiflee Jootee hoogganaa kutaa sagantaa Qophii Afaan Oromoo ture.

Ani barreessaan seenaa kanaa raadiyoonii Itoophiyaa, qophii Afaan Oromoo Magalaa Finfinneerraa darbutti yeroof gargaaraa qopheessaa sagantaa (“freelance”) ta’ee kanan makame bara 1969 iddoon barsiisuu kutaa biyya Wallaggaa, Konyaa Jimmaa Arjoo, Aanaa Leeqaa Dullachaa, mana barumsaa sadarkaa1ffaafi 2ffaa giddugaleessa Baandiraarraa Finfinnee boqonnaaf dhufee, yeroon Tamasgeenfaa dubbisuuf buufata raadiyoonii Itoophiyaa, Finfinnee, Ganda Abuna Pheexiroos deemetti ture.

Obbo Tamasgeenis; “Ati maaliif torbanitti sagantaa tokko qabattee mindeessa firiilaansiin nun gargaartu? Nuti sadii qofa taanee sagantaa ganamaafi galgalaatiin sa’aatii tokko, tokko hojjechuun waan nutti ulfaateef nu gargaarta” naan jennaan itti makame.

Tamasgeen raadiyoonii Itoophiyaa, qophii Afaan Oromoo Finfinneerraa darbu keessa waggaa lamaaf hojjetee bara 1969 ji’a Hagayyaa raadiyoonii Hararitti deebi’ee hogganummaan akka hojjetu yeroo lammataaf ergamee, waggaa tokko tajaajile.

Gaazexeessaafi Barreessaa Tamasgeen, bara 1972-1983 Finfinnee, Tajaajila Oduu Itoophiyaa, bara1984-1985 Ministeera Beeksisaatti qajeelcha gulaalaa ogbarruu Itoophiyaa, yookiin qajeelcha “Saansuurii” jedhamee beekamu keessa hojjete.

Bara 1985-1988tti Biiroo beeksisa Oromiyaa keessas tajaajiluudhaan, bara 1988 soorama ba’ee, dhukkuba onneetiin qabamee utuu Hospitaala Xuqur Anbassaatti waldhaanamuu bara 1999 Adoolessa 13 du’aan addunyaa kanarraa gargara ba’e.

Obbo Tamasgeen abbaa ijoollee dhiiraa lamaafi durba tokkoo ture.

Gaazeexeessafi Barreessaa Tamasgeen Gammadaa Goobanaa bara 1971 kitaaba Afaan Oromoo matadureensaa, “Waldhaansoo Gitootaafi Warraaqsa Ummataa” jedhamu qubee Saabaatiin barreessee dubbistootaaf dhiyeesseera.

Gaazeexessaafi Barreessaaa Tamasgeen Gammaddaa, bara jireenyasaa keessatti ejjennoo Oromummaadhaan cunqursaa ummata Oromoorra ture dhabamsiisuuf qabsaa’ota Oromoo wajjin walquunnamtii cimaa kan qabu ture.

Keessumaa hogganaa paartii M.I.S.N. /Sochii Soshaalistummaa Itoophiyaa/ kan ture Obbo Hayilee Fidaa wajjin hiriyaa mana barumsaa turan. Bara jalqaba warraaqsa Itoophiyaa keessattis waliin hojjechaa turan.

Bara hojiisaa keessattis ilaalcha Oromummaasaatiin bara mootummaa Dargiis ta’e ADWUI ija shakkiitiin waan isa ilaalaniif guddina sadarkaa hojiifi mindaa dhorkanii hacuuccaa guddaa irraan ga’aa turan.

Keessumaa ilaalcha Oromummaasaa kanaan bara 1970 magaalaa Hararitti hidhamee akka ture nan yaadadha. Kana malees ji’a Bitootessa bara 1998 -1999 mana hidhaa Qaallittiitti waggaa tokkoof hidhamee ba’eera.

Gaazexessaafi barreessaa Tamasgeen Gammadaa wajjin seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif sadii ta’anii tamsaasa raadiyoonii Itoophiyaa, Qophii Afaan Oromoo Magaalaa Finfinneerraa dabarsuu kan jalqaban, Kiflee Jootee Gammachuufi Obbo Kumaa Eda’ee, sirriiti walitti qabadhee, akkuman xumuureen isinii dhiyeessuuf waadaan gala.

Kanneen ummataafi biyyaaf hojjetan yaadachiisuufi yaadachuun dirqama barreessitoota seenaafi ogbarruu Afaan Oromoo waan ta’eef, hayyooti Oromoo ogummaa kanarratti bobbaatan, barreessitooti seenaa sirnooti cunqursitootni darban jajallisanii, gara ofiisaaniitti looganii barreessan, akkasumas kan dhoksan, qorattanii ifa baastanii, barreessuun dirqama Oromummaa keessan ta’uu kabajaan isin yaadachiisuun barbaada. Ummati Oromoos waan baay’ee isinirraa eega.

Yeroon seenaa kana barreessu ilmi Obbo Tamasgeen, Amantii Tamasgeen Gammadaa suurasaanii naa kennuudhaan waan na gargaareef nan galateeffadha.

Yaa kabajamtootaafi jaalatamtootaa, Barooti seenaa kana keessatti ani ibse hundi, akka lakkoofsa Itoophiyaatti.

Waan dubbistaniif galatoomaa!

Isaayyaas Hordofaa Miijanaa

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016

Recommended For You

9 Comments to “ Mee isaan haa yaadannu”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: site
  3. Pingback: chat online
  4. Pingback: promo

Comments are closed.